Seenaa daa’imman waldhabdee Israa’el-Paalastaayiniin lubbuun isaanii darbe

Lola ammaa Israa'el-Paalestaayin kanaatiin namoota Gaazaa keessatti ajjeefaman 219 keessaa 63 ijoollee akka ta’an, Ministeerri fayyaa himeera. Israa’eelitti ammoo namoota 10 du’an keessaa lama, ijoollee akka ta’an tajaajilli fayyaa biyyattii ibseera.

Da'imman ajjeefaman keessaa armaan gaditti seenaan ijoollee muraasaa kunooti.

Ijoollee maatii al-Kawaalek, umurii ganna 5 hanga 17

Haleellaan Israa’eel Dilbata yemmuu giddugaleessa magaalaa Gaazaatti daandii al-Wihdaa rukute, yoo xiqqaate miseensonni maatii al-Kawatek 13 manni isaani irratti jijjigee lubbuun isaanii darbeera.

Namoota du’an keessaa hedduun isaani ijoollee akka ta’aniifi, tokko daa’ima umurii baatii ja’a akka ta’e himameera.

“Aara malee homaa hin agarre,” jechuun miseensi maatichaa balaa kana jalaa oolte Sanaa al-Kawale, miidiyaa interneetaa Felesteenitti himteetti.

“Ilmakoo na bira ture arguuniin dhabe, haammadheenis ture garuu homaa arguu hin dandeenye.”

Humni Ittisaa Israa’eel (IDF) haleellaan kun “kan hin baramne” akka ta’eefi lammileen nagaa du’uun isaanii kan karoorfame miti jedha. Dubbi himaan IDF akka jedhutti haleellaan kun boyiin akka jigu godhee achumaan manneen jigseera.

Kanneen ajjeefaman keessaa obbolaan dubaraa Yaaraa ganna 9, fi Ruulaa ganna 5 ni argamu.

Barsiisaan isaani tokko ijoolleen kun barattoota amala qaban, kan yeroo hunda hojii manaa isaani hojjatan turani jechuun BBCtti himeera.

Suuraan miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame mucaa ganna 10 Aziiz al-Kawaalek, reeffaa harmee isaa bira ta’ee jiru agarsiisa. Maatii isaa kallattii keessaa isa qofatu lubbuun oole.

Idoo Avigaal, ganna 5

Namoota Israa’eel keessatti du’an keessaa kan umuriin xiqqaa ta’e daa’ima ganna shanii Idoo Avigaal kan Roobii magaalaa Sideroot keessatti ajjeefamedha jedhamee yaadama.

Yeroo sagaleen akeekkachisaa rokkeettii dhaga’ameetti harmeen isaa isa qabattee kutaa haleellaa damdamachuuf qophaa’e akka seente, Times of Israel gabaaseera.

Sibiilli rokkeetticha irraa fottoqe sibila ittisaaf foddaa kutaa sanaa haguugee ture uree seenuun harmee fi obboleettin isaa ganna torbas madaa’aniiru. Miidhaa irra ga’een sa’aatii hedduu booda lubbuun isaa darbe.

“Mana keenya turre, ijoolleen xiqqoo nuffinaan, haati warraakoo Shaanii mana obboleettishee mana lama darbee jiru fuuteenii deemte,” jechuun abbaan Idoo, Asaaf Avigaal Channel 13tti himeera.

Awwaalcha ilma isaa irratti Avigaal “bakkakee balaa kanaan hin du’iin hafuukootti dhiifama” jechaa ture.

Harmeen Idool ammallee hospitaalatti wal’aanamaa jirti.

Nadiin Awaad, 16

Roobii yemmuu rokkeettiin konkolaataa fi mana isaani rukute barattuun lammi Araba- Israa’eel ganna 16 Nadiin Awaad abbaa ishee ganna 52 waliin turte, lamaan isaani haleellaa kanaan du’aniiru.

Harmeen ishee, konkolaaticha keessa turte, guddaa miidhamtee akka jirtu ogeessonni fayyaa ni himu.

Durbiin ishee, Ahmad Ismaa’il mana keessa ta’ee sagalee rokkeettichaa akka dhaga’e hima. Kun kan ta’e magaalaa Lood bakka Yihudoonni fi Araboonni waliin jiraatan keessattidha.

Namootni ishee beekan Nadiin ‘dubara qaxalee” fi barattuu oggeessa fayyaa ta’uuf abjuu qabdu turte jedhu.

Ijoollee maatii al-Hadiidi, umurii ganna 6 hanga 13

Jimaata irra ijoolleen Muhaammad al-Hadidii afran- Suhayab, ganna 13, Yaahya, ganna 11, Abderraahim, ganna saddeet fi Osaamaa, ganna ja’a- ayyana Iid durbii isaanii wiirtuu baqattoota Shati jiran waliin kabajuuf wayyaa isaani mimmiidhaga uffatanii ba’ani.

