Waraana Itoophiyaa: Sudaan TPLF hin deeggartu' Abdel Fattaa al-Burhaan

Madda suuraa, EPA
Dursaan Mana Maree Walabaa Sudaan Abdel Fattaa al Burhaan, Kaartum humnoota TPLF mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa jiran hin deeggartu jedhan.
Miidiyaan biyya Masir al-Hadath TV wabeeffachuun Rooyitarsi akka gabaasettti al Burhaan humnoota TPLF waggaa tokkoo oliif mootummaa federaalaa waliin wal waraanaa jiran akka hin deeggarre himaniiru.
Itoophiyaa fi Sudaan dhimma Laga Abbayyaa fi daangaa irratti wal dhabdee qabu. Waraanni Tigiraay keessatti erga jalqabee Sudaan loltoota ishee daangaa Itoophiyaatti galchuun lafa Itoophiyaa qabattee jirti jechuun Itoophiyaan irra dedeebiin himataa turte.
Akka gabaasa Rooyitarsitti ammoo Abdel Fattaa al Burhaan, lafa keenya karaa marii nagaadhaan Itoophiyaa harkaa deebifanna, humna waraanaatiin miti'' jedhan.
Waraanni Sudaan torban darbe ibsa baaseen ture waraanni Itoophiyaa fi milishaan waliin ta'un daangaa irratti loltoota kiyya irratti haleellaa raawwatanii miidhaa geessisani kan jedhe.
Mootummaan Itoophiyaa daangaa biyyattii Sudaan waliin daangessu irratti finciltoota Tigraay lo'anii seenan rukute malee loltoota Sudaan irratti haleellaa hin banne jechuun hime.
Dhimma kana irratti deebii kan kennan Ministirri Di'eetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawwit Kaasaa gama Sudaaniin irra deddeebiin finciltoonni Tigraay gara Itoophiyaa seenuuf ni carraaqu jedhan.
''Gidduu kana gareen humna badii kanaa karaa Sudaaniin seenan osoo badii raawwachuuf yaalanii mootummaan qaamolee kana irratti tarkaanfii fudhachuun ni beekama,'' jedhan.
''Loltoota Sudaan irratti haleellaan raawwateera jedhanii miidiyaaleen tokko tokko inni gabaasaniis dogongoradha,'' jechuun himan.
Hariiroon Sudaan waliin qabnu cimaadha kan jette Itoophiyaan rakkoon daangaa biyyoota lamaan gidduu jiru karaa nagaan akka furamu akka feetu ibsiteetti.
Itoophiyaan biyyootni alaa humnoota TPLF gargaaaran jiru jechuun irra deddeebin himatti. Garuu Sudaaniin addatti maqaa waamtee hin ibsine.
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa jalqabeen as dhalattotni Tigiraay kumaatamni waraana sodaachuun gara Sudaanitti baqataniiru.
Sudaan ammoo kana dura loltoota ishee gara daangaa Itoophiyaatti akka seenan kan goote waraanni Itoophiyaa daangaa irra ture waraana Kaabatti jalqabeef achii erga socho'een booda akka tahe mootummaan Itoophiyaa himaa ture.













