Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Israa'el-Paalestaayin: Odeeffannoo sobaafi dogongoraa adda baafaman
- Barreessaa, BBC Monitoring
- Gahee, Essential Media Insight
Akkuma lolli Israa'elii fi Paalestaayin jidduu cimaa ademeen maxxansaaleen odeeffannoo sobaa fi dogongoraa qabatan bal'inaan onlaayiniin qodamaa jiru.
BBCnis odeeffannoo dogongoraa gama lamaanuu miidiyaa hawaasaarratti qodamuun ijoo dubbii ta'an muraasa akka fakkeenyaatti xiinxaleera.
Viidiyoo rookkeettii Siriyaa irraa malee Gaazaa irra hindhokaane
Dubbi Himaan Ministira Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaanyaahuu, viidiyoo tiwitara irratti qooduun Haamaas, Israa'eel keessaa bakka ''namoonni baayinaan jiraatan' irratti rookkeettii dhukaasee jedhe.
''Rookkeettiiwwan 250 ol dhukaafaman keessaa kanneen harka 1/3 ta'an qarqara Gaazaatti qubachuun lammiilee Paalestaayin ajjeessaa jiru'' jedhan Ofiir Gendelmaan tiwiitariin.
Haata'u malee viidiyichi kan tureefi kan lola Siriyaa irraa fudhatame malee kan Gaazaa hin turre.
Innis tibba Mootummaan Siriyaa tarkaanifii gareewwan riphee loltootaa kan magaalaa Deraa keessarratti bara 2018 fudhatedha.
Tiwitarri mataansaa ergaa sana akka ''miidiyaa waan hin malleef fayyadamuutti'' ibsuun viidiyichi kan lola Siriyaa ta'uu mirkanneessuuf geessituu [link] itti dabaleera.
Erga qeequmsa sanaatiin boodas Mr Geendelmaan maxxansa isaanii haqaniiru.
Ergaan tiwiitii 'humnootii Israa'eel' kan jedhu soba
Fayyadamtoonni tiwiitaraa tokko tokko maxxansa Humni Ittisa Israa'el (IDF) jechuun suuraa kaasuun baay'inaan qoodaa turan tokkos kan ''Ijoollee ajjeessuu jaalanna'' jedhuu fi ''Ijoollee muraasa boombiin ajjeefneera'' jedhan qoodaa turan.
Suuraan (screenshots) sunis kan sobaafi tarii meeshaa karaa onlaayinii jiranitti fayyadamuun kan hojjataman ta'uu danda'u.
Humni Ittisa Israa'eel fuula tiwiitara isaa irrattis ta'ee gara biraaatti ibsa akkasii hin baafne.
Akkaawuntiin maxxansaaleen sobaa kun jalqaba ka'ee akka mul'suutti, nama cimsee Paalestaayin deeggaruufi kan ejjannoo farra-Israa'eel qabu akkasumas nama ciigoon barreessa ofiin jedhuun.
Viidiyoon 'awwaalcha sobaa' Gaazaa keessaa hin agarsiisu
Lammiilee Israa'eel miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa qaban muraasni viidiyoo tokko qooduun Paaleesityaanoonni namoota haleellaa qilleensaa Israa'eliin Gaazaa keessatti ajjeeffamaniif sirna awwaalchaa sobaa raawwataa jiru. Kunis addunyaan akka gadduufiidha jechaa turan.
Viidiyoo gorsaa Ministira Haajaa Alaa Israa'eliinis qoodame kana keessattis, gareewwan dargaggootaa waan akka reeffa fakkaatu tokkoo yoo gateettii isaaniitti baatanii deeman agarsiisa.
Akkuma sagalee akeekkachiiftuu yeroo balaa dhagahaniin reefficha lafa kaa'uun baqatu. Achiinis kan reeffa jedhamee lafatti gatamees ka'ee yoo fiiguu mul'ata.
Bitooteessa 2020 keessas viidiyoon walfakkaatu kan mul'ate yoo ta'u, yeroo sanatti gareewwaan dargaggootaa akka waan awwaalchaaf deemaa jiranii fakkeessuun hokkoora Covid-19 cimaa cabsuuf yoo yaalaniidha jedhamee ture.
Viidiyichi haashtaag 'palywood'' ( Paalistiniyaani Hollywood) jedhu jalatti miidiyaa hawaasaa gurguuddaa irratti fayyadamtoota deegartoota Israa'eeliin yeroo dhiibaan lakkaa'amaniif qodameera.
Viidiyoon yoo Masjiidi al-Aqsaa gubatu hinmul'isu
Deeggaratoonni Paalestiyaanootaa muraasn viidiyoo kana qoodanis masjiidii al-Aqsaa kan Baka Yerusaaleemiitti argamu abiddaan barbadaa'aa jira jechuun Israa'eel himataa turan.
Viidiyichi dhugaadha haa ta'u malee ammoo warrabbiin dabalataa kallattiiwwan gara biraa baargamoon masjiidicha biraa abiidaan qabatee malee masjiidicha akka hin taane ifatti agarsiisa.
Gamoon masjiida Magaalaa Durii kan taatee Yeruusaaleem keessatti argamus eddoowwan Islaamaa eegaman keessaa tokko. Eddoon kun akkasumas bakka qulqulluu warra Judootaa kan Gaara Mana sagadaa jedhamuun beekamu itti argamutis.
Viidiyoo kana keessatti, garee dargaggoota dhiiroota Jushootaa wayita faaruu farra Paalestiyaanootaa gara duubee Gamoo Lixaatiin faarfatan mul'ata.
Ka'imsi balaa abidda kanaa falmisiisaadha.
Poolisiin Israa'el ibsa kenneen balicha kan fide abidda waaqeffattootni Paalestaayin darbataa turanidha. Garuu warri paalestaayin ammoo balicha kan fide boombii harkaa poolisoonni Israa'el darbatan tahuu himu.
Akka gabaasa Rooyitersitti, mukichi masjiida irraa meetira 10 caalaa hin fagaatu. Balichis booda kan dhaamfame yoo tahu, masjiidichis hin gubanne.
Viidiyoon durii kun misaa'ela daandii Gaazaa irraa hin agarsiisu
Ergaan Tiwiitera irratti haalaan qoodame tokko yeroo hidhattootni Haamaas misaa'ela konkolaataan fe'anii daandii Gaazaa irra gadi deeman agarsiisa.
Viidiyoo sana irratti yeroo daa'imni dubbattullee dhagahama. Maxxansi nama Israa'el deeggaruu US irraa tahe akka jedhutti; ''Ammas Haamaas lammiilee nagaa akka dahootti fayyadamuun Jewushoota ajjeesuuf akka jiru argineerra....kanaaf Israa'eel lammiilee nagaa waan miidhamaniif deebistee hin qolattu.''
Haa tahu malee viidiyoon kun Feesbuukii irratti kan maxxanfame Sadaasa 25 bara 2018 yoo tahu, barreeffamni isaa jala jiru magaalaa Abu Sinaan, Galiilaa Israa'el keessa tahuu agarsiisa.
Arik Tooler, qorataaa maddeen odeeffannoo banaa tahanii 'Bellingcat' kan tahe, viidiyoo sana irratti misaa'ela kan fakkaatan mul'atan humna waraanaa Israa'eliin kanneen shaakalaaf oolaniidha.
Namni Tiwiitera irratti viidiyoo kana maxxanses booda balleessuun '' odeeffannoo dogogoraaf'' dhiifama gaafateera.