Hariiroon Israa'eliifi biyyoota Galoo Galaanaa mallattoo 'barii nageenya Baha Giddu-galeessaati'-Tiraamp

Waliigalteen kun Baha Giddu-galeessaatti nageenyi akka uumamu ni gargaara

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waliigalteen kun Baha Giddu-galeessaatti nageenyi akka uumamu ni gargaara

Biyyoonni Galoo Galaanaa(Gulf states) jedhaman-Yunaaytid Arab Imireetis(UAE) fi Bahreen, Ameerikaarraa bakka Pirezidaant Tiraamp argamanitti waliigaltee mallatteessan.

Waliigaltee seena-qabeessa jedhame kanarratti Pirezidaanti Tiraamp hojii biyyoota baha giddu-galeessaa keessatti hojjetaa jiran leellisaniiru.

Biyyoota sadeen jaarsummaadhaan walitti fidaa kan turan pirezidaantichi, kun ‘Barii nageenyaa fi michummaa Baha Giddu-galeessaati,’’ jedhan.

Biyyoonni galoo galaanaa walii galtee mallatteessan kunneen, Israa’eliin akka biyyatti beekamtii kennuudhaan biyyoota Arabaa keessaa sadaffa fi afraffaa ta’u.

Kanaan dura biyyoonni arabaa Israa’eliif beekamtii kennan Masrii fi Jordaan qofa turan.

Masrii fi Jordaan bara 1978 fi 1994 wal-duraa duubaan Israa’el waliin walii galtee hariiroo isaanii cimsu mallatteessanii turan.

Miseensa Liigii Arabaa kan taate Mooritaaniyaan bara 1999 Israa’elliin michummaa uumtus bara 2010 walii galtee sana haqxeetti.

Erga Israa’el bara 1948 akka biyyaatti of dandeessee hundooftee as biyyoota arabaa keessaa biyyoota lameen kanneen qofatu beekamtii kennaaf.

Amma garuu UAE fi Bahreen yoo dabalaman biyyoonni araba afur Israa’eliin akka biyya of dandeesseetti beekamtii kennuuf jechuudha.

Sirna walii galtee mallatteessuu US keessatti raawwatame kanarratti Pirezidaantii dabalatee qondaaltonni mootummaa US, dureewwan Israa’el, UAE fi Bahreen argamaniiru.

Qondaaltonni argaman martuu hariiroo nageenyaa fi waliin jireenyaa biyyoota baha giddu galeessaa waliin akka itti fufan himan.

Paalastaayin ammoo yaada kenniteen, hanga dhibdeen Israa’el waliin qabdu hin furaminitti hariiroo nageenyaa uumuun waan hin taane jette.

Biyyoonni arabaa hedduun waggoota kurna hedduuf Israa’el akka biyyaatti beekamtii argattee jiraachuushee mormaa turan.

Israa’el waliin michummaa kan uuman yoo rakkoon waggootaaf gidduusaanii ture furame qofa jechuun diddaatti cichanii yoona ga’aniiru.

Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamin Netanayaahuu, biyyoota galoo galaanaa waliin michummaa akkanaa uumuutti gammadan.

‘’Guyyaan kun adda, guyyaa seena qabeessa. Guyyaa bariin aduu nageenyaa biyyoota baha giddu-galeessaaf itti ba’uu eegaltuudha’’ jedhan.

Biyyoonni kunneen jaarsummaa isaaniin murtee kanarra ga’uutti kan gammadan Pirezidaanti Doonaaldi Tiraampi gamasaaniin,’’wal-qoodiinsaa fi waraana waggoota kurna hedduu booda aduun barii nageenyaa baha giddu galeessaaf ba’uuf jirti. Seenaa jijjiiruuf jirra’’ jedhan.