ICC'n Gaazaa fi Weest Baank keessatti qorannoo 'yakka waraanaa' eegale

Madda suuraa, Anadolu Agency
Manni Murtii dhimma yakkoota waraanaa hordofu, ICCn, 'yakka waraanaa' Gaazaa fi Weest Baank dachee Paalastaayin keessatti mudateera jedhamuun himatamu qorachuu eegale.
Abbaan alangaa mana murtii kanaa Fatuu Bansuudaa akka jedhanitti, qorannoon kun taateewwan haleellaa waraanaa Waxabajjii 13, 2014 irraa eegalee dachee warri Israa'el irra qubatan Weest Baank, Jersusaalam gara Bahaa fi Ulaa Gaazaa keessatti raawwate irratti kan fuulleffatuudha.
Jaarmiyaan teessoo isaa guddicha Heeg godhate kun daangaa bakkeewwan kunneenii irratti qorannoo yakka waraanaa gaggeessuuf aangoo seeraa akka qabu ji'a darbe ibsee ture.
Israa'el murtee kana kan didde yoo ta'u Paalastaayin garuu gammachuudhaan simatte.
ICC'n qaamolee fi jaarmiyaalee qindaa'anii yakka duguuggaa sanyii raawwatan, akkasumas kanneen dhala namaarratti yakka waraanaa fi sanyii balleessuu raawwatan seeraan adabuuf aangoo qaba.
Sanadi seeraa 'Rome statue' jedhamu ittiin bulmaata Mana Murtii Yakkoota Waraanaa(ICC) ta'uun bara 1998 Itaalii magaala Room keessatti kan mallattaa'e ta'ee bara 2002 hojiitti gale.
Hanga bara 2019'tti biyyoonni 123 miseensa walii galtee sanada seeraa kana ta'aniiru.
Israa'el hanga yoonaatti miseensa waliigaltee kanaa ta'uuf hin mallatteessine, Paalastaayin garuu itti dabalamuunshee bara 2015 Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin fudhatama argateera.
Aadde Bensuudaan akka jettutti qorannoon kun ifatti eegalamuun dura qorannoon haala duraa waggoota shanii oliif gaggeeffamaa tureera.
Haalonni qorannoo gaggeessuuf dandeessisan waan jiraniif, jaarmiyichi ofitti amanummaan, loogii malee fi karaa haqa qabuun qorannoosaa gaggeessuu itti fufa jedhan.

Madda suuraa, Reuters
"Waan Sana Room irratti waltaane hojiirra oolchuun alatti ajandaa biraa hin qabnu. Dirqama ogummaa keenya eegnee seera sana hojiirra oolchina.
Ajjeechaa jumlaa loltoonni Israa'el bara 2010 daangaa Gaazaa naannawa Mavi Marmaraa jedhamutti rogeeyyii Tarkii 10 irratti raawwatan qorachuuf haalli dandeessisu waan hin jirreef adda citeera kan jedhan Aadde Bensuudaan,
''Kan amma qorachuuf jennuuf garuu haalota amansiisoo ta'uu hedduu waan qabnuuf addaan hin kutnu. Dhimmoonni qoratamuun seeraaf dhiyaachuu qaban hedduudha,'' jedhan.
Akkasaan jedhanitti fuulleffannaa jaarmiyichaa, gama Israa'elif ta'e gama Paalastaayiniin, dhugaa miidhamtootaa baasuudha.
Lammiileen waggootaaf daangaa biyyoota adda addaarratti dararamaa turan haqa argachuu qabu jedhan.
Ministirri Muummee Israa'el oduu kana erga dhagahanii booda yaada kennaniin,''yaadi qorannoo jalqabuu jedhu kan uummata Jiwu miidhuuf yaadameefi faallaa uummatichaati'' jedhan.
Kanaafuu haqamuu qabas jedhaniiru.
''Biyyi Israa'el haleellaa jala jirti'' jechuun akeekkachiisa dabarsan.
"Manni murtii haleellaa Naaziin uummata Jiwu irratti raawwate qolachuuf dhaabbate amma ammoo deebi'ee uummata Jiwu balleessuuf deema'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Paalastaayin Riyaad al-Maalikii gamasaaniin, ''haleellaan waraanaa qondaaltonni Israa'el bakka humna qabatanitti lammiilee Paalastaayin irraan ga'anii fi ga'aa jiran qindaa'aa fi kan itti yaadame waan ta'eef qoratamuu qaba,'' jedhan.














