Qonnaan bultoonni daangaa Itiyoo-Sudaanitti sodaa keessatti argaman maal jedhu?

Kaartaa Itoophiyaa fi Sudaan agarsiisu

Loltoonni Sudaan godina lixa Gondar keessattu aanaalee Matammaafi Lixa Armaacihoo seenuun maasaa qonnaan bultootaa irraan miidhaa qaqabsiisuu fi namoonni buqqa'u aanga'oonni naannichaa BBCtti himaniiru.

Bulchaan Godina Gondar Lixaa Obbo Dassalanyi Xaasow BBC'tti akka himanitti, qabeenyaan qonnaan bultoonni 200 ta'an barbadaa'ee yoo ta'u, kanneen 1,700 ta'an buqqa'aniiru.

Ministirri Beeksisa Sudaan Faayisal Saaliih ammoo loltoonni biyyasaanii lafa naannawa daangaa biyyoota lamaaniitti qonnaan bultoota Itoophiyaatiin qabamee ture jedhan keessaa irra jireessa to'achusaanii Sanbata darbe dubbachusaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Qonnaan bultoota sababii waldhabdee daangaa kanaatiin miidhaa qabeenyaa isaanii irra gahee keessaa muraasni waan mudate BBCtti himaniiru.

Obbo Kassata Wubat Aanaa Matamaatti lafa heektaara 400 fudhachuun misoomsaa akka turan himu. Naannichattis waggoota 1f hojii qonnaa gaggeessaa turu dubbatu.

ALI bara 2010 irraa kaasee garuu ''loltoonni Sudaan darbee darbee gara naannoo qonnaa kiyyaa dhufuun miidhaa qaqqabsiisaa turan'' kan jedhan Obbo Kassatan, sababii kanaatis yeroo muraasaafi hojii qonnaa keessa bahanii akka turan dubbatu.

Haata'u malee, bulchiinsi naannichaa akka hojiisaanii dhaaban hubatees akka gara hojiisaaniitti deebi'aniif akeekkachiisuu hordofuun ''eddoo kiyyatti deebii'uuf qotuu eegaleen ture'' jedhu.

Ta'us yeroo garaagaraatti loltoonni Sudaan hojjattoota naannichatti bobba'an ari'achuun waan rakkisaniif waraanni raayyaa ittisa Itoophiyaa naannicha akka qubatu taasifamuun hojicha hojjachu akka danda'an ibsu.

Haata'u malee, raayyaan ittisaa Sadaasa 8 ganama naannichaa baanaan galgala loltoonni Sudaan dhufuun taatee isaan 'eerara' jedhan kun raawwachu dubbatu.

''Konkolaataa sagaliin fe'amanii dhufan'' kan jedhan Obbo Kassatan, ''konkolaataawwan matarayeesii fe'an boodaan jiraattoota naannichaa (lammilee Sudaan) hordofsiisuun lafa qonnaa keenya irratti weerara raawwataniiru'' jedhu.

Obbo Kassatan maasaa isaanii irratti jirbii, suufiifi saliixii facaasanii akka turaniifi hunduu haamaaf gahee akka turee himuun, qaamoolee halleellaaf boba'an ''kan danda'an walitti qabachuun fe'atanii fudhachuun kan hafe ammo barbadeessaniiru'' jedhan.

''Maasaa keessa osoo hojjataa jirruu dhukaasaa nutti dhufan. Achiin ofirra ittisu yaallu illeen waan humna dhabneefu waan hunda gannee baqannee baane'' jedhan.

Kan baramee daangaan biyyoota lamaanii laga Guwaangi yoo ta'u, amma garuu isa ce'uun dhufuu ibsu. ''Yoo xinnaate lafa miilaa sa'aatii 3 ta'u deemuun daangaa Itoophiyaa keessa galuun weerara nurratti raawwatan,'' jedhan.

Obbo Kassatan lafa muraasa isaanii irraa jidduugalaan salixii kuntaala 500 fi misingaa hanga kuntaala 200 omishaa akka turan himu.

Hojii qonnaa kanas ''liiqeeffadheen hojjataa ture. Amma garuu balaan kun qaqqabusaatti irraa buufachuun hafee liiqaa kiyya kanfaluuf rakkadheera.

''Guyyaadhuma har'aatti mataasaa dhaabbanni Liqaafi Qusannaa Amaaraa beeksiisa liqaa kanfalu yoo baattee manni kee ni gurgurama jedhu mana kiyyarratti maxxansanii deeman,'' jechuun haala keessa jran ibsan.

''Ammas akkan qulqulleefadheetti salixii kuntaala 89, fi omisha jirbiifu suufii hedduu na jalaa fudhataniiru'' jedhu. Gabaa ammaatti gatiin salixii kuntaala tokko birrii kuma shan ta'a kan jedhan Obbo Kassataan, kan jalaa fudhatame gara birri kuma 450tti akka tilmaamamu ibsan.

''Hojjattoonni humnaa gara 250 gahan maasaarratti hojjattan mindaa kanfaluuf waanan dadhabeef amma nu himataa jiru'' jedhan.

Qonaan bulaan biraa dubbifne Obbo Yibayin jedhamu. Aanaa Matammaa bakka Dalaloo jedhamuutti maasaa qonnaa isaaniirra miidhaan qaqqabu himu.

Tibba gannaa humnootiin nagaa isaan waliin waan turaniif miidhaa homtu akka hinturree kan himan, ''haa ta'u malee waraanni naannicha gadhiisee gara Naannoo Tigraay deemuu hordofe loltoonni Sudaan dhufan'' jedhu.

