Tiraamp michummaa Sudaaniifi Israa'eel maaliif barbaada?

Danaa Tiraampi alaabaa Israa'eelii fi Sudaan irratti

Madda suuraa, Getty Images

Wayita Sudaan qoqqobbiin irra kaa'amee ni ka'amoo hin ka'u laata jettee yaadda'aa jirtutti, US fi Israa'eel ammoo carraa kanatti fayyadamuun dantaasaanii mijeeffachuurratti qiyyaafataniiru.

Sudaan yaaddoo fi gadadoo sababa kufaatii diinagdee fi goolama siyaasaan ishee mudateen raafamaa jiraachuu biyyoonni kunneen lameen akka carraa tokkootti ilaalaa jiru.

Osoo Sudaan Israa'eeliin akka biyyaatti beekamtii kenniteefii US biyyoota Shororkeessitoota jettee tarreessite jalaa ni baasti, dandamannaa diinagdeeshee amma laamsha'ee jiruufis karra ni saaqxi.

Erga bara 1989 aangoo qabatanii waggoota 30'f biyyattii kan bulchanii fi waggaa lama dura mormii uummataan aangoorraa kan buufaman pirezidaantiin duraanii Sudaan Omar Hasan al-Bashir garee hidhattootaa Jihaadistoota jedhaman hundeessuun shororkeessummaa raawwachaa turuusaaniitiin US ni himatti.

Gareen Al-Qaa'idaa fi Finxaaleyyiin amantii Sudaan keessa maadheffachuun biyyoota akka US, Sa'uudii Arabiyaa, Masrii, Itoophiyaa, Yugaandaa, Keeniyaa fi bakkeewwan hedduutti haleellaa raawwachaa turan.

Haleellaa bara 1993 Giddu-gala Daldalaa Addunyaa Niw Yoorki keessatti argamurratti raawwatameen booda US, Sudaaniin biyyoota shororkeessitoota bobbaasanii fi gargaaran jechuun ramadde.

Sudaan, qindoomina Ejensii Tika Biyyoolessaa US(CIA)

Qoqqobbiin maallaqaa idil-addunyaa fi dhiibbaan humna waraanaa biyyoota olaarraa Sudaan irra qaqqabaa ture, Osoomaa bin Laadan fi jihaadistoonni biroon biyyattii keessaa akka ba'an godheera.

Taateen kun kan raawwate Giddu Daldalaa Addunyaa Niw Yoorki jiru gubatee waggaa sadi booda.

Battala haleellaa Fulbaana 11, bara 2001 US mudateen booda ammoo dameen tajaajila tikaa Sudaan kan US (CIA) waliin michooma uume.

Akkaataa michooma yeros uumameen silaa Sudaan tarree biyyoota shororkeessummaan farrajamanii keessaa ba'uutu irra ture.

Biyyattiin ce'umsa gara dimokiraasiitti eegaluusheef gammachuu ibsattus, US garuu qoqqobbii irraa hin kaasne

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyattiin ce'umsa gara dimokiraasiitti eegaluusheef gammachuu ibsattus, US garuu qoqqobbii irraa hin kaasne

Tibba sana miseensonni kongireesii muraasni Kaartuum keessa ergama qabatanii turan.

Dhimma Waraana Daarfuurii fi dhiittaa mirga dhala namaa raawwtamaa tureef fala kaa'uuf achi turan.

Sababa kanaaf Sudaan tarree shorokeessitootaa keessatti hafte.

Yeroo sana keessa Pirezidaantii biyyattii kan turan Omar Hasan al-Bashir hojiisaanii ittuma fufan.

Garee Hamaas fi Iraan waliin hariiroosaanii cimsan.

Sababa kanaan xiyyaarri Sudaan irraa gara Hamaasitti imalaa turte yeroo lamaa fi sadi loltoota Israa'eeliin haleelameera.

Garuu bara 2016 dhiibbaa Sa'uudii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Imireetis(UAE) irraa kan ka'e Sudaan michooma Hamaas dhaabdee turte.

Biyyattiin kun bara darbe keessa ce'umsa gara dimokiraasii dhugoomsuu ifaajuu eegalte, US garuu ilaalcha biyyattiif qabu jijjiiruuf barfateera.

Qondaaltonni US dhiibbaansaan uuman barabaraan sodaatamaa akka jiraatu fedhu.

Mootummaan dimokiraatawaan amma aangoo harkaa qabu yeroo dheeraa kan turu miti yaaddoo jedhus qabu.

Senaataroonni Shororkeessummaa Sudaan haquu didan

Sudaan tarree kana keessaa hin baatu taanaan goolamni diinagdee fi siyaasaa achuma jira.

Hojiin biizinasii, investimantii quucaree biyyattii balaa beelaa fi gadadoof saaxila.

Dhaabbati Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankiin Addunyaa liqaa biyyattiirra jiru, doolaara biiliyoona 72 hin dhiisaniif, irrumatti lakkaa'u.

Bara kana lammiileen Sudaan 860,000 caalan balaa lolaan miidhamaniiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Bara kana lammiileen Sudaan 860,000 caalan balaa lolaan miidhamaniiru

Ji'oota darban kana dhimmi Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessitoota deggeranii jalaa baasuu eegalamee ture, kongireesonni garuu haalduree kaa'uun dhimmicha suuta deemsisaa jiru.

