Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Benjaamin Netaniyaahu: Komaandoo waraanaa hanga ministira muummee Israa’el
Kan gara waggoota 17'f ministira muummee Israa'el ta'an, Benjaamiin Netaniyaahuu waan lamaan addatti beekamaniiru - gaggeessaa bara dheeraa aangoorra ture ta'uufi osoo aangoorra jiranii aanga'aa yakkaan shakkamee mana murtiitti dhiyaate ta'uun.
Deeggartoonni isaanii maqaa masoo "King Bibii/ mootii Bibii" jechuun waamu. Kan kana jedhaniif ammoo raajii filannoo mo'achuu irratti isaan agarsiisanidha. Jecha isaaniitiin "Maajiishiyaan" jechuun jajatu.
Israa'el keessatti paartii warra leellisoo ta'an "right-wing" jedhaman hoogganu. Maqaan paartii isaanii kunis Liikuwid jedhama.
Netaniyaahuun yeroo himannaa malaammaltummaa irratti dhiyaateef mana murtiitti deddeebiyaa jiranitti paartiin isaanii gaaffii jiraachuufi jiraachuu dhabuurra jira.
Benjaamiin Netaniyaahuun maqaa gaarii kan ittiin horatan Baha Giddu-galeessaa keessatti humnoota Israa'eliin tuttuquu barbaadanirraa nageenya ishee nama eegisisuu danda'anidha jedhamuuni.
Warra Filisxeemotaa irratti ejjennoo jabaa qabachuun dhimmi nageenyaa yeroo hunda dubbii ijoo marii taasisuun beekamu. Iraan ammoo Israa'eliif nyaapha akka taatetti fudhachuun xiyyeeffannaa addaan irratti hojjetaniiru.
Dhaala/Legaasii Obboleessaa
Benjaamiin Netaniyaahuun Israa'el Tel Aviiv keessatti bara 1949 dhalatan. Bara 1963 keessa ammoo abbaan isaanii Benzion carraa barnootaa UStti argachuu hordofee garasitti godaanani.
Abbaan isaanii carraa barnootaa UStti argatan kun hayyuu seenaafi rogeessa jabaa warra Yihudootaa turan.
Yeroo umuriin isaanii waggaa 18 guutu Benjaamiin Netaniyaahuu gara Israa'elitti deebiyuun waggoota shaniif loltummaan tajaajilan.
Turtii isaanii mana loltuu Israa'el keessattis Kaappiteenii garee Komaandoo buleeyyii Sayeret Matkal jedhamu ture.
Benjaamiin Netaniyaahuu bara 1968 keessa ammoo duula buufata Xiyyaaraa Beerutitti gaggeeffametti hirmaatanii ture.
Akkasumas, waraana Baha Giddu-galeessaa bara 1973 irrattis Komaandoon bara Sanaa, MM Israa'el ammaa Benjaamiin Netaniyaahuu qooda fudhataniiru.
Benjaamiin Netaniyaahuu erga loltummaa keessa tajaajilaniin booda gara UStti deebiyuun Inistitiyuutii Tekinooloojii Maasaachuseet (MIT) keessatti digirii isaanii jalqabaafi mastersii baratan.
Bara 1976 obboleessi Netaniyaahuu, Jonaataan, Yugaandaa Intebeetti osoo duula namoota butamanii ugguraman baraaruurra jiranii ajjeefame.
Du'aatiin isaa maatii Netaniyaahuu keessatti dhiibbaa baayyee gadi fagoo ta'e qaba. Maqaan Jonaataan Israa'el keessatti bakka guddaa qaba.
Netaniyaahuun inistitiyuutii farra-shororkeessummaa yaadannoo obboleessa isaaniif hundeessuun bara 1982 ammoo Waashingitanitti itti-aanaa ergamaa Israa'el ta'an.
Halkan tokkotti haala jechuun danda'amuun, Netaniyaahuun waltajjiirratti bahanii beekamtii argate. Afaan Ingiliffaa ammoo loqoda warra Ameerikaatiin yeroo dubbatan haalaan nama hawwata, nama amansiiselle.
