Daangaa Itoophiyaafi Sudaan: Muddama daangaa Itoophiyaafi Sudaan irratti dabalaa dhufe

MM Sudaaniifi MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, ETHIOPIAN PM OFFICE

Muddamni daangaa Itoophiyaafi Sudaan irratti uumame dabalaa dhufuun hanga sochiin waraanaa mul'aturra gaheera. Torbanoota darban keessas ifatti wal himachuu jalqabaniiru.

Loltoonni Sudaan lafa qonnaa Itoophiyaanonni irra jiraatan to'achuu isaanii hordofee Itoophiyaan dhimmicha tasgabbiidhaan karaa dippilomaasiitiin furuudhaaf fedhii qabdu beeksiftullee haalli jiru itti caalaa deemaa jira.

Tarkaanfiin kun fedhii mootummaa Sudaan osoo hin taane, gocha addatti gaggeessitoonni kutaa bulchiinsa Sudaan daangaarra jiraniifi qondaaltonni waraanaa adeemsisan waan ta'eef mootummaa biyyattii waliin dubbachuudhaan furmaanni karaa nagaa ni argama jechuun ibsitee turte Itoophiyaan.

Haata'u malee, Ministirri Beeksisaa Sudaan torban muraasa dura madda oduu Roohitarsitti akka dubbatanitti, raayyaan biyya isaanii bakkawwan lafa keenya jedhan keessaa harka caalu to'achuufi kun ammoo tarkaanfii duuba hin deebiyamne ta'uu isaa ibsaniiru.

Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ammo raayyaan Sudaan daangaa bulchiinsa Itoophiyaa cabsee seenuun lafa qonnaa weeraruun akka qabateefi qabeenya akka saame ibseera.

Dubbi Himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii akka jedhanitti, weerarri sun muddamni daangaarra jiru akka hammaatu taasisuu isaa himuun rakkoo kana karaa nagana furuudhaaf carraaqamaa jiraachuu ibsan.

Sudaan gama isheetiin ibsa baasteen, hidhattoonni Itoophiyaa karaa gama baha biyyattiitiin Al-Quraayish keessatti gocha weerara hidhattoonni Itoophiyaa raawwatan jettu balaaleffatteetti.

Ministeerri Haajaa Alaa Sudaan haleellaa gareewwan hidhatan Itoophiyaarraa karaa naannoo Amaaratiin seenanii raawwataniiru jedhu hawaasni addunyaa gidduu seenuun akka balaaleffatuuf gaafateera.

Carraaqqii biyyoota biroo

Dhimmichi kan ishee yaaddessa Yunaayitid Arab Emiratis (UAE)n Itoophiyaafi Sudaan atakaaroo dhimma daangaarratti gidduu isaaniitti uumame karaa nagaafi waliin dubbachuun akka hiikkatan ibsa karaa Ministeera Haajaa Alaasheetiin baasteen gaafatteetti.

Biyyoota lamaan waliin hariiroo cimaa kan qabdu UAE, wantota rakkoo kana hammeessan irraa of qusachuun nagaafi badhaadhina ummata isaaniifi naannichaa bifa gargaaruun furmaata akka barbaadaniif biyyoota lamaaniif waamicha dhiyeessiteetti.

Kana malees, michuu biyyoota lamaanii kan taate Ertiraan torban darbe keessa aanga'oota ishii gara Kaartumitti yeroo ergiteefi aanga'oonni Sudaanis gara Asmaraa yeroo deemanitti dhimmi waldhabdee dhimma daangaa Sudaaniif Itoophiyaa kanarratti mariyatamuun isaa gabaafameera.

Daangaa biyyoota lamaan qoodatan

Haala yeroo

Bulchaan Gondar Kaabaafi jiraattonni akka ibsanitti, raayyaan Sudaan gara bakka weerarameera jedhame kanatti darbanii seenuu kan eegale Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa naannoo sanarra ture A L I Onkoloolessa 29, 2013 gara naannoo Tigiraayitti socho'een boodadha.

BBCn naannoo sanatti hojii qonnaarratti bobba'anii kan turaniifi sababa weerara raayyaa Sudaan irraa kan ka'een o'iruu isaanii dhiisanii gara Matammaatti kan baqatan Obbo Kessetee Wubetuu dubbiseera. "Loltoonni kunneen daangaa darbanii erga galanii booda gara bakkeewwan qonnaa babal'aatti seenuun yeroo sochii namaa kamiyyu argan dhukaasa banu," jedhan Obbo Kesseteen.

