'Daawwannaan kiyya deeggarsa Chaayinaan mootummaa Itoophiyaaf qabdu agarsiisa' -Waang Yii

Itaanaa MM Damaqaa Makonniinii fi Ministira Dhimaa ALaa Chaayinaa Waang Yuu

Madda suuraa, PM office

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa daawwannaa hojiitiif Finfinnee galuun isaanii deeggarsa Chaayinaan mootummaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiif qabdu agarsiisa jechuu isaa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.

Ministiroonni dhimma alaa ibsa waloo kennaniin, Waang Yii daawwannaan Finfinneetti taasisan amantaa Chaayinaan Itoophiyaarratti qabdu akka agarsiisuufi deeggarsa Chaayinaan mootummaa Ministira Muummee Abiy Ahmadiif qabdudha jechuu isaa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa fuula tiwiitara isaarratti ibseera.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yuu daawwannaa hojiitiif Roobii Itoophiya galaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa kun Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee yeroo gahanitti Minitirri Muummee Itti-aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnon simannaa taasisaniiruuf.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa kun turtii isaanii Itoophiyaa keessatti taasisaniin Minitirri Muummee Itti-aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Obbo Dammaqaa Mokonnon waliin haasaa akka taasisan ni eegama.

Ammatti mata-dureen ijoonn marii qondaaltoota kanneenii maal akka ta'e ifatti himamu baatulleen, aanga'oonni lamaan dhimmoota michummaa biyyoota lamaan gidduu jiru haala ittiin caalaa jabeessuu danda'an irratti ni mariyatu jedhamee eegama.

Chaayinaafi Itoophiyaan michummaa seenaa dheeraa kan waliin qaban yoo ta'u, hirmaannaan Chaayina ijaarsa misoomaalee bu'uuraa gurguddoo keessatti taasitu garuu baroota dhiyoo as haalaan dabalaa jira.

Ijaarsii daandii baabuuraafi daandiiwwan guddicha (ring road) magaalaa Finfinnee kanneen dhaabbileen ijaara Chaayinaatiin ijaaraman keessaati.

Chaayinaan dhimma waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti deemaa jiruun walqabatees dhimma keessaa biyyaa Itoophiyaati jechuun dhiibbaa gama Ameerikaafi Awurooppaatiin taasifamu dura haabbachaa turteetti.

Keessumaa kora Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Ganmtoomanii (UNSC) dhimma Itoophiyaarratti marroo gara gara taa'ee keessatti birmadummaan biyyaa maqaa gargaarsa namoomaatiin sarbamuu hin qabu jechuun ibsaa turteetti Chaayinaan.

Maqaa gargaarsa namoomaa jedhuun, jidduu galuun barbaachisaa miti. Rakkoon Afrikaa lammilee Afrikaan haa hiikamukan jettu Chaayinaan, Itoophiyaa irratti qoqqobbin ka'aman seeraa idil-addunyaa kan faalleessaniifi rakkoo kana furuurra kan hameessaan akka ta'an himti.