Mormii Gaazaa: Mormiin Gaazaa lubbuu heduu galaafate
Ameerkaan Imbasii ishee Jerusaalemitti banuusheetiin wal qabatee mormii ka'een waraanni Israa'eel ummata Gaazaa 55 fixeera. Ergasiis lammiileen Paalastaayin mormii biraaf of qopheessaatti jiru.
Kibxati har'aa waggaa 70ffaa hundeeffama Israa'eel,bara 1948, kan warri Paalastaayin Nakba ykn balaa hamaa kumoota godaansaaf saaxile ittiin jedhaniidha.
Sirna awwaalaa namoota kaleessa wareegamanii irratti wiichiroon hookkarsaa kan biraan ni mudata jedhameetu sodaatama.

Hookkarri sababa Ameerkaan Imbasii ishee magaalaa Teel Aviiv irraa gara Jerusaalemitti dabarsuurratti cichuusheetiin ka'e kun warra Paalastaayin hedduu aarsee wareegama lubbuus kaffalchiise, ammas wareegama dabalataa kaffaluuf onnataa jiru namoonni kunneen.
Lammiileen Paalastaayin, ejjennoo Ameerkaan Jerusaalemiin magaalaa guddoo Israa'el gochuurratti agarsiisaa jirtu balaaleffatu, Israa'eel ammoo Jerusaalem keenya addaan hin cittu jedhu.

Madda suuraa, EPA
Mootummaan Israa'eel maal jedha?
Haleellaa Gaazaa namoota 55 galaafatee, 2,700 irraan miidhaa geessise, kan warri Paalastaayin erga bara 29014tii isa suukanneessaadha ittiin jedhan, mootummaan Israa'eel loltoonni isaa ofirraa ittisuuf akka kana raawwatan dubbata.
Ministirri Muummee Israa'eel Beenjaamin Netaanayaahuu loltoonni isaanii garee Hamaas kan Gaazaarraa isaan haleelaa ture ofirraa qoluuf jecha waraana ummatarratti akka banan dubbatu.
Aanga'oonni Paalastaayin waraana duguuggaa sanyii Israa'eel raawwateedha jedhan. Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniis gochi Iraa'eel mirga dhala namaa haala suukanneessaa ta'een sarbuu jalatti ramadama jedheera.
Daangaa Gaazaarratti waan ta'e
Mormiin kaleessa lammiilee Paalastaayin hedduu galaafate qaama mormii ji'oota ja'an darbaniif qindeessummaa Hamaasiin geggeeffamaa tureeti. Mormii yeroo dheeraaf ture kanaan Duula Bakkatti Deebi'uu Guddicha ittiin jedhu warri Paalastaayin.
Mormii kaleessaas ta'e kan har'aaf karoorfamee jiru Israa'eel guyyaa hundeeffamashee akka hin kabajanne gufachiisuu fi lammiilee Paalastaayin kumaatamaan lakkaawaman kanneen qe'eesaaniirraa buqqa'an yaadachuuf.

Madda suuraa, EPA
Akka Israa'eel jettutti ulaawwan Gaazaarratti bakkeewwan 13tti namoonni kuma 40 ta'an hookkara cimaa kaasanii turan.
Mormii kanarratti gareen Paalastaayin dhagaadhaan wayita haleelu warri Israa'el ammoo gaaza nama imimmaanessuu fi meeshaa waraanaa halaalarraa haleeluu danda'uun ummata bittimsaa turan.

Ilaalcha Hawaasa Idil Addunyaa
Gocha Israa'eel kana biyyoonni addunyaa mormaniiru, michuun Israa'eel, Ameerkaan garuu ammallee ejjennooshee jijjiiruu hin dandeenye.
Ameerikaa fi Israa'eel ammallee taanaan biyyi kamiyyuu daangaasaa eeggachuuf mirgaa fi dirqama qaba jedhu.
Dubbi himaan Waayit Haawus Raj Shah ''waan mudateef garee Hamaastu itti gaafatamummaa fudhachuu qaba'' jedha.
Kuweet gareen tokko of danda'ee akka dhimmicha qoratuuf ergaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif ergiteetti, yakka raawwatames balaaleffatteetti. Ameerkaan kana duras dhaabbatteetti.
Biriiteen gamasheetiin haleellaan badaan akkassii yaaddessaa ta'uu eeruun, garuummoo mormiin sun naga qabeessa ta'uu qaba jette.
Jarmaniin ammoo Israa'eel daangaashee kabachiifachuuf mirga akka qabdu ibsitee garuummoo murtee madaalawaa fudhachuutu irra ture jetti.
Pirezidaantiin Firaansi Emmanuel Macronis gocha Israa'eel balaaleffatan.
Tarkiin gocha sanyii balleessuu raawwatame Ameerkaanis akka qooddattu dubbatte, kanaaf Ambaasaaddaroota ishee biyyoota lameen jiran yaadachiifteetti.
Afriikaan Kibbaa ammoo gocha raawwatame erga balaaleffattee booda isheenis Ambaasaaddarri ishee Israa'eel jiran kana akka quba qabaatan dhaamteetti.