Kanumarraa ka'uun televizhinii US keessa jiran irratti hedduu beekamuun nama Israa'eliif ammoo aaddatti falmu ta'aa dhufan.
Netaniyaahuun bara 1984 ammoo waajjira UN Niiwu Yoork jirutti bakka bu'aa Israa'el ta'uun muudaman.
Aangootti ba'uu
Siyaasa biyya keessaatti deebiyanii hirmaachuu kan jalqaban bara 1988 keessa ture.
Bara sana siyaasa biyya keessaatti hirmaachuun Liikud Paartii bakka bu'uun teessuma tokko paarlaamaa keessaa mo'achuun itti-aanaa ministira dhimma alaa ta'an.
Boodarra ammoo dura taa'aa paartii ta'uun bara 1996 ajjeefamuu Yitzihak Rabin hordofee Israa'el keessatti ministira muumee kallattiin filataman jalqabaa ta'an.
Netaaniyaahuun gaggeessaa hunda caalaa umuriin ijoollee jedhameeras; erga Israa'el bara 1948 biyya taatee hundooftee nama jalqaba aangoo guddaa biyyattiirra bahanidha.
Waliigaltee nageenyaa Israa'eliifi Filisxeem gidduutti bara 1993 Oslootti irra gahame hadheeffatanii kan morman turan.
Ta'us, ofiidhuma isaanimmoo waliigaltee bakka Hebroon jedhamu %80 Aanga'oota Filisxeemotaaf dabarsanii kennaniiru.
Bara 1999 ammoo filannoo yeroo dhaabbataa ji'oota 17 dursanii gaggeessuun gaggeessaa Lebar Paartii Ihud Baaraakiin mo'atamanii waajjira keessaa bahanii turan.
Ihud Baaraak kun ammoo komaandara duraanii Netaaniyaahuu turan.
Masaanuu siyaasaa
Netaaniyaahuun gaggeessummaa Liikud Paartii irraa bu'anii bakka isaanii Ariyaal Shaaron muudaman.
Shaaron ammoo bara 2001 ministira muummee ta'uun filatamuu hordofee Mr. Netaaniyaahuun ministira dhimma alaa ta'uun aangoo mootummaatti deebi'an. Isaan boodas ministira maallaqaa ta'uun tajaajilaniiru.
Bara 2005 keessa Israa'el ulaawwan Gaazaa to'attee turte keessaa bahuu ishee mormuun aangoo gadi dhiisanii turan.
Ammas bara 2005 yeroo Shaaron dhibee onneetiin of wallaaluun (koomaa) keessa hin galiin dura paartiin hanga tokko yaada giddu-galeessummaa qaba jedhamu Liikud irraa cabee Kadima kan jedhu hundeessan carraan biraa deebi'e dhufeef.
Hojii baroota isaanii keessatti hojjetan keessaa muraasa bara isaa waliin
- 1949 - Tel Aviiv keessatti dhalatan
- 1967-73 -loltummaa keessatti Kaappiteenii Komaandoo ta'uun tajaajilan
- 1984 - UNtti ambaasaaara ta'an
- 1988 - Paarlaamaa galuun hojii mootummaa eegalan
- 1996 - Ministira muummee ta'an
- 1999 - Filannoorratti mo'aman
- 2002-03 - Ministira dhimma alaa ta'uun tajaajilan
- 2003-05 - Ministira maallaqaan ajaajilee Gaazaa keessaa bahuu mormuun aangoo gadhiisan
- Mudde 2005 - Deebiyanii gaggeessummaa Liikud Paartii mo'atan
- 2009 - Deebiyanii ministira muummee ta'an
- 2013 - Irra deebiin ministira muummee ta'uun filataman
- 2015 - Marsaa afraffaaf mo'atan
- 2019 - Gubboofi matta'aan, waliin dha'uufi amantaa cabsuun himataman
- 2020 - Marsaa shanaffaaf dorgommii jalqabanii, mana murtiitti dhiyaatan