'Waggaa waggaan lafti keenya fudhatamaa jira' - horsiisee bultoota Karrayyuu

Jiraattota Karrayyuu meeshaa hidhatan
Ibsa waa'ee suuraa, 'Lafti Karrayyuu babal'ifannaadhaan fudhatame hagana kan jedhamee beekamuu miti,'' jedhu jiraattonni

Godina Shawaa Bahaa aanaan Fantaallee fi Naannoo Amaaraatti Aanaan Minjaar Shankoraa daangaa waliin qaban irratti yeroo hedduu waldhibdeen ni uumama.

Rakkoon naannolee lamaan gidduutti uumamu lafa dheedumsaa fi horsiisa beeladaatitti qabamus, bu'uurri isaa garuu lafa babal'ifannaadha jedhu jiraattonni aanaa Fantaallee.

Jiraataa naannichaa kan ta'e Ibraahim Roobaa, lafti Oromoota Karrayyuu dhiibamuu kan jalqabe bara 2003 irraa eegaleeti jedha.

"Lafa amma naannoo Amaaraa wajjin irratti waldhabnu kana sirrittan beeka,'' jechuun asitti dhalatee guddachuu hima.

''Gaara Gaalaa, Dugda Daalacha, Malkaa Jiloo, Gaara Cobaa fi daandii aspaaltii gara Jibuutii geessurrammoo bakka Qorkee jedhamu ganda Xuxxuutii qabatanii jiru," jedha.

Daandii aspaaltii guddicha irrattis magaalaa 'Awuraa Godaanaa' jedhamtu hundeessuun taappeellaa Naannoo Amaaraa ta'uu ibsu, manneen barnootaa fi waajjiraalee banachuus hima dargaggoon kun.

"Lafti Karrayyuu babal'ifannaadhaan fudhatame hagana kan jedhamee beekamuu miti. Lafa jilaa kan Karrayyuu hundatu fudhatame. Karrayyuun lafa isaa tiksuuf aarsaa kanfalaa jira.

Duuti namaatuu amma nubiratti haaraa miti. Ganamaa galgala namni du'a, uummanni Karrayyuu karaa hedduudhaan dhiibamaa jira," jedha.

Orommotni Karrayyuu miidiyaalee isaaniif dubbatu akkasumas nama baratee sagalee isaaniif ta'u hedduullee dhabuun aarsaa humnaa olii isaan akka baasisaa jirus dubbata.

Lafa weeraraan qabamu kanarrattis bifa qindaa'een dhalattoonni naannoo Amaaraa qubsiifamaa jiraachuus himata Ibraahim.

'Lafti Karrayyuu saamamaa jira...'

"Hanga ammaatti lafti Karrayyuu fudhatame sirriitti beekamuu baatus tilmaama kiyyaan hanga kiloomeetira 45 kan ta'u lafti keenya fudhatameera. Warra kana mootummaa Naannoo Amaaraatu gurmeessee bifa qindaa'een qubsiisaa jira. Kanaafimmoo Chaappaa isaanii ragaa qabatamaa ta'e of harkaa qabna," jedha.

Aanuma kana jiraataa aanaa Dheebitii kan tahan Obbo Fantaallee Bulgaa gama isaanitiin, lolli daangaa Naannoo Amaaraa wajjin jiru dhimma margaa fi bishaanii irraa gara daangaa bal'ifachuutti ceheera jedhan.

''Lafti Karrayyuu akka malee saamamaa jira. Humnaan fudhatanii qotatu. Horiinillee nisaamama. Lubbuun namaa darbaa jira. Haala ammaa kanaan itti fufnaan lafti Karrayyuu kuni guutumaatti fudhatamuun isaa waan oolu miti," jedha.

Rakkoon lafa Oromoota Karrayyuu kuni hamma ulfaatina isaatiin uummanni Oromoos ta'ee mootummaan nuuf hubatee hin jirus jedha Fantaalleen.

"Aanaan Fantaallee kuni ganda 18 qabdi. Uummanni Oromoo ammoo bal'aadha. Waan aanaa Fantaallee kana namni nuuf hubataa hin jiru. Gama Amaaraatiinis gama Affaarinis daangaarra jirra. Gara lamaaninuu lafa saamamaa jirra. Uummanni Oromoollee quba nuqabaachuu qaba," jedhan.

"Bara baraan isa bara darbe qabatan mirkaneeffatanii qotachaa baranammoo haaraa achas nudhiibu. Waggaa waggaadhaan nutti siqama malee kan achi deebi'u hin jiru," jechuunis haala jiru ibsa.

Taappellaa magaalaa 'Awuraa Godaanaa' jedhu
Ibsa waa'ee suuraa, Hanga furmaanni kennamutti magaalaa 'Awuraa Godaanaa' dabalatee iddoowwan kaan 'Qaxanaa Bilisaa' akka jedhaman murtaa'uu anga'oonni himan

'Rakkoo waggoota dheeraa...'

Jiraattonni aanichaa lola daangaa irratti mudatu irratti kan walitti dhukaasan qonnaan bultoota osoo hin taane humna addaa fi caasaa nageenyaa naannoo Amaaraa wajjin ta'uus himu.

Bulchaan aanaa Fantaallee Obbo Alamaayyoo Masqalee, rakkoon daangaa aanaa Fantaallee fi Minjaar Shankoraa kuni rakkoo waggoota dheeraaf deebii hin argatin jirudha jedhu.

Lafa naannoon Amaaraa babal'ifannaadhaan qabatee jiru hanga mootummoota lamaaniin furmaanni itti kennamutti magaalaa 'Awuraa Godaanaa' dabalatee iddoowwan babal'ifannaadhaan qabaman 'Qaxanaa Bilisaa' jedhamee qaama lamaanirraayyuu bilisaan akka qabamu murteessine jedhu.

Murteen isaanii kuni garuu gama naannoo Amaaraatiin fudhatamee hojiirra ooluu isaa irratti garuu shakkii qabu Obbo Alamaayyoon.

Lafti waggoota sadii fi afur dura babal'ifannaadhaan qabame garuu ammayyuu namoota Minjaar Shankooraa irraa dhufaniin qabamee jiraachuus himu.

Yeroo ammaa kanattis saamicha beelladootaa gama lamaaniinuu mudatuun alatti sochiin babal'ifannaa lafaa kuni akka dhaabbatuuf aanicha wajjin hojjechaa jiraachuus himan.

Deebii Naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraatti bulchaa Godina Shawaa Kaabaa kan tahan Obbo Taaddasaa G/Tsaadiq, himannaa horsiisee bultoonni Karrayyuu kaasan kana hin fudhatan.

"Beellada waljalaa saamuun, margaa fi bishaan irratti waldhabuun duris ammas nijira. Saniin alatti weerarri lafaa naannoon Amaaraa lafa Karrayyuu irratti godhu hin jiru. Lola naannoo daangaa irratti mudatu irrattis Humni Addaa Amaaraa hirmaatee hin beeku," jedhan.

Waldhibdee daangaa naannolee lamaan gidduutti ka'umsa lolaa ta'u kana furuufis, bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa wajjin mari'achaa jirra jedhan obbo Taaddasaan.

"Babal'ifannaan daangaa fedhii namoota dhuunfaatiin raawwatamee ta'uu danda'a. Garuu nuti gamaaggama akkanaa hin qabnu," jedhan.