Loltootatti aansees jiraattoonni magaaloota Sudaan kan dhiheenya daangaa lama waan dhufuun saamichaafi badiinsa raawwachu ibsu.

Loltoonni Sudaan gara naannichaa wayita seenaniitti haleellaa raawwachaa akka turan kan dubbatan Obbo Yibayin, dhukaasaa raawwatame kanaanis, ''hojjattoonni humnaa lama na jalaa ajjeefamaniiru. Kan biraa lama ammo miidhaa cimaan irra gaheera'' jedhan.

Kana malees meeshaalee kaampii hedduu barbadeessaniiru kan jedhan Obbo Yibayin, omisha hedduu fe'anii yoo fudhatan kan hafe ammo barbadeessaniirus jedhan.

Obbo Yibayin bara omishaa kana maasaa isaanii guutuu mishingaa facaasanii akka tureefi isa keessaayis irra jireessi akka fudhatameefi barbadaa'e himuun, kisaaraa olaanaaf saaxilamu BBCtti himan.

Haata'u malee, naannichi baayyee bal'aa waan ta'eef loltoonni Sudaan bakkee hunda dhaabbataan hin turan kan jedhan Obbo Yibayin, dhiheenya gara maasaatti deebi'uun mishingaa kuntaala 400 ta'u walitti qabachu ibsan.

Maasaa kanas waggoota 15 oliif akka qotaniifi waggaattis bu'aa gara birrii miliyoona 3 hanga 4 argataa akka turan ibsan. Miidhaa qaqabe Kanaan ammo bara kana kisaaraa olaanaan akka isaan mudate BBC'tti himan.

Qonnaan bulaa Sudaan kutaa biyyaa al-Jazirah

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lafi qonnaaf toluufi daangaa biyyoota lamaan gidduu argamu yeroo dheeraaf madda waldhibdee ta'e itti fufeera

Obbo Mulaat Nagaash bakka Midira Gannat kan daangaa Sudaan biratti argamtu keessa jiraatu. Hojii qonnaa wagga hedduuf akka hojjatan himu.

Amma garuu waraanni Sudaan lafa qonnaa isaanii kan lixa Harmaacootti argamu irraa akka isaan buqqisee dubbatu.

''Namoonni naannichatti qonna irratti bobba'ee ture hojiin ala ta'eera. Mishingaas fe'aa jiru.

''Qonnaan bultoonni 200 Lixa Harmaacootii, Matammaadhaa ammo lakkoofsa sirriitti beekuu baadhulleen qonnaan bultoonni gara 50 ta'an buqqaa'aniiru.

''Naannoo invastimantii kanneen konkolaataafi meeshaan qonnaa jalaa fudhatames jiru'' jechuun BBCtti himan.

''Naannoo Ligidii maashina ittiin haamamu saddeeti galchanii ture. Humniisaanii waan cimeef seenuu hindandeenye. Kombaayinarichi humna olaanaa waan qabuuf mishingaa maasaarra jiru fudhachuuf bal'inaan walitti qabaa jiru'' jedhu.

Akkasumas Lixa Harmaacoo bulchiinsa Magaalaa Midira Gannat jiraataa kan ta'an Obbo Faasiil Ashaagres ''Loltoonni Sudaan gara daangaatti seenaniiru. Isaan cimanii waan dhufaniif dhukaasaan ofiirra ittisu hindandeenye.

''Kombaayinara qabatanii dhufuun omisha walitti qabanii fe'aa jiru. Kan murree tuulle hunda fe'aa kan jiran yoo ta'u, naannoo keenya hunda to'ataniiru'' jechuun BBCtti himan.

Omisha maasaarratti argamuun alattis qabeenyaa hojii qonnaaf oolaniifi meeshaalee qonnaa hunda fudhachu dubbatu.

"Nuti teenyeerra. Harkaafii miilli keenya hidhamee maal haa goonu? Humna maal qabna? Omishichi osoo saamamee hindhumne motummaan nuuf haa qaqqabu jennuus deebiin hinjiru. Nuti dunuus jijjiramni finnu hinjiru'' jechuun dubbatu.

''Motummaan humna xiqqoo xiqqoo dhiyeessa. Kunis ittisuu qofa hojjata. Biyyi balaarratti argamti. Anaaf osoo hintaane biyyi akka biyyatti balaarratti argamti. Qonnaan bulaan 200 ol saamameera'' jedhan.

Ministirri Beeksiisaa Sudaan Faayisal Saaliih lafa harka qonnaan bulaa Itoophiyaa ture keessaa ''kan harka 60-70 deebiisnee qabanneera'' jechu guyyoota muraasa dura Royitarsi gabaaseera.

Itti dabalunis, ''rakkoon kamiyyuu mariin ni hiikama jenneeti amanna'' kan jedhan yoo ta'u, dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasadar Diinaa Muftii ammo waldhabdee naannoo daangaatti umamee karaa nagaatiin hiikuuf yaaliin eegalamee cimee itti fufa jechuun dubbatan.

Waldhabdee daangaa biyyota lamaan jidduutti yeroo dheeraaf madda walitti bu'insaa ta'e kanaaf furmaata waaraa akka argamuuf komishiniin hundeefamuun, yeroo garaa garaatti Kaartumiifi Finfinneetti marii taasisan illeen osoo qabxii waliigaltee irra hingahiin turaniiru.