Daangaa Itoophiyaafi Sudaan: 'Daangaa duraaniitti deebinee rakkoo jiru nagaan furuu qabna'- Mootummaa Itoophiyaa

Dubbii himaa Ministeera Haajaa Alaa, Diinaa Muftii

Madda suuraa, Ministeera Haajaa Alaa

Dhimmi daangaa Sudaaniifi Itoopiyaa waldhabsiise karaa nagaan akka furamu gochuun fedha mootummaa Itoopiyaa ta'uu dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himan.

Lola mootummaa Fedelaafi humnoota TPLF Sadaasa 3 eegalame hordofee humni waraanaa Sudaan lafa daangaa Itoophiyaa qabachuun hariiroo Itoophiyaafi Sudaan sana dura haala gaariirra ture yaaddoo keessa galcheera.

Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaatti dubbii himaa kan ta'an Ambaasaaddar Diinaa Muftii turtii BBC waliin taasisaniin, loltoonni Sudaan lafa daangaa Itoophiyaa keessa jiru qabachuufi qonnaan bultootarraan miidhaa geessisuun ''fedha mootummaa Sudaan mitii'' jedhu.

Waldhibdee kana keessa aanga'oonni olaanoon Sudaan muraasni fedha qabaachuu akka danda'an himanii, harka hedduu garuu ''qaama birootu duuba jiraa'' jedhan.

''Seeraan ala warra kana dhiibutu jira jennee amanna. Duubaan Itoophiyaafi Suudaan, Itoophiyaafi biyyoota hollaashee gidduu warra dhara hojjetutu jira,'' kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, qaama kana maqaan hin ibsine.

Daangaan Sudaaniifi Itoophiyaan irratti waliigalanii hanga ammaa turan waliigaltee bara 1902'tti raawwatameen ta'uu kan himan Ambaasaaddar Diinaan, bara 1972 mootummoonni lameen daangaa kana seeraan sararuuf waliigalaniis hanga amma akka hin rawwanne himan.

Mootummaan Itoophiyaa Sadaasa darbe naannoo Tigraayitti 'olaantummaa seeraa kabaachiisuuf' duuluu isaa akka carraatti fayyadamuun lafa Itoophiyaa qabachuun qonnaan butootarratti miidhaan gaheera jedhan.

''Gochi kun seeraan ala. Walitti dhufeenya yeroo dheeraa biyyoota lamaanii gaarii tureen faallaadha jennee mootummaa Sudaan waliin mariyachaa jirra'' jedhan.

Mootummaa isaanii keessatti rakkoo kanatti fayyadamanii seeraan ala lafa Itoophiyaa qabachuuf wanti godhamu sirrii akka hin taane itti himameeras jedhan.

Danaa Itoophiyaa fi Sudaan

Itoophiyaan yaada loltoonni Sudaan lafa Itoophiyaa seeraan ala to'atan kana gadhiisanii rakkoo daangaarra jiru karaa nagaa furuuf dhiyeessiteef faara gaarii agarsiisaa akka hin jirree miidiyaaleen Sudaan gabaasaa jiru.

Yaadni kun fudhatama argachaa kan hin jirre ta'u ilaalchisee, ''warri didaa jiru fedhii uummata Sudaan kan tajaajilan miti, wanta Sudaan miidhudhaa,'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

Naannoo daangaa amma humni Sudaan to'atetti dhukaasni adeemaa jiramoo dhaabateera kan jedhurratti aanga'aan kun ragaa akka hin qabne himan.

Sudaan guyyaa sadii dura dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti marii Gamtaan Afrikaa qindeessu irratti hirmaachuu dhiistee komii dhageessiftee ture.

Sababni hin argamneef qindeessitoota marii kanaa kan Gamtaa Afrikaa waliin addatti mariyachuuf feete argachuu waan dhabdeefiidha jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

Sanada haaraa qophaaye Sudaaniifi Itoophiyaan fudhatanii Masriin diduun ishee ni yaadatama.

Mariin kun Sanbata dhufu akka itti fufu beellamni qabamuu Ambaasaaddar Diinaan himaniiru.

Ka'umsi walitti bu'iinsa miilanaa lafa daangaa biyyooti lamaan irratti wal falman al-Fashagaa jedhamu Kaaba-Lixa Itoophiyaatti naannoo Amaaraafi naannoo Sudaan Gadareef jedhamu jidduutti argamudha.