Jeneraalli waraanaa Ameerikaa Wiiliyam Zaanaa tasgabbii dhabuun Itoophiyaa 'naannichaaf balaadha' jedhan

Mejar Jeneraal Wiiliyam Zaanaa
Ibsa waa'ee suuraa, Mejar Jeneraal Wiiliyam Zaanaa

Jabuutitti ajajaa waraanaa Ameerikaa kan tahan Mejar Jeneraal Wiiliyaam Zaanaa, magaalaan Finfinnee finciltootaan yoo to'atamte rakkoo namoomaa hamaatu dhalata jechuun BBCtti himan.

Afrikaatti buufata waraanaa US guddicha tahe kan hoogganan Jeneraal Wiiliyaam gaaffiifi deebii addatti BBC wajjin taasisaniin, waraanni Itoophiyaa keessaa ganna tokko lakkoofsise, naannichatti dhiibbaa hin malle geessisa jedhan.

Magaalaan Finfinnee to'annoo finciltootaa jalatti yoo kufte, gaheen waraana isaanii maal tahuu akka malu kan gaafataman ajajaan waraanaa kun - kaayyoon ijoo buufata waraanaa US Jabuutii jiruu, Afrikaatti keessattuu Afrikaa Bahaatti yeroo rakkootti deebii kennuu akka tahe deebisan.

Barbaachisaa tahee yoo argame hojjettoota embaasii Itoophiyaatti argaman, lammiilee US akkasumas lammiileee biyyoota biroo biyyattii keessaa baasuufi deeggarsa kaan taasisuuf kan gargaaru, karoora bal'aa qopheessuufi qophii taasisuu isaanii himaniiru.

''Sodaan koo inni guddaan waraanni Itoophiyaatti dhalatu kamuu, nageenyaafi tasgabbii biyyoota naannicha jiran wajjin kan walqabatedha,'' jedhan ajajaan kun.

Jeneraalichi akka fakkeenyaatti - Itoophiyaan tasgabbii dhabuun waraanashee Somaaliyaa keessaa kan baastu yoo tahe, biyyoonni Gamtaa Afrikaa shan murtee kanaan ni miidhamu jedhu.

Murteen Itoophiyaa loltootashee Somaaliyaa keessaa baasuu ''sochiin gareewwan shororkeessaa akka dabalu taasisa,'' kan jedhan jeneraalli kun, tasgabbii dhabuun Itoophiyaa dhimma biyyoota olaa wajjin jiru irrattis sodaa tahuu mala jedhan.

Kanaafis akka fakkeenyaatti dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa irratti ijaaramuufi muddama daangaa Sudaan wajjin biyyattiin qabdu kaasu.

Jeneraalichi dabaluun muddamni Itoophiyaadhaa jabaachaa hanguma deemu, Masriifi Sudaan Hidha Haaromsaa Guddichaa irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu malu sodaa jedhus akka qaban himaniiru.

''Sodaan koo yoo Itoophiyaan marii Hidha Haroomsaa fi waldhabdee daangaa Sudaan fi Masrii wajjin qabdu fufsiisuu haala itti dandeenye yoo uumame... Itoophiyaan xiyyeeffannooshee dhimma biyya keessaa irratti yoo gootu... tarkaanfii siyaasaas tahe waraanaa fudhachuuf haalichi mijataadha jechuun tarkaanfii fudhachuu malu.''

Biyya tokkotti hokkorri yoo dhalatu, biyyo biraan ammoo biyya sanarratti tarkaanfii fudhachuu akka filannoo duraatti ilaaluu malu jedhu Jeneraal Wiiliyaam.

Kun dhugoomee Masrii fi Sudaan tarkaanfii akkanaa ni fudhatu taanaan, walitti dhufeenya biyyoota kanneenii gidduu jiru, yeroo kamuu caalaa miidhamuu mala jedhu.

line

Imala Bilinkan

Gama kaaniin Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa ka tahan Aabba Antonii Bilinkan imala biyyoota Afrikaatti taasisaniin, Pireezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa wajjin walarguun waa'ee Itoophiyaa akka mari'atan himame.

Waajirri haajaa alaa biyyattii ibsa baaseen, Aabba Bilinkan guyyoota itti aananitti Keeniyaa, Naayijeeriyaa fi Senegaal daawwatu.

Imala Sadaasa 15 hanga 20 taasisan kanaan, Aabba Uhuruu Keeniyaataa fi ministira dhimma alaa biyayttii Ambaasaaddar Raychelle Omamo wajjin oggaa walarganitti, dhimmoota kaan dabalatee waa'ee nageenya Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Sudaan ni mari'atu jedhameera.