Waraana Itoophiyaa: Finciltoonni Tigraay 'humnoota alaa mootummaa tumsaa jiru' jedhan akeekkachiisan

Hidhattoota Tigraay

Madda suuraa, AFP

Finciltoonni Tigraay humnoota alaa bulchiinsa MM Abiy waliin ta'u waraana waggaa tokko ture keessatti qooda fudhachaa jiru jechuun himatan akeekkachiisan.

Bulchiinsi MM Abiy fedhii biyyaalessaa Itoophiyaa haala faallessuun dhaabbilee nageenyaa ijoo biyyattii humnoota alaatiif dabarsee kenneera jedha ibsi qaamni 'mootummaa Tigraay' jechuun of waamu baase.

Dhaabbilee tikaa, basaasaa fi ittisaa biyyattii keessatti hogganummaan, gorsitoota ta'uun akkasumas loltoonni lafoo qaxaramanii hojjechaa jiran yakka uummata Tigraay irratti raawwatamuuf itti gaafatamoodha jedha ibsichi.

Hanga yoonaa qaamoleen lola keessa hirmaatan qaama alaa qarshiin bitanii hirmaachisuu isaanii gabaasni walabaa mirkaneesse hin jiru.

TPLF humnoonni kunneen eenyu akka ta'an ifatti waan hime hin qabu.

Haata'u malee TPLF irra deddeebiin loltoonni Eertiraa waraanaa fi tika Itoophiyaa keessaa qooda fudhachaa akka jiran himaa turan.

Mootummaan MM Abiy Ahimad dhimma kanarratti amma dura waan jedhe hin qabu.

Humnoonni alaa amma dura waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokko lakkoofsise keessatti qooda fudhachuun isaanii ifatti beekamu loltoota Eertiraati.

Haata'u malee dhiyeenya kana MM Abiy Ahimad loltoonni biyyoota alaa "adii fi gurraachonni" loltoota TPLF waliin hiriiruun adda waraanaa Wallootti lolaa akka turan dubbataniiru.

Biyyoonni alaa lammileen isaanii mootummaa MM Abiy waliin ta'uun waraana kana keessatti hirmaachaa jiran, lammileen isaanii gocha isaaniirraa of qusatanii gara biyya isaaniitti akka deebi'an akka hubachiisan gaafata ibsi finciltoonni Tigraay baasan.

Kana ta'uu baannaan mirga of-ittisuu qaban fayyadamuun 'namoota kana adamsanii tarkaanfii akka fudhatan' himan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkoo ol lakkoofsise hammaatee itti fufee, mootummaan federaalaa labsii yeroo muddamaa labseera.

Gamtaa Afrikaa dabalatee biyyoonni lixaa waraanichi mariin akka xumuramu ammallee yaalii gochuu itti fufaniiru.

Waraana kanaan amma dura namootni kumaatamaan lakkaa'aman du'uu akka hin oolle himama. Namootni miliyoona lama ol qe'ee isaaniirraa kan buqqa'an yoo ta'u, miliyoona 7'tti kan siqan deeggarsa hatattamaa barbaadu.