Kadiir Hawaas: Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 akkamiin ajjeefaman?

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaalee iddoo Kaarra ykn Mootoma jedhamu qubatanii kan turan Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas dabalatee, namoonni 14 humnoota mootummaa Oromiyaatiin ajjeefamuu jiraattonni BBCtti yoo himan, motummaan gamasaatiin Abbaa Gadaan kan ajjeessee gareen Shaneeti jedhe.
Ajjeechaan kun kan raawwate naannoo uummanni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti ta'uu jiraataan Aanaa Fantaallee obboleessi isaa namoota ajjeefaman keessaa tokko ta'u dubbate BBC'tti himeera.
Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee tuutni abbootii Gadaa ajjeefaman miseensota Gadaa Michillee, kan Dullachaa yoo ta'an, waggaa afur dura Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii akka turan hima jiraataan kun.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gama isaatiin ibsa Jimaata ajjeechaa kana ilaalchisuun baaseen, Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas kan ajjeefaman "garee shorkeessaa Shaneetiini," jedheera.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gamasaatiin ibsa Jimaata Muddee 3, 2021 baaseen, ajjeechaa namoota nagaa Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalee keessatti Oromoo Karrayyuu irratti raamwwatameen baay'ee rafachu himeera.
''Ajjeechaan kun ta'e jedhamee itti qophaa'amee humnootii ngenyaafi hidhattoota motummaa Paartii Badhaadhiinaatiin namoota nagaa callisiisuuf gara jabinaan kan raawwatamedha,'' jedha ABOn ibs isaa kanaan.
Akkaataa ajjeechaan kun itti raawwateera jedhe bal'inaan kan ibse ABOn, gochi kunis qaama walabaatiin qoratamee kanneen ajjeechaa kana raawwatan seeratti akka dhiyyeeffamaniif waamicha dhiyeesseera.
Maaltu ta'e?
Halkan ajjeechaa san dura ture [Kibxata halkan] warri Gadaa sirna qabu turan jedhu jiraataan obboleessi jalaa ajjeefame nageenya isaaniif jecha maqaan akka hin dhahamne nu gaafatan.
Jiraataan nama ajjeechaa sana jalaa miliqeerraan odeeffadhe jechuun BBCtti akka himeetti, "Uummanni korma qalee, Abbaan Gadaa Waaqa kadhateefii akkasiin sirnarra bulan. Ganama namni dammaqee horii bobbaafateetuma warra jira, osoo hin beekiin waraanni mootummaa dhufee marse," jedhu.
Guyyaa Roobii tilmaamaan toora sa'aatii jahaatti, "Akkuma isaan naanna'anii qubatanitti irra naanna'anii itti marsan," jedhan.
Abbootiin Gadaa Karrayyuu amma dura mootummaa waliin quba wal qabaachuu kan himan jiraataan kun, abootiin Gadaa waraana mootummaa ta'uu hubannaan itti callisani jedhan.
Gocha kana kan raawwate qaama motummaa ta'u maalii bartan? jechuun gaaffii dhiyaateef, ''gochichi kan raawwatan poolisii humna addaa naannoo Oromiyaati. Wayita gochicha raawwatanittis uffannaa dambii humna addaa Oromiyaa uffatanii akka turan odeeffanneera'' jiru jiraattoonni kunneen.


Waraanni mootummaa gabalaa ykn iddoo abbootiin Gadaa qubatanii turan erga to'atanii booda dhiirota 41 kophaatti adda baasanii uleen reebicha hamaa irratti raawwachuu dubbatu jiraataan kun.
Achinis "Erga akka malee tumaniin booda hunda isaanii fuudhanii naannoo Meexxii jedhamu bakka dhagaan gurraachi gurguddaan Basaqa-Aanolee jedhamu jirutti ol naqan," jedhan.
Isaan boodas yeroo dheeraaf hoggantoota mootummaa, namoonni gara garaa walitti bilbilanii, dhimma namoota ta'ataman kanneenii irratti mari'ataa turu hima.
"Sana booda erga aduun dimimmiftee toora sa'aatii 1 namoota kana kaasanii bakka lamatti qoodanii, namoota gurguddoo namoota bebbeekamoo fi warreen sirna Gadaa keessatti aangoo olaanoo qaban ajjeesan jechuun," himu.
Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas fi warra korma garaa hidhe (jila aadaa halkan san raawwatame) Boruu Fantaallee fi Jiloo Diidoo dabalatee namoonni 14 ajjeefamuu himu.
Namoota 41 keessa ajjeefamuuf kan turan namoota 16 turan, isaan keessa lama miliqanii galanuufi namoota miliqan kanarraa haala ture odeeffachuu dubbatu jiraataan kun.

