Itoophiyaan dirree walmorkii Chaayinaafi warra Lixaa ta'aa jirtii?

Madda suuraa, PM office
Tibbana Itoophiyaa kan daawwatan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi, "Nuti dhimma keessoo Itoophiyaa keessa hin seennu" jechuun dubbatanii turan.
Yeroo biyyaaleen Lixaa sababa rakkoo nageenyaan lammiileensaanii Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan gaafataafi dhiibbaa gochaa jiranitti dawwannaa hojiif Itoophiyaatti argamuun Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi, aangawoota Itoophiyaa biratti miira gammachuu uumera.
Ministirri Mummeen itti aanaa fi ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Dammaqa Mokonnin daawwannichaaf Waang Yi galateeffataniiru.
Haa ta'u malee daawwannan kun walitti dhufeenya biyyaalee lamaanii akkasumas haala qabatamaa siyaas-diinagdee gaanfa Afriikaa keessatti hiikaa guddaa akka qabu ogeessi diinagdee Dr. Guutuu Teessoo himu.
"Carraawwan diinagdee Awurooppaafi Ameerikaa waliin qorraa dhufe kanatti adda durummaan fayyadamuu barbaaduun Chaayinaa jira" kan jedhan Dr. Guutuun, Chaayinan yeroo rakkootti Itoophiyaa gargaaruuf fedhii akka qabdu kan akeeku akka ta'es himan.
"Dhaabbilee Chaayinaa baraaruu…"
Ibsa ministirootni dhimma alaa biyyaalee lamaanii kennaniin hariiroon Itoophiyaafi Chaayinaa fayyadamummaa walqixaa bu'ureeffate cimee akka itti fufu Ministirri mummee itti aanaafi ministiri dhimma alaa Itoophiyaa Dammaqa Mokinnin himan.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi gama isaaniitin biyyi isaanii dhimma keessoo Itoophiyaa keessa akka hin seennefi kunneen dhimma Itoophiyaa keessa harka galfachuu barbaadanis akka mormitu himan.
Gama biraatiin daawwannaan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi Itoophiyaatti taasisan murtee Ameerikaan Amajjii 01, 2022 irraa eegalee Itoophiyaa carraa daldala qaraxa irraa bilisaa (AGOA) irraa haquuf murteessiteen walqabachuu akka maluus ogeessi diinagdee Dr. Guutuu Teessoo himu.
"Omishaalee baay'inaan omishanii gara biyya Ameerikaatti ergaa kan turan dhaabbilee Chaayinaafi dhaabbilee warra Baha addunyaa kana jiranidha. Kanaaf dhaabbilee kana baraaruufi oolchuun dirqama Chaayinaati" jechuunis daawwannaan ministirichaa dhaabbilee Chaayinaa Itoophiyaa keessa jiraniin hidhata kan qabu akka ta'us dubbatu.
Kana malees "bara 2021 kana keessa dirreen garaagarummaan siyaasaa Ameerikaafi Chaayinaa gidduu jiru itti calaqisiifamu akka carraatti biyya akka Itoophiyaati" jechuunis himan.
"Kanaafis dhimmi keessoo Itoophiyaa dirree shaakalliifi irree walitti agarsiisuu warra lixaafi warra bahaa akka hintaane irrattin hojjechuun barbaachisaadha" jechuunis himu.
Ameerikaan maal dhabdi?
Hariiroon Ameerikaan Itoophiyaa waliin qabdu yeroo kamiyyuu caalaa hammaatee jira.
Hammaachuun hariiroo Itoophiyaafi Ameerikaa kun immoo olaantummaa siyaas-diinagdee Ameerikaan gaanfa Afriikaarratti qabdu rakkoo keessa kan galchu akka ta'e Dr. Guutuun himu.
Kanaaf sababa yeroo himanis "biyyi jabaan baroota dheeraaf fira Ameerikaa jedhaman keessaa tokko Itoophiyaadha. Haala siyaasa naannoo gaanfa Afriikaa amma jiruun Itoophiyaan Ameerikaaf dirree siyaasaa jabaadha. Kanaaf Ameerikaan Itoophiyaa waliin hariiroo jabaa dhabuunshee to'annoo siyaasa Baha Afriikkaa keessatti qadullee qormaata hamaa keessa galchuu kan danda'udha" jedhan.
Gama diinagdeetiin garuu "Ameerikaan hagas mara Itoophiyaarraa wanti fayyadamtu hinjiru" kan jedhan ogeessi diinagdee Dr. Guutuu Teessoo, omishaaleen Itoophiyaan gara Ameerikaatti ergitu omishaalee biyyaalee birootiin omishaman ta'uu himan.
Afriikaafi Chaayinaa…
Hariiroon daldalaafi investimantii Chaayinaan Afriikaa waliin qabdu keessattuu waggoota 20 as daran guddachaa dhufeera.
Fooramiin Wal-deeggarsaa Chaayinaafi Afriikaa (FOCAC) waggoota 21 baranaa erga eegalamee asillee dhaabbileen Chaayinaa Afriikaa keessatti daandii konkolaataa kilomeetira 100,000 ol fi daandii baaburaa kilomeetira 10,000 ol dabalatee bu'uraalee misoomaa heddu ijaaraniiru.
Kana malees biyyattiin omishaalee indaastirii gara Afriikkaatti erguun qabeenya uumamaa albuudotafi omishaalee qonnaa immoo biyyaalee Afriikkaa irraa bitti.
Liqaan Chaayinaan biyyaalee Afriikkaaf laattus laayye miti.
Haa ta'u malee biyyaaleen Afriikaa tokko tokko liqaa Chaayinaan irraa qabdu ofirraa kanfaluuf yeroo rakkatan mul'ata.
Kunis mala Chaayinaan biyyaalee Afriikaa to'annooshee jala ittiin galfattu yookiin "koloneeffannaa haaraa" jechuun yeroo qeeqamu dhagahama.
Gama biraatiin immoo ogeeyyiin diinagdee investimantiin Chaayinaa lammiilee Afriikaa fayyadaa jiraachuu himanis jiru.
Fooramii Wal-deeggarsaa Chaayinaafi Afriikaa (FOCAC) guyyoota muraasa dura qopheessummaa Senegaaliin taa'amerratti Pirezidaantiin biyyattii Maaki Saal, "Chaayinaafi ummatnishee Afriikaafi uummatashee waliin walitti dhufeenya hiriyummaa, wal amantaafi kabaja irratti hundaa'e qabu" jechuun walitti dhufeenya Chaayinaafi Afriikaa leellisaniiru.















