Waraana Itoophiyaa: Waraanni Itoophiyaa Kamisee, kaan finciltoota TPLF jalaa baasuu mootummaan hime

Madda suuraa, Government Communication/fb
Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkawwan Amaaraafi Affaar humnoota TPLFn qabamee ture gadhiisisuuf duula jalqabeen bakkawwan dabalataa to'annoo isaa jalatti deebisee galfachuu beeksise.
Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa ibsa Sambata galgala baaseen qindoominni humnoota nageenyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin durfamu magaalota garagaraa TPLFn qabamee ture deebisee to'achuusaa himeera.
"Duula Tokkummaa Sab-daneessummaa" jedhuun mogaafameen humni waloo ittisaafi naannoo tarkaanfii fudhateen adda waraanaa garagaraatiin magaalota baayyee to'achuu akka danda'an eereera.
Haaluma kanaan adda waraanaa Gaashanaatiin magaalota Qewuziibaa, Cilaafi naannaa sana; adda waraanaa Warra Iluutiin ammoo magaalota Ajimaar, Tantaa, Dobaafi naannawaa sana, akkasumas adda waraanaa Kamiseetiin magaalota Maajatee, Cirrattii, Kamisee, Riiqqee, Waladdii, Alibukkoofi aanaa Qaalluu garri caalaan raayyaan ittisa biyyaa to'achuu danda'uusaa ibseera.
Humni waloo kun bakkawwan kanneen humnoota TPLF jalaa baasee erga to'ateen booda gara magaalaa Walloo Kibbaa kan taateefi Dasettii dhiyootti kan argamtu, Kombolchaatti qajeelaa jiraachuu ibsi kun eeree jira. Magaalaan Kombolchaa wiirtuu idustirii ta'uun beekamti.
Duula waraanaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad raayyaa ittisa biyyaa hogganuudhaaf qaamaan erga gara adda waraanaatti duulanii booda duulawwan gaggeeffamaniin bakkawwan hedduun naannolee Amaarafi Affaar keessati argaman to'annoo humnoota mootummaa jalatti deebiyuun isaanii gabaafameera.
Kanneen keessaa magaalaa seena-qabeettii Laaliibalaa dabalatee naannoo Affaar keessatti bakkawwan ijoofi faayidaa loltummaaf barbaachisoodha jedhaman Cifiraafi naannoo Amaaraatti ammoo Gaashanaa to'atuun danda'ameera.
Gama TPLFn ammoo bakkawwan jedhaman kanneen keessaa humnoonni isaa akka ba'an kan taasifaman 'tooftaadhaafi' jedhuus qondaalli olaanaa raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa Leetenaal J. Baacaa Dabaleen BBCtti akka himanitti "gareen fincilaan kun mo'atameeti."
Waraanni waggaa darbe Sadaasa naannoo Tigraay keessati jalqabame kun ji'a Waxabajjii darbe gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'achuun hanga ammaa kanatti gaggeeffamaa jira.
Humnoonni TPLF gara naannolee Amaaraafi Affaar seenanii duula gaggeessaniin naannolee lamaan keessatti bakkawwan garagaraa qabachuun gara magaalaa Finfinneetti qajeeluuf fedhii akka qaban ibsaa turaniiru.
Mgaalonni ijoo Walloo Kibbaa kan akka Daseefi Kombolchaa qabamuu isaaniin booda waraanni gara Shawaa Kaabaatti dhiyaatee kan ture yoo ta'u, torban darban keessa waraanni itti fufee gaggeeffamaa tureera.
Torban darbe keessa Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara adda waraanaa deemuun raayyaa ittisaa gaggeessuuf murteessuu isaanii hordofee bakkawwan humnoota TPLFn qabamanii turan gadhiisisuudhaaf waraanni cimee gaggeeffamaa jira.
Sababa lola kanaan lammiileen miiliyoona 2 ol ta'an qe'eerraa yoo buqqa'an 400,000 ol kan ta'an immoo haala beela fakkaatu keessa jiru jedheera UN.
Dhihoo UN akka beeksisetti lammiileen Naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar keessa gargaarsa nyaataa fedhan miiliyoona 9 ol ta'aniiru.
Lolli kuni dhaabatee mariin akka furamu yaaliin taasifamaa ture ammatti hin milkoofne.















