Ameerikaan qooda waraana Itoophiyaa keessaan Raayyaa Ittisaa Eertiraafi paartii ijoo Ertiraa qoqqobde

Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Getty Images

Amerikaan sababa qooda waraana Itoophiyaa keessaan walqabsiistee Raayyaa Ittisa Biyyaa Ertiraafi Paartii seera qabeessa tokkicha Ertiraa bulchuurra qoqqobbii keesse.

Ministeerri Maallaqaa Yunaayitid Isteet waraana Itoophiyaa keessa jiruun qooda fudhachuun himachuun dhaabbilee afuriifi qondaalota Ertiraa lama kan qoqqobde.

Sababni Ameerikaan eerte rakkoo deeggarsa namoomaafi mirga namoomaa hammaateefi lolli Itoophiyaa keessa waan babal'atef jechuun ibsite.

Murteen Ameerikaa kuni yeroo biyyaaleefi dhaabbileen adda adda waraanni Itoophiyaa keessa mariidhaan akka furamu carraaqaa jiraniitti dhagahame.

Ibsi Ministeera Maallaqaa Ameerikaa sochiin Ertiraa nageenyaa Itoophiyaa hammeesse jechuun himateera.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegale as Ameerikaan irra deddebbiin waraanni Ertiraa akka Itoophiyaa keessaa bahu akeekkachiisaa turte.

''Humnoonni Ertiraa Itoophiyaa keessa argamuun lola jiru xumura itti tolchuufis ta'e deeggarsa namoomaa waliin gahuuf danqaadha,'' jedheera Ibsi Ministeera Maallaqaa Ameerikaa.

Dhimma kana irratti gama Ertiraa wanti jedhame hin jiru.

Ameerikaan kanneen lolli kuni akka dheeratu qooda fudhatu jechuun himatte irratti tarkaanfii fudhachuu akka itti fuftu dhaamte.

Loltoota Eertiraa

Madda suuraa, Getty Images

Kana dura Ameerikaan sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessa waraanni Ertiraa raawwate jechuun himattee Ajajaa Waraanaa Ertiraa Janaraal Filiphoos W/Yohaannis qoqqobdee turte.

Lola dhaabanii yoo mariitti hin deebine Ameerikaan mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti tarkaanfii akka fudhattu akeekkachiisteetti.

Kanneen har'a qoqqoban eenyudha?

Akka Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa ibsetti kanneen har'a qoqqobaman Raayyaa Ittisa Biyyaa Ertiraa, Paartii PFDJ, Hidrii Tiraastiifi Korporeeshinii Tiredingii Galaana Diimaadha.

Dabalataan namoonni lama Abirahaa Kaasaa Nemariyaa, fi Hagos G/Hiywat W/Kidaan kanneen qoqqoban keessa jiru.

Abirahaam Kaasaa Nemaariyaam Hoogganaa Waajjira Basaasaa Ertiraadha. Kana dura Gamtaan Awurooppaa qondaala kana dhimma Itoophiyaan wal hin qabanneen qoqqobee ture.

Obbo Hagos G/Hiywat immoo gorsaa diinagdee PFDJ fi Hoogganaa Korporeeshinii Tireedingii Galaana Diimaa (RSTC) dha.

Dhaabbati RSTC qabeenya fi fedhii faayinaansii Paartii PFDJ akka to'atu Ameerikaan ibsiteetti.

Waraanni naannoo Tigraayiitti eegalamuun boodarra naannoolee ollaa Affaariifi Amaaraatti babal'ate amma waggaa tokko lakkoofsiseera.

Waraanichi dhaabbatee furmaanni mariin akka barbaadamuuf biyyoonni adda addaa, dhaabbilee ardii fi idil-addunyaa irra dedeebbiin waamicha taasisan illeen hanga ammaatti bu'aa qabatamaan osoo hin mul'atiin waraanichi akkuma itti fufeetti jira.

Ta'us, torban darberraa eegalee Gamtaan Afrikaafi US deeggarsa UN fi Gamtaa Awurooppaan qaamolee lola keessa jiran mariitti deebisuuf itti dhiheenyaan hojjetaa akka jiran himaniiru.