Fonqolcha Sudaan: Jen Abdel Fattaa al-Burhaan hogganaa mana maree ce'umsaa Sudaan gochuun of muudan

Hogganaa waraanaa Sudaan Jen Abdel Fattaa al Burhaan, hogganaa Sudaan yeroofi tahan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa waraanaa Sudaan Jen Abdel Fattaa al-Burhaan

Hogganaan fonqolcha mootummaa Sudaan Jeneraal Abdel fattaa al-Burhaan hogganaa mana maree haaraa biyyattii bulchuu gochuun of muudan.

Burhaan mana maree haaraa hundeessan keessaa miseensota siivilii mana maree mootummaa ce'umsaa kana duraa diigan keessa turan haqaniiru.

Sirni kakuu galuus guyyaa kaleessaa (Kamisa) raawwate.

Jeneraal Burhaan itti aanaa isaa kan ture Hamdaan Dagaloo, Aliyaas Hemeetii fi qondaalota waraanaa ol aanoo biroo aangoo fonqolcha Onkoloolessa 25 dura qaban irra akka turan godhaniiru.

Manni maree mootummaa ce'umsaa haaraan hundeessan miseensota 14 kan qabu yoo tahu, qaama siivilii keessaas kan itti dabalaman jiru. Garuu siivilii irraa warri tokkummaa siyaasaa tolfachuun fonqolcha dura aangoo irra turan tokkollee hin hammatamne.

Ministeerri Odeeffannoo aangoo irraa kaafaman Hamzaa Balool tarkaanfii haaraa amma kana fonqolchicha itti fufsiisuudha jedhanii ibsan. Uummatni ''mo'achuun ce'umsicha itti fufsiisuu danda'a,'' jedhan.

Fonqolchi gaggeeffamee ture akka gara aangoo isaatti deebi'uuf dhiibbaa guddaan biyya keessaa fi hawwaasa idil-addunyaa irraa yeroo Sudaan mudachaa jirutti tarkaanfiin kun fudhatame.

Ergamaan Addaa UN, Sudaan jiran Voolker Peertis, mana marichaa hogganaan waraanaa ofii isaa muuduun biyyattiin gara bulchiinsa heeraatti deebi'uuf akka malee ulfaataa taasisa jdhan.

Ergamaan addaa UN kun jireenya siyaasaa fi dinagdee bakkasaa idileetti deebisuuf marii ariifachiisaan akka gaggeeffamuu qabu waamicha godhan.

Akkasumas humni waraanaa ''tarkaanfii ofitti amanamummaa ijaaru, akka walabummaa ministira muummee Abdallaa Hamdook bakkasaa duraatti deebisuu'' fudhachuu qaba jedhan.

Pirezidaantiin duraanii Sudaan Omar al-Bashir erga fonqolcha mootummaa humni waraanaa gaggeesseen aangoo irraa kaafamanii ji'a darbes biyyattiitti fonqolchi lammataa mudate.

MM biyyattii kan turan Abdallaa Hamdook mana jireenyaa isaanii keessatti hidhaa jala akka jiran himama.

Gamtaan Afrikaa fonqolcha kana hordofee Sudaaniin sochiisaa hunda keessaa yeroof dhorkeera.