Dhimma Gaazaa waliin walqabateef ministirri ittisaa Israa'el aangoo gadhiisan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Ittisaa Israa'el murtee kaabineen biyyattii lola milishoota Paalastaayin Gaazaa keessa jiran waliin guyyaa lamaaf ture akka dhaabatuuf murteessuu isaarraan kan ka'e aangoo isaanii gadi dhiisan.
Avigdoor Leebermaan, dursaa paartii Yisrael Beiteinu kan ta'an murtee fudhatame sana "shorokkeessitootaaf harka kennuudha," jechuun balaaleffatan.
Fedhii garee Hamaas waliin yeroo dheeraadhaaf lola dhaabuu jedhus qeeqaniiru aanga'aa kun.
Wixataafi Kibxata rooketii 460 milishoonni gara Israa'elitti dhukaasaniin namoonni saddetti du'aniiru, Israa'el ammoo bakkawwan 160 Gaazaa keessatti argaman barbadeessiteetti.
Gaazaa irra jireessa qabatanii kan jiran Hamaas, akkasumas milishoonni Palastaayin keessa jiran biroon Kibxata jaarsummaa akka lola dhaaban Masiri gidduu seenteen walqabatee yoo Israa'el kan fudhattu taate qophii ta'uu dubbatanii turan.
Lola dhaabuu waliigaluun kun Roobii irraa eegalee hojiirra kan oolu yommuu ta'u alkan darbe irraa eegalee rookeetiin dhukaafame waan hin turreef manneen barnootaafi daldalaa Kibba Israa'el banamaniiru.
Haata'u malee, loltuun Israa'el kan jedhan nama Palastaayin waliigaltee lola dhaabuu kana cabsee meeshaa dhodho'u darbachuuf yaalaa ture dallaa Gaazaafi Israa'el gidduutti rukkutanii qabuu isaanii dubbataniiru.

Madda suuraa, AFP
Kun yeroo kanaan jirutti uummanni Israa'el daangaarra jiran yaaddoo rookkeetiin Paalastaaniyan irraa dhufuuf "tarkaanfii fudhachuu dhabuu mootummaan Israa'el" mormuudhaan hiriira ba'aniiru.
Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netanyaahuu murtee fudhatame sana tasgabbiidhaaf barbaachisaadha jechuudhaan sirrii ta'uu isaa dubbataniiru.