“Wayyaa Iid isaani uffatanii, ashaangulliitii isaanii fudhatanii ayyaanicha kabajuuf gara mana eessuma isaanii deemani,” jechuun abbaan isaani ganna 37 gazexeessitootti himeera.

“Galgala sana bilbilanii asuma bulla jedhanii na kadhatanii jennaan toleen jedheeni.” Guyyaa itti aanuu gamoon isaan keessa turan rokkeetiin rukutame.

Obboleessa isaanii umurii baatii shanii qofatu lubbuun oole, innis kan lubbuun oolee gamoo kukkufee jala reeffa harmee isaa bira ciisee utuu jiruu argamee erga baraarameedha.

“Mana isaani keessa nagaan turani, meeshaa waraanaa hin qabani, rokkeettii hin dhukaasne,” jechuun Muhaammad wa’ee ijoollee isaa dubbata. “Maal balleessanii akkanaan ajjeefamani? Nuti lammilee nagaadha.”

“Ijoolleenkoo yeroo rafan, yemmuu hiriibaa ka’an wanti hunduu nagaa ta’a jedhanii abdataniiti. Amma garuu hin jirani. Yaadannoo isaanii fi urgaa isaani mana keessa jiru qofan qaba,” jechuun Muhaammad miidiyaa The Times’tti himeera.

Ibraahim al-Masry, 14 Ibraahim al-Masrii

Akka gabaasaleen himanitti, torban darbe yemmuu rokkettiin isaan rukutetti, Ibraahim al-Masirii obbolaansaa waliin dallaa mana isaani kaaba Gaazaatti argamu fuldura tabachaa ture.

Ibraahim, obboleessi isaa Marwaan fi firoottan isaanii hedduun, battaluma sana du’ani.

“Ramadaan irratti yeroo hunda Ifxaara dura akkanuma daandiitti ba’anii taphatu,” jechuun abbaan isaani Yuuseef al-Masrii The Independent’tti himeera.

“Yeroo dhufu hin agarre, dhukaasa gudda lama qofa dhageenye… namni hundi daandiirra fiigaa ture, ijooleen dhiigaa turanii, hadhooliin boo’aa turani, dhiigni bakka hunda jira ture.”

Obboleesi isaani maqaan isaa Ibraahim ta’e, gabaatti gurguruuf jecha citaa korojootti sassaabaa akka turan hima.

“Nuti taphachaa fi kolfaa turre, yeroo isaan tasa nu haleelan wanti nu marsee jiru hundi gubaachuu eegale,” jechuun AFP’tti himeera.

“Durbiiwwankoo yeroo ibiddaan gubataniifi qamnii isaani ciccituun arge.”

Hamzaa Nassaar, ganna 12

Roobii galgala Gaazaatti Hamzaa Nassaar sooma Ramaadaanaa hikuuf harmeen isaa hirbaata akka tolchutuuf kuduraa bituuf jecha manaa gadi ba’e. Manatti hin deebine.

Haleellan Israa’eel bakka awwalchaa Abu al-kas biratti gaggeeffame Hamzaa ajjeese, jechuun Al Jazeeraa gabaaseera.

Hamzaan barataa cimaa fi mucaa amala qabu ture jechuun abbaan isaa dubbateera.

Talaa Aymaan Abu al- Awuuf, ganna 13

Haleellaan mana al-Kawalek rukute, ollaa isaanii daa’ima ganna 13 Talaa Aymaan Abu al-Awuuf fi obboleessa ishee ganna 17 Toofik ajjeesseera.

Abbaan isaani Dr Aymaan Abu al-Awuufis halleellaa kanaan ajjeefame. Dr Aymaan hospitaala Shifaa magaalaa Gaazaatti hogganaa kutaa wal’aansaa dhibee qaama keessaa fi dursaa ittisa koroonaavayirasii ture.

Barsiisaan ishee kutaa torbaffaa maqaa isaa himu hin feene, Taalaan “barattuu cimtuu barnoota amantaa jaallattuu fi Quraana dubbisuufi sammuutti qabaachuu jaallattu turte jedheera.

Dabalataanis Wiirtuu Baqattootaa Norweejiyaan (NRC) keessatti Talaan hojii ijoollee balaan xiinsammuun isaani miidhame gargaaruuf hojjatamu irratti hirmaachaa turte.

Hogganaan wiirtuchaa Hazaayfa Yazjii “durumaanuu guddaa miidhamniiru” jechuun BBCtti himeera.

“Maraatummaan kun dhaabbachuu qaba… ijoollee kanaaf egeree kennuuf hokkorri dhaabbachuu qaba.”