Jiraataan biraa dubbisne Obbo Abarraan (kan maqaan sodaa nageenyaaf jecha geedarame) humnoonni mootummaa bakka abbootiin Gadaa qubatanii namoota 40 fuudhanii erga deemanii booda Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee namoota 14 ajjeefamuu BBC'tti himeera.
Jiraatan kun warra bakka itti ajjeefamanii reeffa kaasanii fi boodas sirna awwaalchaa raawwatan keessaa tokko ta'uu hima.
"Warra naannoo kanatti yeroo rakkoon jiru rakkoo ittiin hiikkannu namoota nagaa, warra Abbaa Gadaa maaliif akka ajjeesan hin beeknu," jedha jiraataan kun.
Awwaalchi isaanii Aanaa Boosat Ganda Qaawwaa bakka Mootoma jedhamutti raawwachuu himan.
''Allaattiin ija isaanii keessaa guurteetti''
Namoonni kunneenis Roobii guyyaa qabamanii galgala naannoo sa'aa tokkoo kan ajjeefaman yoo ta'u, reeffi isaanii Kamisa halkan naannoo sa'aa shanii kaanii JImaata awwaaluu himu jiraattonni.
"Humni mootummaa bakka tokkotti nama hin fixu jennee, nuti manneen hidhaa iddoo gara garaa iyyaafataa turre," jedha jiraataan obboleessi jalaa ajjeefamu hime.
Eeruu uummatarraa argataniin Kamisa guyyaa gara bakka itti ajjeefamanii yoo deeman humni mootummaa reeffi akka hin kaane dhorkaa akka turan kan himan jiraataan kun halkan keessa toora sa'aatii shanii reeffa achii kaasuu dubbatu.
Halkan san awwaaluun rakkisaa waan ta'eef awwaalchi isaanii Jimaata ganama raawwachuu hima.
"Bineensi qaama isaanii walakkaa nyaatee jira, allaattiin ija isaanii keessaa guurteetti" jedhu haala wayita reeffa kaasan jiru yoo ibsan. Halkan san awwaaluun rakkisaa waan ta'eef awwaalchi isaanii Jimaata ganama raawwachuu hima.

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa
Abbootii Gadaa kunneen erga iddoo qubatanii keessaa yaasanii booda, mana isaanii keessaa qaawwee 16 funaanan jedhu jiraataan kun. Qawween kun kan hawaasni horsiisee bulaa Karrayyuu ittiin horii tikfatudha jedhu.
Abbaan Gadaa Karrayyuu ajjeefaman Kadiir Hawaas namoota ajjeecha kana raawwatan keessaa kan beekan qabaachufi, "nagaa busuuf waliin hojjetaa hin turree, walgahi waliin taa'aa hin turree jedhanii maqaa waamanii itti dubbataa turan," jedhu.
"Garee shororkeessaa shaneen ajjeefaman"
Sababa ajjeechaa kanaa kan gaafataman jiraataan naannichaa, naannoo Aanaan Fantaalee kan naannoo Affaar fi naannoo Amaaraa Bulgaa waliin wal daangessutti humnoonni mootummaa torbee darbe qaamolee hin beekamneen wal waraanaa turan jedhan.
Lola kanarratti loltoonni mootummaa hedduun ajjeefamuu akka dhagahan kaasuun, namoonni ajjeefaman lola kana keessa qooda qabu shakkii jedhuun ta'u akka hin oolle tilmamu dubbata.
Haata'u malee ''iddoon waraanni kun turee fi bakki ajjeechaan kun itti raawwate walirraa fagoo ta'uufi abbootiin Gadaa amma ajjeefamanis waraana kana keessaa qooda homaatuu hin qaban'' jedhan.
"Abbootiin Gadaa gaafuma waraanni hawaasa keessatti ka'ellee araara buusa malee waraana irratti hin hirmaatani," jedha.
Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa ibsa Jimaata fuula Feesbuukii isaarratti baaseen Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas "garee shororkeessaa Shaneen ajjeefaman" jedheera.
"Uummanni Karrayyuu natu biyyaafi sirna kootiif jira jedhee hiriira deeggarsaa bahuu isaa hordofuun, Shaneen abdii kutannaa keessa galte 'situ ummata nurratti kakaase' karaa jedhuun Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu karaa sukkanneessaa ta'een ajjeesanii jiru", jedha ibsichi.
Itti dabaluunis "namoota ulfoo akkasii ajjeesuu fi salphisuun akeeka Oromoo akka sabaatti salphisanii dantaa ergamtummaarraa argamu mirkaneeffachuurraa waan madduuf; kaayyoo itti uumamaniif waan ta'eefis baay'ee kan nama raajuu miti," jedha.
Haata'u male waa'ee namoota biroo Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas waliin ajjeefamanii ibsichi homaa hin jenne.
Mootummaan Shanee jechuun kan waamuu fi garee Shorokeessaa jalatti kan ramade Waraanni Bilisummaa Oromoo finciltoota Tigraay waliin hariiroo tolfachuun mootummaa MM Abiy Ahimad lolaa jira.
Mootummaan amma duras ajjeechaa namoota nagaa Oromiyaa iddoowwan gara garaatti raawwatamuuf garee kana himataa ture. WBO ajjeechaa kana waakkachuun qorannoon walabaa akka taasifamu waamicha dhiyeessaa ture.
Ajjeechaa Karrayyuutti raawwate kanas humnoonni mootummaa raawwachuu dubbi himaan idil addunyaa WBO Odaa Tarbii tiwiitrii irratti barreessaniiru.


