Naannichatti walitti bu'insi waraanaa kan himame ta'ullee jiraattonni bakka wal gaarerfachuun jiru jiraatan BBCn dubbise darbee darbee dhukaasa gurguddaa akka dhaga'amu dubbatu. Raayyaa lamaan gidduutti walitti bu'insi uumameera haalli jechuuf nama dandeessisu akka hin argiiniifi hin dhaga'iin ibsu jiraattonni kunneen.

Yeroo ammaa kana ammoo lakkoofsaan hanga sana guddaadha kan hin jedhamne loltoonni Itoophiyaa naannoo daangaa darbanii darbanii yeroo socho'an mul'achuu isaanii jiraattonni ni dubbatu.

Aanga'aan nageenyaa naannoo Sanaa tokko BBCtti akka dubbatanitti, guyyoota muraasa dura loltoonni Sudaan daandii Matammaa irraa gara Lixa Aarmaacowuufi Humaraa geessu cufuu yaalanii turan. Haata'u malee, Humni Ittisa Itoophiyaa bakka sana waan qaqqabeef dhiibanii deemuu akka hin dandeenye isaan godheera jedhan.

Sochii waraanaa naannicha jiru ilaalchisee aanga'oota raayyaa Itoophiyaa keessaa tokko osoo maqaa ofii hin himatiin akkas jechuun BBCtti himan: "Naannicha sana sochiin raayyaa adda ta'e hin jiru. Humni nageenyaa naannicha ture garu bakkarraa bakkatti waan socho'uuf tarii namoonni sochii sana ilaalan humni addaa soch'aa jira jedhanii yaaduu danda'u."

Dhukaasa naannoo daangaatti jiraattonni ni dhaga'ama jedhan gaafatamanii, "Dhukaasichi baayyinaan akkasumaan gaarreen irratti kan hafuufi hojjettoonni qonnaa akka gara isaaniitti hin dhiyaanneef sodaachisuuf," jechuun walitti bu'insa biyyoota lamaan gidduu jiran miti jedhu aanga'aan raayyaa kun.

"Obsi daangaa qaba"

Waldahabdee naannawa daangaa jiraa ilaalchisee dhimmichi motummoota biyyota lamaanitiin karaa nagaatiin akka hiikamuufi kanaaf yaalii taasiaa jiraachu ibsaa kan turte Itoophiyaa, sochiin gama waraana Sdaaniin taasifamaa jiru akka ishee yaaddeesse ibsiti.

Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Ambaasaadar Diinaa Muftiih akka himaniitti, naannoo daangaatti sochiin waraanaa cimaa dhufeera.

Lola Naannoo Tigraayiitti baatii lamaan duratti umameetti fayyadamuun waraanni Sudaan daangaa ce'uun seenu kan ibsan Ambaasaadar Diinaan, amma ammoo ''humni waraana Sudaan naanawaa daangaa eddoowwan dabalataa keessa galuuf sochii cimaa taasisaa jira'' jedhan.

Rakkinicha karaa obsaafi dippilomaasitiin hiikuuf yaaluun ''sodaa ykn mamii miti'' kan jedhan AMabaasadar Diinaan, naannicha walitti bu'iinsa irraa eeguuf jecha Itoophiyaan yaalii taasisaa kan turte ta'ulleen obsi kun daangaa kan qabu ta'u himan.

Waldiiddaa daangaa ture

Biyyoonni lamaan daangaa waloo km 750 ta'u kan qaban yoo ta'u, barootaaf walitti bu'iinsi daangaa mudataa ture.Keessattuu Al Faashiqaa bakka jedhamuufi naannoo lafa gabbataa ta'eetti yeroo garaa garaatti walitti bu'iinsi umamuu dubbatu.

Jalqaba torban kanaattis aanga'oonni Sudaan akka himataniitti, haleellaa humnootiin Itophiyaa naannichatti raawwataniin daa'ima dubaraa takka dabalatee namoonni jaha ajjeefamu ibsan.

Mudamni naannichatto torbanoota lakkoofsise kunis yeroodhaa gara yerootti cimaa kan dhufe yoo ta'u, namoota nageenyaafi loltoota irraan miidhaa qaqabsiisuun kan dubbatame yoo ta'u, kanneen kumaan lakkaa'aman ammoo buqqa'utuu dubbatame.

Mudama kana tasgabbeessuufis karaa ministiroonni mummee biyyoota lamaanfi qondaaltoonni olaanootiin mariin taasifamulleen, hanga ammaatti furmaanni hinargamne.

Motummoonni Sudaaniifi Itoophiyaa waldhabdee daangaatiin alatti hidha guddicha Abbayyaa Itoophiyaan gara xumuraatiin gahaa jirtu irrattis Masrii dabalatee walgahiin taasifamaa ture sababaii komii Sudaaniin gara fulduraatti osoo hindeemiin adda cituunsaa ni yaadatama.