Waraana Kaaba Itoophiyaa: Itoophiyaan murtee walgahii Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN hin fudhadhu jette

Madda suuraa, Reuters
Walgahii addaa Manni Maree Mirga Namoomaa UN, 'sarbama mirgoota namoomaa hamaa Itoophiyaa keessatti raawwata jira' jedhe ilaalchisee har'a[Jimaata] taa'u irratti murtee darbu kamuu akka hin fudhanne mootummaan Itoophiyaa beeksise.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti bakka buutuu itti aantuun mootummaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Maahileet Haayiluu walgahichi naamusa itti gaggeefamu irratti mariyachuuf waajira dhaabbatichaa wayita deeman ejjeennoo mootummaa Itoophiyaa kana ibsuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa yaa'iin addaa dhimma Itoophiyaarratti gaggeeffamu dantaa siyaasaa biyyoota Lixaa tajaajiluuf yaada jedhuun wixinee qophaayeen gadduu ibsee adeemsa kana balaaleffatee ture.
Manni Maree Mirga Namoomaa UN Jimata har'aa yaa'ii addaa kan gaggeessuu miseensonni Gamtaa Awurooppaa ''sarbama mirgoota namoomaa hammaataa'' Itoophiyaa keessatti raawwatameera jedhamu ilaalchisuun tarkaanfiin akka fudhatamu wixinee dhiyeessaniin.
Dhaabbatichi ibsa guyyaa sadii dura baaseen gaaffiin Gamtaa Awurooppaan dhiyaate qajeelfama jiruun miseensota mana marichaa 47 keessaa deeggarsaa harka tokko sadaffaa argachuun akkasumas biyyoota taajjabdoota jedhaman kan Yunaayitiid Isteetsiin of keessatti hammatuun deeggaramu beeksisee ture.
Gamtaan Awurooppaa wixinee haaraa qopheesseen sarbama mirga namoomaa qaamolee waraana kana keessatti qooda qaban hundaan raawwatame kan balaaleffate yeroo ta'u, gareen ogeeyyii haaraan yakka kana qoratu akka hundaa'us wixinee qopheesseera.
Wixineen Gamtaa Awurooppaan qophaaye gareen haaraan yakkoota raawwataman qoratu hundaa'ee waggaa tokkoof erga qoratee booda bu'aa isaa akka dhiyeessu gaafata.
Battala wixineen Gamataa Awurooppaa dhiyaatetti Wiixata darbe mootummaan Itoophiyaa ibsa baaseen ''wanta gaabbisiisaa Mana Maree Mirga Namoomaa UN'tti ta'aa jiruun irra deebiin gaddeera'', jechuun haalichi ''hibboo itti ta'uu'' ibseera.
Ejjennoo Itoophiyaa
Mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba Itoopiyaatti dhalateen walqabatee sarbama mirga namoomaa qaqqabe qorachuuf UN irraa waamicha dhiyaateef hayyama kennee, bu'aa isaas faaraan simatee qaama adda sirreefama akka godhamu qajeelfame (recommendation) raawwachuuf tattaafachaa osoo jiruu wixineen haaraan amma dhufe fedha siyaasaa biroo qaba jedha.
Ambaasaaddar Maahileet walgahiin addaa kun ''dambii hojimaataa mana marichaa kan hin hordofneefi kaayyoo hundaa'eefiin alatti fedha siyaasaaf oolaa jira'' jechuun ejjennoo mootummaa Itoophiyaa ibsaniiru jedhan miidiyaaleen Itoophiyaa.

Madda suuraa, UNESCO
Miseensota mana marichaa irratti loogiin akka godhamuufi dhimma walfakkaaturratti adeemsi adda addaa akka jiraatu gochuun gaafatama dhaabbatichaa wanta bisheessudha jedhaniiru.
Miseensonni mana marichaa ''maqaa mirga namoomaan dantaa siyaasaa kabachiisuuf yaalii godhamu'' akka balaaleffatanis gaafataniiru.
''Walgahiin addaa waamameefi wixineen murteen akka irratti darbu dhiyaatu birmadummaa fi tokkumma bulchiinsa Itoophiyaa waliin kan wal faallassu waan ta'eef walgahichis, wixineen qophaayes akka haqamu gaafanna.''
'Qaama haaraa qoratu hundeessuun irra deddeebii ta'a...'
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Mirga Namoomaa irra deddeebiin yaaddoo ibsaa erga turee booda Komishinii mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin ta'uun Tigraay keessatti yakkoota raawwatan qoratanii bu'aa isaas ifa godhanii ture.
Hooggantuun Komishinii Mirga Namoomaa UN Miisheel Baachaleet ammallee qaamolee hunda waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeefamaa jiru keessatti qooda qabaniin sarbamni mirga namoomaa hamaa raawwatamaa jira jedhan.
Ogeeyyii UN waliin sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraay keessatti raawwate kan qorate Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa yaa'ii addaa taa'amuuf jiruufi wixinee qophaaye ilaalchisee yaaddoo qabu Kamisa xalayaa hooggantuu Mana Marii Mirga Namoomaa UN Nazaat Kahaaniif ergeen ibseera.
Manni Marii Mirga namoomaa UN bu'aa qorannoo waloon gaggeessaniif yaada furmaataa akeekaman hojiirra oolchuuf deeggarsa gochuu wayyaa jechuun wixineen qorannoo haaraa dhiibbaa qabaatu ibseera. Dabalataaniis Qorannoowwan walabaa Itoophiyaa keessatti gaggeefamaa jiran deeggaruu irratti akka hojjetan waamicha godheera.
''Sadaasa 3 bara 2020 eegalee waan ture qaama haaraa qoratu hundeessuun irra deddeebii ta'a, adeemsa sirreeffama hojiirra oolchuurratti dhiibbaa qaba, miidhamtootaafi kanneen lubbuun oolan adeemsa bayyanachiisuus boodatti harkisaa'' jedheera.













