'Mootummaan qindaawaa Israa'eliif balaadha' jechuun Netanayaahuun akeekkachiisan

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Netanayaahuu qondaaltonni siyaasaa 'right-wing' tahan, mootummaa tokkummaawaa hundeessuuf wiixinee qophaa'e keessa akka hin seenne akeekkachiisan.

Wiixineen paartileen walitti makamuun mootummaa tokko hundeessuuf qophaa'e kun ''nageenya biyyaa balaarra buusa'' jedhan Aab Netanayaahuun.

Ministirrri Muummee kun erga namni isaan sabboonummaa biyyaalessummaa dhaadhessu/arbeessu Naftali Bennett, duree paartii warra gidduu (centrist), Yair Lapid waliin haasaa eegalaniiti, kan isaan qondaaltonni isaan waliin jiran akka mootummaa tokkummaawaa hin deggerre dhaaman.

Aab Lapid gamasaatiin hanga Roobii dhufuutti mootummaan tokkummaawe akka hundaa'u barbaada.

Adeemsi kun milkoofnaan namni yeroo dheeraaf Ministira Muummee ta'uun Israa'el bulchaa turan Aab Netanayaahuun yeroon aangoosaanii ni goolabama.

Yakka saamichaa fi waliin dhahuun himatamaa kan jiran Netanayaahuun filannoo waliigalaa Bitootessa darbe filatamerratti sagalee qofaasaanii mootummaa hundeessuuf isaan dandeessisu hin argatin hafaniiru.

Aab Netanayaahuun filannoo akkanaa yeroo afraffaaf hin milkaa'in hafan, dabalataan ammammoo mootummaa qindoominaa mormaa jiru.

Qondaalli siyaasaa ganna 71 kan yeroo dheeraaf siyaasa biyyattii harkaa qaban, akkasumas waggoota 12f ministira muummee ta'uun biyyattii dursan, Aab Netanayaahuun Dilbata kaleessaa akkas jedhan:

''Mootummaa amma jiruun faallaa, left-wing government, akka hin hundeessine. Hundeessinaan nageenyaa fi egeree Israa'eliif balaadha.''

Maaliif akka jedhan garuu bal'inaan hin ibsina hafan.

Aab Netanayaahuun morkataa isaanii Aab Bennet yakka saamichaa fi waliin dhahuutiin himatu.

Qondaalli siyaasaa kun hawaasa gara hin taanetti oofaa jira kan jedhan Aab Netanayaahuun, qondaaltonni siyaasaa duraanii paartii Yamina (paartii Aab Bennett), paartii Yair Lapid dursanitti akka hin makamne waadaa galanii turan jedhan.

Qondaalli siyaasaa umrii waggaa 49 Aab Bennett gamasaanii mootummaa qindoominaa uumuuf akka hojjetan TV irratti beeksisaniiru.

"Aab Netanayaahuun ammallee mootummaansaa gonfoosaa qabatee akka itti fufu fedha, kun gonkumaa hin ta'u. Mooraa masaraa biyyaalessaa fi biyyattii guutuu harkasaatti galfatee itti fufuu barbaada,'' jedhan Aab Bennett.

"Waahila kiyya Yair Lapid waliin ta'uun mootummaa qindoominaa uumuuf waan narraa eegamu hundayyuu nan raawwadha.''

Qondaaltonni sadeen yaadasaanii ibsachuun dura miidiyaan biyyattii akka gabaasee turetti, akkaataa mootummaa haaraa kanaan Aab Bennett Aab Netanayaahuu bakka bu'uun aangoo qabatu, achii booda marsaa itti aanuun ammoo nama ganna 57 Aab Lapid'f dabarsu.

Wiixineen mootummaa tokkummaawaa biyyaalessaa uumuu kun paartilee biyyattii gama hundaa: right, center fi left jedhaman walitti fiduun siyaasa giddugaleessatti gumeessa.

Paartileen biyyattii hagas mara ejjennoo walfakkaataa qabaachuu baatanis, garuu kanneen Aab Netanyaahuun morkatan, aangoo isaan waggootaaf qabatanii turan akka xumuramu waan barbaadaniif irratti qindaa'aa jiru.

Duraan Ministira Maallaqaa kan turan dursaan paartii Yesh Atid Aab Lapid, erga Ministirri Muummee Beenjaamin Netanayaahuu mootummaa hundeessuu dadhabanii booda, hanga Waxabajjii 2, 2021'tti mootummaan qindoominaa biyyaalessaa akka hundaa'u murteessan.

Paartiinsaanii, kan Aab Netanayaahuu Likud jedhamutti aanuun lammaffaarratti filatame.

Filannoo Israa'el kan bakka bu'ummaa walqixaa fi haqa qabeessa ta'e kennuuf gaggeeffamu keessatti, paartiin tokko qofaasaa teessoo mootummaa hundeessuuf isa dandeessisu argachuun rakkisaadha.

Kanaafuu paartileen kaan paartii sagalee guddaa argatetti makamuun mootummaa qindaawaa biyyaalessaa uumu.