Manneen Israa'eel West Baanki keessatti ijaaraa jirtu keessaa eenyufaatu harka qaba?

Quubsuma warra Jiwu Jerusaalem gara Bahaatti ijaaramee jiru.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Akka seera addunyaatti quubsumni kun fudhatama hin qabu, Israa'eel garuu mormuu itti fufteetti

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Waajjirri Dhimma Mirga Namoomaa kubbaaniyyaawwan manneen Israa'eel West Baanki keessatti ijaaraa jirtu keessaa harka qaban adda baaseera.

Gabaasi UN kun yeroo dheeraaf eegamaa ture.

Akka gabaasa kanaatti kubbaaniyyaawwan 112 ijaarsa gaggeeffamaa jiruun hidhata qabu.

Kubbaaniyyaan akka Airbnb, Booking.com, Expedia Group fi Motorola Solutions jedhaman keessatti argamu.

Gabaasi kun warra Paalastaayin daran gammachiise, Israa'eel garuu 'waan qaaniiti' ittiin jette.

Israa'el bara 1967 irraa kaastee West Baank fi Jerusaalem gara bahaatti quubsama 140 caalan qabatteetti.

Erga hanga ammaatti namoonni naannawa sana jiraatan 600,000 ga'aniiru.

Akka seera idil addunyaatti gochi Israa'eel seeraan ala ta'ullee biyyattiin garuu diddee itti cichitee ijaarsa itti fufte.

West Baank keessattuu magaalaan Gaazaa madda waldhabdee Israa'el fi Paalastaayin ta'ee waggoota dheeraaf tureera.

Warri Paalastaayin suuraa Tiraamp wayita guban

Madda suuraa, EPA

Ji'a darbe Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp karoora araara buusuu baasanii turan ,karoorrisaanii garuu kan Israa'eel tumsudha.

Kibxata yaa'ii mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota gamtoomaniirratti kan argaman Pirezidaantiin paalastaayin Mahmuud Abbaas karoora Tiraamp akka hin fudhanne cimsanii dubbatan.

Ministirri Muummee Israa'eel Beenjaamiin Netanayaahoo ammoo karoorri Tiraamp nageenya biyyoota baha giddu galeessaa, keessattuu dhibdee Israa'eel fi Paalastaayin furuuf murteessaadha jedhan.

Gabaasi UN maal jedha?

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii bara 2016 irraa eegalee kubbaniyyaawwan manneen Israa'eel West baank keessatti ijaaraa jirtu tumsan qorachaa tureera.

Akka gabaasa Un'tti kubbaaniyyaawan harka lafa jalaatiin ijaarsa Israa'eel tumsaa turan meeshaalee ijaarsaa dhiyeessuu, tajaajila ogummaa kennuu fi maloota geejjibaaf haala mijeessuudhaan deggeraa turan.

Kubbaaniyyaawwan 112 ta'an haala kanaan tumsaa turuusaanii ifoomse UN.

Kanneen keessaa 94 Israa'eel keessa kan buufatan yoo ta'u, 18 ammoo biyyoota akka Ameerikaa, Firaansi,Nezerlaands, Laksamboorgi, Taayilaandi fi UK keessaa kan dhufaniidha.

Komishinarri Komishinii Mirga Namoomaa Addunyaa Mishel Bashelet kubbaaniyyaawwan kunneen hojii seeraan alaa tumsuu isaanii sirrii miti jedhan, adeemsi seeraa itti aanu garuu hoji manee mana maree nageenyaati jedhan.

Lammiileen Paalastaayin karoora araaraa Tiraamp morman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Paalastaayin karoora araaraa Tiraamp morman

Gabaasa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hordofuun lammiileen Paalastaayin gammachuu ibsachaa jiru, warri Israa'eel garuu dhimma dantaa biyya keenyaa sarbuudha jechuun komatan.

Abbaan fedhe yoo nu dura dhaabbates nuti ijaarsa keenya hin dhiisnu jedhan Ministirri Muummee Israa'eel Beenjaamiin Netaanayaahuu.