Waraana Tigraay: WFP deeggarsa Itoophiyaatti dhiyeessuuf hir'inni maallaqaa isaa mudachuu ibse

Madda suuraa, YONAS TADESSE
Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaata Adunyaa (WFP) deegarsa baatiiwwan dhufan jahan keessa Itoophiyaatti dhiyeessuuf hanqinni maallaqaa mudachuu beeksiise.
Hanqinni maallaqaa kun deeggarsi dhaabbatichi lammilee Itoophiyaa miiliyoonootaan lakka'amaniifi baqattoota akkasumas kanneen nyaanni madaalaan taasisurratti dhiibbaa qabaachuu himera.
Itoophiyaatti lammiileen miiliyoonootaan lakkaa'aman sababii waraanaafi hanqina roobaa mudateetiin deeggarsi namoommaa kan isaan barbaachisu yoo ta'u, dabalataanis baqattoonni biyyoota biraatii dhufan deegarsa ni barbaadu.
Dhaabbanni kun maallaqa namoota miiliyoona 12 baatiiwwan jahan dhufan keessatti deeggarsa qaqabsiisuuf isa barbaachisu keessaa doollaarri miliyoona 579 akka isa hanqate hime.
Kunis doolaara miiliyoona 316 dhiyyeessa atattamaa nyaataa madaalawaa baatiiwwan dhufan ja'an keessaa kaaba Itoophiyaatti namoota miiliyoona 3.7f dhiyeessuuf barbaachisuu kan dabalatudha.
Bakka bu'aafi Daareektarri Sagantaa Nayaata Addunyaa Dr Isteeviin Weeree Omaamoo, ''Biyyattii keessa dhiyyeessitiin nyaataa jira. Garuu torbannoota dhufan keessatti deeggarsi maallaqaa kan hin argamne yoo ta'e, nyaata jiru bituun bakka barbaachisutti dhiyeessuun hin danda'amne, baatiiwwan muraasaan booda namoonni miiliyoonotaan lakkaa'aman balaa beelaa cimaaf saaxilamuu danda'au,'' jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Itti dabaluunis, namoota naannoolee garaa garaa keessatti sababi walitti bu'insaatiin bakka jireenyaatii buqqa'aniin alatti, haalli jiraattoonni naannoolee gammoojjii sababii jijjirama qilleensaatiin rakkina wabii nyaataatiif saaxilaman yaaddeessaa ta'uu dubbatan.
Wallakkeessaa bara 2022 keessa naannoolee kaaba, kibbaafi kibba-baha Itoophiyaatti rakkiinni wabii nyaataa cimaan mudachuu akka danda'u xinxalli dhiheenya kana bahe mul'isu dhaabbatichi himeera.
Kaaba Itoophiyaatti naannoolee Tigraay, Affaarifi Amaaraa keessatti haalli wabii nyaataa yaaddeessaa ta'uu kan ibse dhaabbatichi, sababii waraanaatiin haalli dhiyeessitii deeggarsaa danqamuun yoo kan itti fufu ta'e gara sadarkaa yaaddeessatti ce'uu ni danda'as jedheera.
Kana malees, naannoolee biyyattii kibbaafi kibba bahaatti sababii roobni eegamu hinroobiin hafeetiin walqabtee ongee mudateen beeladoota irra miidhaa olaanaan waan qaqabeef, rakkinni wabii nyaataa naannoolee kanneeniitti mudate baatiiwwan itti aananiif kan itti fufu ta'uu kaaseera.
Sababii hanqina maallaqaa mudateetiin namoota miiliyoona 2.4 naannoo Somaaleetti argamaniifi baqattootaa kuma 710 biyyattiitti eddoowwan garaagaraatti argaman irraa deeggarsa taasisuu hir'isuu himeera.
Dhaabbanni Nyaata Addunyaa sababii waraanaa kaabaa Itoophiyaatti gaggeeffamuun walqabatee lakkoofsi namoota deeggarsi namoomaa atattamaa barbaachisu miiliyoona 9.4 qaqqabuu kan ibse torbaniin dura ture.















