'Hunda keenya ajjeesuu hin danda’an'- mormitoota fonqolcha Sudaan

Ummanni Sudaan fongolchi waraanaan gaggaaffamee ture diigamuun bulchiinsi siviil bakkatti akka deebiifamuuf Kaartuumiitti hiriira gaggeessaa jiru, Onkolooleessa 30, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi Sudaan gara dimookraasitti ce'a jedhamee eegamaa ture foncolcha mootumma humna waraanaan erga gufatee booda daandileewwan magaalaa gudditti biyyattii, Kaartuum, akkuma uugguramniitti jiru.

Bakka tokko tokkoottis konkolaataawwan akka daddarbaniif jecha dhakaafi goommaan daandiiwwan irratti gubaman kakkaafamiiru. Ummannis mariin siyaasaa gaggeeffamuun foncolchi raawwatame ka'uun bulchiinsi bakkatti akka deebii'uuf eeggataa jiru.

Ta’us garuu daandiiwwan cufamuun, hirirri mormiifi deebiin humna waraanaa hamaan deebi’ee ka’uu danda’a sodaan jedhutu hawaasa keessa jira.

“Mariifi haasaa tasisuun alatti, furmaanni biraa hin jiru,” jetti Suleyimaa Elkaalifaa, kan yeroo mootummaa ce’umsaatti gartuu shamarraniifi da’imman miidhaa irraa olchuuf hunda’ee hoggante.

“Haata'u malee ummanni amma caalaatti kutateera. Caalaattis wa’ee siyaasaa irratti ni xiyyeeffatu. Abbaa irrummaa humna waraanaa wagga 30 booda, harka hin kenninu. Dargaggoonni uummata biyyattii %50 ol bakka bu’an, nuti mootummaa kana akka hin feene ammoo ifaadha. Hunda keenya ajjeesuu hin danda’an. Abjuu kana ajjeesuu hin danda’ani,” jetti.

‘Waraanni akkuma bineensaati’

Ministira Muummee mootummaa ce’uumsa, Abdallaa Hamdok, kan yeroo fonqolchaatti humna waraanaan toa’nnoo jala ooleef deeggarsa olaanaa kan qaban fakkaatu.

“Hamdok nama waan jedhu ta'ee argamu agarsiiseedha. Ummannis osuma rakkoon diinagdee jiraatuu, kanaafidha kan isa amanuuf,” jetti Aaddee Elkalifaa.

“Biyyootiin akka Masrii, Saawudii fi kan biroos yaada isaanii ni geeddaratu jennee abdanna,” jechuun wa’ee biyyoota fonqolchicha kan deeggaru jedhamanii wayita dubbatteetti.

Namoonni fonqolchaan booda humnoota waraanaan miidhamuun hospitaalaa dhuunfaa Royal Care, Kaartuum jiru keessatti, argaman ammas kutannoo wal fakkaata qabaachu himu.

Barataan umurii 18, Muhaayed Faayisal, hiriira mormii dhiyoo irratti si’a lama lukkara rasaasaan rukutame.

Barataa Muhaayed Faayisaal hospitaala keessatti
Ibsa waa'ee suuraa, Muhaayed Faayisaal waraanaan itti dhoka'uun hospitaalaatti wallaanamaa jira

“Ana waliin namooni sagal biraa rasaasaan rukutamaniiru. Dhukaasi akeekkachisaa hin turre, ummatummatti dhukaasuu eegalan. Humni waraanaa… jarri akkuma bineensaati. Tarii bineensota iyyuu wayya ta’a.”

Amma miilla isaa irratti wal’aansi baqaqsanii yaaluu sadii gaggeeffameera. “Ejjennoon keenya hin geeddaramne – humni waraanaa nu hin bulchu,” jedha.

Siree kan biraa irra, namni oggummaa uffata hodhuu qaban kan ganna 54, Ya’iir Mohaammad Ali Abdullaa, firoota isaan marfamee jira. Yeroo hiriirri mormii gaggeeffamaa ture, suuqii isaa cufee itti dabalame. Naannoo buufata xiyyaara idil -addunyaa Kaartuumitti, loltootaan beekaa konkolaataan akka rukutame hima.

“Sana booda, loltoonni shan ykn ja’a ta’an hameenyaan dugdaa fi lapheekkoorra uleen na reeban. Hiriiricha irratti kan hirmaadhee walabummaa, nagaa fi haqa gaafachuuf ture. Yoo waraanni keennu kan hin danda’u ta’e, uffanaa addaa isaanii ofirraa baasanii, kanneen dhufanii hojicha hojjachuu danda’aniif gadhiisuu qabu,” jedha.

Humna waraanaa fi paartilee akkasumas dhabbilee yeroo mootummaa ce’uumsaa 2019’tti uumama gidduu waligalteen wayii jira shakkiin jedhu jira.

Ta’us garuu dippiloomatoonni fi maddileen Kaartuum keessa jiran biroon, waliigalteen akkanaa of eeggannoo barbaachisaa jechuun yaada kennuu didaniiru.

Hogganaan fonqolcha kanaa Abdeel Fattaa al-Burhaan, humni waraanaa tarkaanfii kan fudhata waraanaa wal waliin hambisuuf akka ta’e himuun, bara 2023tti filannoon ni gaggeeffama jechuun waadaa seeneera.

Tailor Yair Mohamed Ali Abdulla in hospital

Maallaqa biiliyoonaan badeeru

Fonqoolcha mootummaa kana booda dhaabbati hatattamaan cufame tokko, Koree Diiguu- kan anga’oota bulchiinsa duraaniin qabeenya hataman to’achuuf qophaa’eedha.

Fonqolchi kun osoo hin gaggeeffamiin ji’oota muraasa dura, angaa’aan olaanaa koree kanaa, Wajiid Saaleeh, ragaalee yakka gaggeeffame mirkaneessuudha jedhu BBCtti agarsiisee ture.

“Namootni yakka maallaqa karaa seeraan daddabarsuu addunyaa kanarratti isa guddicha ta’e qindeessan jiru. Amma maallaqa biiliyoonaan lakka’amu hatame adamsuutti jirra. Bulchiinsi duraanii warraaqsa kana guffachiisuuf yaalaa jiru, garuu hin milkaa’ani,” jedhe.

Yeroo fonqolcha kanaatti Wajiid akkuma angaa’oota olaanoo mootummaa ce’uumsaa biroo to’annoo jala

“Qorannoon koreen kun gaggeessaa ture anga’oota olaanoo humna waraanaa sodaachiseera shakkiin jedhu jira. Koreen kun daddabarsa seeraan alaa warqee, gurgurtaa sharafaa fi komishiinii adda addaa qoratee, ragaalee hirmaanna qondaaltoota waraanaa olaanoo agarsiisaan argachaa ture,” jedha gaazexxeessaan duraanii BBC, Mohaanad Hashiim, kan yeroo warraaqsa kanaa eegalee TV Sudaaniif hojjachaa ture.

Uggurrii buufata doonii ijoo irra kaa’amee ture kaafameera – ta’us uggura kanaan mootummaa ce’uumsa irratti dhiibbaa diinagdee uumuuf humna waraanaan qindeeffame shakkiin jedhu jira.

Bu’aan kanaa dhiyeessiin nyaataa akka dabaluu fi gatiin mi’oota tokko tokkoo Kaartuum keessatti akka hir’iuuf taasieera.

Qindeessitoonni fonqolcha kanaa sochii isaanii seeraan kan karoorfatan fakkaatus, rakkooleen diinagdee jiraatanis, uummatni warraaqsa eegale irraa akka boodatti hin jennee waan hubatan hin fakkaatu.