Waraana Kaaba Itoophiyaa: Itoophiyaan 'diigamuu malti' yaaddoo jedhu akka qaban Biliinkan himan

Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkan

Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, kan torbee dhufu biyyoota Afrikaa sadi daawwachuuf jedhan, waraanni Kaaba Itoophiyaa amma adeemaa jiru yoo itti fufe Itoophiyaan 'diigamuu malti' yaaddoo jedhu akka qaban himan.

Ibsa Jimaata Washiingitan Diisiitti gaazexeessitootaaf kennaniin, "waraanni yoo itti fufe Itoophiyaa diigamatti geessuu mala, kunis biyyoota naannichaa biroorratti dhiibbaa uuma, uummata Itoophiyaafis balaa qaba" jedhan.

Kun akka hin taane karaan biraa waraana dhaabuu fi mariidha jedhan. Itti dabaluunis Ameerikaan adeemsa jaarsummaa Gamtaa Afrikaa pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseeguun Obasaanjoo itti jiran ni deeggarti jedhan.

Faallaa kanaan bulchaan Itoophiyaa irra MM Abiy Ahimad irra deddeebbiin 'Itoophiyaan ijoollee ishiin diinota ishii irra aantee itti fufti' jechuun dubbataniiru.

Wiixata dhufu Keeniyaa seenu jedhamanii kan eegaman Biliinkan, pireezidant Uhuruu fi aanga'oota kaan waliin waa'ee waraana Itoophiyaa keessaa akka mari'atan eegama.

Ministira Haajaa Alaa Ameerikaa ta'uun imala jalqabaa gara Afrikaatti taasisan kanaan itti aansuun gara Naayijeeriyaa fi Gaanaa akka deeman eegama.

Lolli akka xumura hin arganneeffi deeggarsa namoomaaf danqaa taate jechuun gaafa Jimaataa Ameerikaan Ertiraa qoqqobdeetti.

Murteen Ameerikaa kuni yeroo biyyaaleefi dhaabbileen adda adda waraanni Itoophiyaa keessa mariidhaan akka furamu carraaqaa jiraniitti dhagahame.

Ibsi Ministeera Maallaqaa Ameerikaa sochiin Ertiraa nageenyaa Itoophiyaa hammeesse jechuun himateera.

Lola dhaabanii yoo mariitti hin deebine Ameerikaan mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti tarkaanfii akka fudhattu akeekkachiisteetti.

Sababni qaamota lamaan ammatti qoqqobuu baattes dursa mariif carraa kennuuf akka ta'e Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa kuni ibsaniiru.

Haa ta'u malee, waraanni Itoophiyaa keessaa dippilomasidhaan furmaata argata jedhanii akka abdatan torban kana keessa ibsaniiru.

Lolli Kaaba Itoophiyaatti eegale akka dhaabatee mariin furamu watwaannaan itti fufuus ammallee furmaata osoo hin argatiin jira.

Torbanuma kana turtii BBC waliin taasisaniin qondaalli waraanaa Ameerikaa Afrikaa keessaa Wiiliyaam Zaanaa waraanni Itoophiyaa keessaa ganna tokko lakkoofsise, naannichatti dhiibbaa hin malle geessisa jedhaniiru.

Magaalaan Finfinnee to'annoo finciltootaa jalatti yoo kufte, gaheen waraana isaanii maal tahuu akka malu kan gaafataman ajajaan waraanaa kun - kaayyoon ijoo buufata waraanaa US Jabuutii jiruu, Afrikaatti keessattuu Afrikaa Bahaatti yeroo rakkootti deebii kennuu akka tahe deebisan.

Barbaachisaa tahee yoo argame hojjettoota embaasii Itoophiyaatti argaman, lammiilee US akkasumas lammiileee biyyoota biroo biyyattii keessaa baasuufi deeggarsa kaan taasisuuf kan gargaaru, karoora bal'aa qopheessuufi qophii taasisuu isaanii himaniiru.

Mejar Jeneraal Wiiliyam Zaanaa
Ibsa waa'ee suuraa, Mejar Jeneraal Wiiliyam Zaanaa

''Sodaan koo inni guddaan waraanni Itoophiyaatti dhalatu kamuu, nageenyaafi tasgabbii biyyoota naannicha jiran wajjin kan walqabatedha,'' jedhan ajajaan kun.

Jeneraalichi akka fakkeenyaatti - Itoophiyaan tasgabbii dhabuun waraanashee Somaaliyaa keessaa kan baastu yoo tahe, biyyoonni Gamtaa Afrikaa shan murtee kanaan ni miidhamu jedhu.

Murteen Itoophiyaa loltootashee Somaaliyaa keessaa baasuu ''sochiin gareewwan shororkeessaa akka dabalu taasisa,'' kan jedhan jeneraalli kun, tasgabbii dhabuun Itoophiyaa dhimma biyyoota olaa wajjin jiru irrattis sodaa tahuu mala jedhan.

Kanaafis akka fakkeenyaatti dhimma Hidha Haaromsaa Laga Abbayyaa irratti ijaaramuufi muddama daangaa Sudaan wajjin biyyattiin qabdu kaasu.

Jeneraalichi dabaluun muddamni Itoophiyaadhaa jabaachaa hanguma deemu, Masriifi Sudaan Hidha Haaromsaa Guddichaa irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu malu sodaa jedhus akka qaban himaniiru.

Lakkoofni namoota waraana Kaaba Itoophiyaan lubbuusaanii dhabanii sirriin beekamu baatulleen kanneen kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oollee dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa ni tilmaamu.

UN akka jedhuutti, sababii waraana kanaatiin naannoo Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti nammoonni miiliyoona torbaa ol ta'an deeggarsa namoomaa hatattamaa kan barbaachisu yoo ta'u, kanneen walakkaa miiliyoonaa ta'an ammoo qarqara beela cimaatti argamu.