Sudaan maatii fi firoota gareen al-Qaa'idaa, Baha Afriikaa fi Yaman keessatti, nama irraa ajjeesaniif beenyaa kaffaltu malee hin ta'u jedhan.

Sudaan kanaaf doolaara miiliyoona 335 nan kaffala yoo jettu, ammas miseensonni kongireesii haleellaa Fulbaana 11, bara 2001'fis kaffaluu qabdi jechuun didan.

Bulchiinsi Tiraampi karaa ittiin Sudaan kana keessaa baatu mala dhawaafii jira.

Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon Hagayya darbe Kaartuumitti Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook argan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon Hagayya darbe Kaartuumitti Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook argan.

Ministirri Dhimma Alaa US Maayik Poompewoon Hagayya darbe wayita Sudaan daawwatan Ministira Muummee biyyattiif waa dhaaman: Sudaan yoo Israa'eeliif beekamtii kennite pirezidaanti Tiraampi mala isiniif dhawu, tarree shorokeessitootaa keessaa inuma baatu jedhaniin.

Ji'a darbe keessa UAE'n Israa'eeliin akka biyyattii beekamtii kenniteettiif, itti aansuun Sudaanis Israa'eeliif beekamtii kennuun biyyootaa Liigii Arabaa keessaa afraffaa taateetti.

Hariiroo dippiloomaasiitiin kan komatamu bulchiinsi Tiraampi, biyyoota arabaa gidduutti michummaa cimsuun filannoo as adeemu keessatti fudhatama argachuuf irratti cicheera.

Israa'eeliif beekamtii kennuun Sudaaniif waan guddaa fidee dhufa.

Waliigaltee jeneraalota Sudaan waliin

Kanneen duraan mootummaa Islaamaati jedhamuun aangoo biyya Sudaan harkaa qaban fedhii US kana dura dhaabbatu, amma aangoon isaan harka hin jiru.

Haata'u malee yaadi kun ammas siyaasa biyyattii keessatti yaada walxaxaadha.

Mootummaan ce'umsaa yeroo ammaa biyyattii bulchaa jiru, kan humna waraanaa fi siivilii irraa ijaarame, miseensota dursa Paalastaayin waliin michummaa uumuu filatan hedduu of keessaa qaba.

Ministirri Muummee biyyattii Abdallaa Hamdook yoo murtee sana murteessan mootummaan ce'umsaa ni bittinnaa'a yaaddoo jedhu qabu turan.

Tarkaanfii kanatti deemuuf filannoo waggaa sadi booda filatamu yaa eegnu jechuun Maayik Poompewootti himanii turan.

Aab Hamdook fi kaabinoonni isaa aangoo qabatanii haa jiraataniyyuu malee, aangoo dhugaa kan harkaa qabu jeneraalota waraanaati.

Biyyoota arabaa kanneen akka UAE, Sa'uudii Arabiyaa fi Masriin kan deggeraman Dura taa'aan Mana Maree Ce'umsaa Sudaan Lt Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhan fi Itti aanaan isaanii Lt jeneraal Mohammad Hamdan Dagolo(Hemeti) maallaqaa fi humna waraanaa hoogganu.

Jeneraal Burhaan(mirga), hoogganaa Mana maree ce'umsaa Sudaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Burhaan(mirga), hoogganaa Mana maree ce'umsaa Sudaan

Kanaafuu jeneraalota kanneentu Israa'eel waliin mari'ataa jiru.

Jeneraal Burhaan Guraandhala darbe osoo Ministira Muummee Abdallaa Hamdook hin beeksisin, Ministira Muummee Israa'eel Baanjaamin Netanayaahuu waliin walarganii turan.And it is these generals who are dealing with Israel.

Jarreen kunneen ammas deebi'anii walarguuf jiru.

Hariiroon US fi Israa'eel wal-ta'uun Sudaan waliin uumaa jiran kun, Jeneraal Burhaanii fi Jeneraal Hemetiif addunyaarratti beekamtii akka argatanii fi kabajamaniif carraadha.

Qondaaltota kanaaf dimokiraasiin dhugaan dhufus dhiisus dantaasaanii duraa miti, Israa'eeliif beekamtii kennanii, Sudaan taree shorokeessitootaa jalaa baatee beekamtii argachuun isaaniif kaayyoosaaniiti.

Kanaafidha gareen leellistoota dimokiraasii Sudaan, kan murteen kun suuta itti yaa deemamu jedhaniif.

Aanga'oonni kunneen erga aangoo qabatanii lammiileen Sudaan 100 caalan ajjeefamaniiru, heduduun madaa'aniiru. kanaafis lammiileen Sudaan itti mufatanii jiru, dhiifama hin goomeef.

Akka Ministirri Muummee Abdallaa Hamdook jedhanitti tarree shorokeessitootaa keessaa ba'uun yeroo kamittuu ni danda'ama, amma shorokeessitootayyuu dachee keenyarraa balleessineerra waan ta'eef jedhan Hamdook.

''Kunuunsuun kan barbaachisuu fi hunda kan dursu dimokiraasiidha. Israa'eelis yoo taate biyyoota Arabaa dimokiraatawoo ta'aniin yoo beekamtii argatte wayyaaf. Sana milkaa'inni guddaa fi dhugaan'' jedhan Hamdook.