MM Abiy Ahimad: Mootummaan daangaa Itiyoo – Sudaanitti waan mudate itti dhiheenyaan hordofaa jira

Madda suuraa, AFP
Ministirri Muummee Itoophiyaa gama daangaa Itoophiyaafi Sudaan walitti bu'iinsa milishaa waliin dhaqqabe itti dhiheenyaan akka hordofaa jiran ibsan.
MM Abiy fuula tiwiitara isaanii gubbaatti ''rakkina furuuf yeroo hundaa mariidhaan waan dhimma baanuuf mudannoon akkanaa walitti dhufeenya biyyoota lamaa addaan hin kutani,'' jechuun Kamisa galgala barreessan.
Akkasumas walitti bu'iinsa kaaba Lixa Itoophiyaa naannawa gama daangaa Sudaaniin daangeessuutti umameef sababiin rakkinaa caasaa motummaa Sudaan gadii aanuti jedheera mootummaan Itoophiyaa.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftii wanti mudate fedhii mootummaa Sudaanis ta'e Itophiyaa miti jedhaniiru.
Gaafa Roobii Sudaan qondaalonni ishee 'osoo eegumsa irra jiran humnoota milishaafi waraanaa Itoophiyaan tarkaanfiin tasaa irratti baname' jechuun beeksistee turte.
Miidiyaan mootummaa Sudaan Suna jedhamu hidhattoonni gama Itoophiyaa haleellaa raawwataniin qondaala gameessa dabalatee, loltoonni afur ajjeefamuu gabaaseera.
Dabalataan, waraanni Sudaan haleellaan erga raawwate booda hidhattoota Itoophiyaarratti tarkaanfii fudhachuuf ta'u ibseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Guyyaa kaleessaa Sudaan Tiribiyuun akka gabaasettimmoo, waraana Sudaaniifi hidhattoota Itoophiyaa gidduu bulchiinsa Al- Qadariifitti walitti bu'iinsi uumameera.
Bulchitoonni biyyoota lamaanii xumura torban darbe wal arganii dhimmoota mari'atan keessaa tokko rakkoo gama daangaa dhalatu hiikuu ta'u qondaalli Itoophiyaa BBC'tti himaniiru.
Itoophiyaan gama Kaaba Lixaatin Sudaan kan daangessitu yoo ta'u, bakkeewwan kanatti waldhibdeen yoo dhalatu kuni kan duraa miti.
Rakkoon gaafa Kibxataa mudachuun gabaafame kuni yeroo Itoophiyaan hidhattoota TPLF irratti oppireeshinii waraanaa gaggeessiteefi lammiileen 50,000 caalan Sudaanitti baqatanitti mudate.
Wanti ta'e maali?
Ambaasaaddar Diinaan yeroo xiyyeeffannoon waraanaafi milishaa akkasumas bulchitoota Itoophiyaa gara Naannoo Tigraayitti 'olaantummaa seeraa' kabachiisuu irra ta'etti gama daangaa Sudaaniin rakkoon uumamuu himan.
''... as gara Itoophiyaa kanatti jeequmsa uumuu, as butachuu, as dhiibachuudhaaf biyya seenanii hanga maasaa qotee bulaa seenanii achirraa waa fuffudhachuu hunda bira gahaamee ture,'' jedhan.
Adeemsa kanaafis, mootummaan Itoophiyaa caasaa gadii mootummaa Sudaan himate.
''Kunimmoo fedhii mootummaa Sudaan jennee hin amannu. Caasaa gadi jirutu kana hojjete waan jedhutu jira,'' jechuun ''isarratti tarkaanfiin fudhatamee ture'' ibsan.
''Maasaa qonnaan bulaa keessa seenanii waan tokko tokko fuffudhachuu, as babal'ifachuudhaaf wanta hin taane seeraan ala deddeemuun mul'atee waan tureef kana deebisuun waan barbaachisuuf kanatu rukutame,'' jedhan.
Gama Sudaaniin waraanni biyyattii akka beeksistetti loltoonni biyyattii gaafa Kibxataa osoo hin eegamin akka haleellaan itti baname ibse.
''Humnoonni keenya daangaa keenya keessa bakka Jabal Abutiour irraa to'annoo gaggeessani osoo deebi'anii milishaafi loltuu Itoophiyaan lolli itti baname. Kanaanis, lubbuunis ta'e qabeenyi badeera,'' jechuun rakkoon gaafa Kibxataa uumamuu Rooyitars gabaaseera.
Ambaasaaddar Diinaan ''isaan kan jedhan baqataan dhufaa jiran isaan eeguudhaaf achi dhufne jedhu garuu afoo [bakka] san baqataniis hin jiru,'' jechuun himan.
Kana dura waldhibdeen turee?
''Wanti daangaarratti ta'u yerooma hundaa wal harkisuun waanuma jiru,'' jedhan Ambaasaaddar Diinaan.
Waggaa darbe baatii Caamsaa keessatti Sudaan haleellaa Itoophiyaan daangaa cehuun narratti taasifte jetteef mootummaa Itoophiyaa gaafattee turte.
Haleellaa yeroosin kutaa biyyaa al-Qadarif jedhutti uumamen, loltoonni Sudaan torbaafi namoonni nagaa sadiis miidhamaniiru jedheera ministeerri dhimma alaa biyyattii.
Ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa yeroos ibsa baasen maatii miidhamtootaa gama biyyoota lamaaniin jiraniif gadda itti dhagahame ibsuun rakkinicha furuuf walitti dhufanii dalagun akka barbaachisu hime.

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad/Twitter
Mudannoo kana hordofees bulchiitoonni biyyoota lamaanii rakkoo daangaa lamaan isaanii gidduu jiru furuuf qaama ilaalee sararu hundeeffachuuf waliigaluu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni Sudaan waggoota hedduuf, qonnaan bultoonni Itoophiyaa lafa naannoo daangaa jiru seeraan alaan misoomsaa jiru jechuun komatu. Kanaanis, waldhibdeen darbee darbe mudata.
'Yeroo gabaabaatti sirrata'
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook gaafa Dilbata darbe gara Finfinnee dhufuun Ministira Muummee Itoophiyaa waliin marii gaggeessaniiru.
Dhimmoota mari'ataman keessaa tokko lola Naannoo Tigraay keessa jiru, akkasumas deeggarsa namoomaafi siyaasaa akka ta'an ibsameera.
Biyyoonni lamaan ibsa baasaniin mariin haala gaariin raawwatuu himan.
Dhimma alaa irratti Dubbii Himaa mootummaa Itoophiyaa kan ta'an Ambaasaaddar Diinaan, waan dhalate irratti mootummaa Sudaan waliin haasa'ameera jedhaniiru.
''Wanta kana yeroo gabaabaa keessatti hogganoonni biyyoota lamaanii sirreessuudhaaf wal ta'ani jiru ammaan kana,'' jedhanii 'yeroo gabaabaatti sirraata' jechuun BBC'tti himan.















