Ertiraa: Ajajaan waraanaa Ertiraa Janaraal Filiphoos Waldayohaannis kan US qoqqophaa irra keessee eenyudha?

Janaraal Filiphoos Waldayohaannis

Madda suuraa, Twitter/TesfaNews

Itaamaazhor Shumiin waraanaa Ertiraa Janaraal Filiphoos Waldayohaannis sababa lola Tigraayin US sarbama mirga namoomaan isaan himachuun 'Global Magnitsky Act' eeruun qoqqobbii irra kaa'uu hime.

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa ibsa tibbana baaseen waraanni Ertiraa lola Tigraayitti eegalee adeemaa jiruun badiinsa sanyii, saamichaafi gudeeddii dabalatee yekkiiwwan raawwateera jechuun himatte.

Haa ta'u malee, Ministeerri Dhimma Alaa Ertiraa himannaa ''bu'uura seeraafi fudhatama kan hin qabnedha'' jechuun murtee Ameerikaan mufachuufi akka hin fudhanne ibse.

Janaraal Filiphoos eenyu?

Garuu qondaalli waraanaa olaanaa Ertiraa kun eenyu?

Dhaloonni isaanii qe'ee magaalaa Asmaraa irraa kilomeetira muraasa fagaattee argamtuufi qushti jedhamtutti dhalatan.

Bara 1972tti umurii isaanii ijoollumaan dhaabbata bilisummaa Ertiraa kabachiisuuf yeroos qabsaa'utti fedhiin seenan.

Leenjii waraanaa muraasa erga argatan booda garee loltoota haaraa filaman baddaa irraa gara gammoojjii Sahil kanneen deddeebisan keessa dalaganiiru.

Shaalaqaa saglaffaatti komishinara garee akkasumas loltuu ta'un hojjetaa osoo hin turiin ajajaa shaamballii ta'un itti fufan.

Walakkeessa bara 1997 ajajaa shaalaqaa birgeedii 23ffaa ta'un muudaman. Bara sana hidhattoonni Ertiraa bakkeewwan hedduu to'atanitti kanneen gahee guddaa gumaachan keessaa tokko isaanii jedhama.

Bara 1978'tti garuu mootummaan Dargii deeggarsa meeshaa waraanaa Soviyeetii irraa argateen bakkeewwan hidhattoonni Ertiraa qabatan gadhisiise.

Bara 1979 - 1983 duula waraanaa Qayi Kokab mootummaan Dargii labse hidhattoota kaan waliin ofirraa ittisuuf kanneen keessatti qooda fudhatan keessa jiru.

Janaraal Filiphoos bara 1984 eegalee waggoota shaniif izzii birgeedii Wuqaaw jedhamuufi adda waraanaa Ba'aalgenaatti riphee lolaa ture ajajaa turan.

Gamoo waajira qabeenyaa US

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa waraana Ertiraa badii sarbama mirga namoomaa garaagaraan himate

Bara 1990 Asoosaa Wallaggatti [bara Dargiitti Asosaan Awurajjaa Wallagga jala ture] akkasumas baruma sana duula Fanqil jedhamuufi buufata doonii Mitsiwwaa to'atame keessattis hirmaataniiru.

Akkaumas bara 1991'tti kutaa waraanaa ajajuun hirmaataniiru.

Hundeeffama Ertiraa

Ertiraan akka biyyaatti hundooftee booda aangoon Meejar Janaraal kennameefi Ajajaa Koorii ta'an. Bara 1998 - 2000 lola daangaa Itiyoo - Ertiraa irratti Ajajaa adda waraanaa Marab ta'un lolaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Ertiraa zoonii waraanaa shanitti yeroo ijaaramee ajajaa Zoonii Lammataa ta'un hojjetaniiru.

Janaraal Filiphoos urjiin afur kennameefi Ajajaa waraanaa Ertiraa ta'un kan muudaman bara 2014 irraa eegaleeti.

Kunis Ajajaa Waraanaa Ertiraa kan turan Meejar Janaraal Amdamaariyaam Gabraizger biyya alaatti dhukkubaan erga lubbuun isaanii darbe boodadha.

Ga'umsa isaanii

Janaraal Filiphoos nama waraanaa loltoota isaanii akkasumas karoora waraanaa bahan raawwatamuu isaanii itti dhiheenyaan kan hordofaniifi nama ija jabina qaban akka ta'an himamaaf.

Amala dhuunfaa isaanii ilaalchisee nama baay'ee hin dubbanneefi fuula hin hiikkanne jechuun kanneen waliin hojjetan ni himu.

Kitaaba 'Mafatsamitaa' jedhamu keessa mata duree ''Waraanni saayinsii caalaa aartiidha'' jedhuun jeneraalli kun qormaata keessa darban, akkamiin keessa akka bahaniifi irra- aanan katabaniiru.

Kana dura Komishiniin Mirga Namoomaa Ertiraa gabaasa Caamsaa 2016 baasen manneen hidhaa 300 ta'aniifi ajajoota waraanaa biyyattiin bulan keessa sarbamni namoomaa jabaa garaagaraa akka raawwatu hima.

Haa ta'u malee biyyatti ''mootummaa abbaa irree'' Ertiraan bultu keessatti olaantummaan seeraa waan hinjirreef itti gaafatama taasisuun hin danda'amne jedha.

Sababa kanaaf Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Ertiraa kana mana murtii yakkamtoota Idil-addunyaatti (ICC) akka dabarsu komishinichi yaada dhihesseera.

Haa ta'u malee, mootummaan Ertiraa gabaasa yeroosis ta'e ergasii gabaasa bahan balaaleeffachaa tureera.

''Gabaasota galma siyaasaa qaban, ragaa qabatamaa kan hin qabne, himannaa gatii hinqabneefi mootummaa mormuun ala jiraatanii koolu-galtummaa gaafataniin kan walitti qabamedha,'' jedha.

Kanneen manneen hidhaa Janaraal Filiphoos jalatti bulan keessaa kanneen hidhamanii turan badiifi sarbamni mirga namoomaa guddaa irra gahuu himu.

Ertiraan yeroo ammaa erga koronaavaayirasiin eegale as garee taaski foorsii Janaraal Filiphoos keessa argamaniifi Pirezidant Isaayyaasif itti gaafatama qabuun bulaa jirti.