Biyyooti addunyaa Afrikaatti buufata waraanaa ijaaruun maaliif dorgomu?

Alaabaa Chaayinaa fi US kaartaa Afrikaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Buufatni waraanaa Ameerikaa guddaa Afrikaa ‘Camp Lemonnier’ jedhamu Jibuutii keessatti argama.

Jibuutiin biyya nagaa-qabeettii biyyoota ollaa tasgabbii hin qabne akka Itoophiyaa fi Somaaliyaa fa’i gidduutti argamtudha.

Loltonni Ameerikaa dameelee waraanaa gara garaa irraa walitti babba’an 5000 achitti argamu.

Buufatni waraanaa kuni haleellaa shororkeessummaa Fulbaana 11 bara 2001 Ameerikaatti qaqqabeen booda ijaarame.

Koomaandarri buufata waraanichaa Meejar Jeneraal Wiiliyaam Zaanaa, ‘’iddoon kuni bakka tarsiimawaa gatii taheef oppireeshinii qilleensaa fi galaanarraa akka raawwannu nu dandeessisa,’’ jedhu.

'Weerara Afrikaa Lammaffaa'

Yunivarsiitii Piriitoriyaatti Piroofeesara kan tahan Kiristoofar Isiikee Afrikaan gama leeccalloo dhaan faayidaa tarsiimawaa murteessaa tahe qabdi jedhu.

‘’Faayidaan tarsiimawaa qabaachuun kuni immoo guddachaa dhufeeti biyyooti kanneen akka US, Awurooppaa fi Chaayinaa dorgommii keessa akka galan taasise" jedhu.

"Ani weerara Afrikaa lammeessoon jedha kana" jedhu piroofeesarichi.

Ivoorii Kostitti ambaasaadarri duraanii Ameerikaa Fiilip Kaartar Sadaffaa, ‘’nuti Afrikaa kan dhaqnu boba’aa yookiin albuudaaf miti, michoota keenya Afrikaa waliin hojjechuun humna isaanii jabeessuuf malee,’’ jedhu.

Insititiyuutii Imaammataa Afrikaa irraa Piroofeesar Piitar Kaaguwaanjaa Ameerikaan buufata waraanaa dabalatee dhiibbaa siyaasaafi diinagdee sababa itti taasiftu yeroo ibsan, ‘’Ameerikaan dhaabotashee gurguddaa naannoo Afrikaa kana keessa jiraniif haala mijataa uumuufi kunis immoo waan biraa mitii dhimma daldalaati,’’ jedhu.

Naannoo Gaanfa Afrikaa kanatti buufata waraanaa kan qabu Ameerikaa qofa miti.

Biyyooti biroo shan buufata waraanaa Jibuutii keessaa qabu, Chaayinaa dhaan alatti hunduu Ameerikaa waliin hojjetu.

Chaayinaan Jabuutii keessatti buufata waraanaa kan ijaarte bara 2017tti yoo tahu, ardii kana keessatti buufataalee biroo banuuf karoora qabdi oduun jedhus jira.

Chaayinaan buufata waraanaa babal’ifachuuf karoorsuun Ameerikaa yaaddessaa laata dhimma jedhuuf, Jeneraal Wiiliyaam, ’’gaaffiin inni guddaan maaliif Chaayinaan babal’isuu feete jechuun gaafatu. Nagaaf, demookiraasiifi tasgabbii mirkaneessuufi? ’’ jedhan.

Mejar Jeneraal Wiiliyam Zaanaa
Ibsa waa'ee suuraa, Mejar Jeneraal Wiiliyam Zaanaa

Ambaasaadara Fiilip gama isaaniin, ‘’Chaayinaa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka karaa fa’i irratti invastimantii gurguddaa taasisaa jirti liqaan hojiiwwan kanaaf Afrikaan liqeeffattu garuu deebi’ee ba’aa tahaa jira.’’ jedhu

Haa tahu malee Piroofesar Piitar, ‘’Chaayinaan qarshii dhimma barbaadduuf kenniti osoo hin taane waan biyyooti Afrikaa gaafataniif kenniti, kuni dhimma liqaa osoo hin taane Afrikaan akka biyyoota biraa addunyaa akkamiin guddattii, kan jedhu dha,’’ jedhan.

Piroofesariin kuni dabaluunis, ‘’dhimma falmii liqaa irratti gaafa ka’u maaliif dhimmi Afrikaa akka ijoo dubbii tahu naaf hin galu, Ameerikaanillee liqaa Chaayinaaf kaffaluu qabdu qabdi ’’ jedhan.

Yeroo ammaa Chaayinaan Ameerikaa irraa liqaa doolaara tiriiliyoona 1.1 qabdi.

Raashiyaan hoo?

Akkuma Chaayinaa Raashiyaan illee Afrikaa keessatti dhibbaa qabdu jabeessaa jirti. Waraanni biyya kanaas lola biyyoota kanneen akka Liibiyaa fi Maalii keessatti hirmaateera.

Ambaasaaddar Fiilip deeggarsi waraanaa Raashiyaan biyyoota kunneeniif taasifte waan bu’aa buuseefi hin qabu jedhu.

Raashiyaan garuu Afrikaan imaammata ofiishee of dandeessee akka baafattu dha gargaarra jetti.

Piroofeesar Piitar, ‘’Raashiyaan mormitoota ishee aangoo guddaa qaban morkachuun ala Afrikaatti fedhii isheen qabdu ifaa mitii,’’ jedhu.

Ministirri Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, ‘’waan biyyi keenyi uummatasheef akka addunyaatti jijjiiruu barbaaddu Afrikaan alatti fiixaan bahuu hin danda’u.

Waa’ee jijjiirama haala qilleensaa dabalatee weerara Covid-19 irrattillee yeroo hojjennu Afrikaan qaama furmaataa tahuufi tumsuun alatti waan hojjetamu miti.’’ jedhu

Demookiraasiifi mirgi namoomaa rakkoon gaafa mudatullee Afrikaan qaama furmaataa tahuu qabdi.

Piroofeesar Piitar, ‘’buufata waraanaa ijaaaruu manna maallaqa guddaa fidaatii karaa ijaaraa haala kanaan uummanni hiyyuummaaa keessaa baha,’’ jedhu.

Piroofeesar Kiriistoofar illee akkasuma maallaqani bahu humna namaa ijaaruun malaammaltummaa hambisuu irratti tahuun deeggarsi taasifamu qaba jedhu.