Itoophiyaan kora addaa Manni-maree Mirga Namoomaa UN dhimma biyyattiif waameen gadduu himte

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan kora addaa Manni-maree Mirga Namoomaa UN dhimma biyyattii ilaalchisuun waameen gadduu ibsite.
Wanta yeroo ammaa Mana Maree Mirga Namoomaa UN Jenevaatti argamutti adeemsifamaa jiru ilaalchisuun biyyattiin hedduu mufachuushee Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kaleessa baaseen beeksiseera.
Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaan baaseetti, gareen qorattootaa waloo bu'aa hojii qorannoo cimaa ji'ootaaf gaggeessaan ji'a darbe ifa taasisuu hordofee mootummaan yaada furmaataa dhiyaatan dhimmee hojiirra akka oolchu fedhii qabaachuu himeera.
Haata'u malee, Mana Maree Mirga Namoomaa UN keessaa warri carraaqqii mootummaan Itoophiyaa traasisaa jiru kanaaf bakka hin qabne, "kaayyoo fedhiin siyaasaa duuba jiru fakkaatu milkeessuuf" korri addaa akka taa'amu barbaadu jedha ibsichi.
Korri addaa Manni Maree Mirga Namoomaa UN dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun yaame kun gaaffii Gamtaa Awurooppaatiin yoo ta'u Jimaata Mudde 17, 2021 gaggeeffama.
Mootummaan Itoophiyaa jaarmiyaan namoomaa UN kun amma duras loogaa akka ture akeekuun, ammaan kanas yakkii humnootni TPLF naannolee to'atanii turan keessatti raawwatan saaxilamaa yeroo jirutti yaa'iin waamamuutti jiru sirri akka hin taane ibseera.
Hooggantuun Komishinii Mirga Namoomaa UN Miisheel Baachaleet ammallee qaamolee hunda waraana kaaba Itoophiyaatti gaggeefamaa jiru keessatti qooda qabaniin sarbamni mirga namoomaa hamaa raawwatamaa jira jedhan.
Baachaleet ibsa Mana Maree Mirga Namoomaa UN'f haala Kaaba Itoophiyaa jiru ilaalchisee ibsa kennaniin ''waraanichi osoo hin dhaabatiin itti fufeera, gara guutuu Gaanfa Afrikaatti ce'uu mala'' yaaddoon jedhu jiraachuu himan.
Baachaleet humnootni mootummaafi michoota isaa, sarbama mirga namoomaa keessatti qooda qabaachaa jiraachuun isaaniif ragaan jiraachuu himan.
Gabaasaaleen dhalattootni Tigraay humnoota seera raawwachiisaniin sabummaa isaanirratti xiyyeeffachuun Finfinnee keessatti qabamaa jiraachuu agarsiisu jiraachuus himan.
Haasaan jibbinsaafi adda foyanii miidhuun dhalattoota Tigraay irratti raawwatamuufi dabalataannis haleellaan gaazexessitootaafi miidiyaalee ugguruu mudachuus waajirichi ibsa Wiixata baaseen beeksiseera.
Baachaleet itti dabaluun humnootii TPLFn naannolee Affaariifi Amaaraa keessatti dhiyeenya kana namoota 200 ol ajjeefamuu fi daa'imman dabalatee namootni 88 ammoo madaahuu himaniiru.
Naannoo Amaaraa keessatti namootni 200,000, naannoo Affaar keessatti ammoo namootni 76,500 ol sababa weerara TPLF'n buqqa'us himaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaafi Komishiniin Mirga Namoomaa UN naannoo Tigraay keessatti sarabama mirga namoomaa raawwatame ilaalchisee waliin qorannoo gaggeessanii bu'aa isaas ji'a tokko dura ibsanii ture.
Kanaanis qaamoleen waraana keess jiran hunduu sarbama mirgaa raawwachuu ibsanii turan.
Baachaleet ibsa mana marichaaf kennaniin mootummaan Itoophiyaa gorsa (recommendation) qaamoleen lameen kennanii turan akka raawwatuufi qaamolee mira namoomaafi deeggarsa namoomaaf danqaan sochii akka hin jiraanne gaafataniiru.
''Humnoonni hundinuu dhukaasa dhaabuu waliigalteerratti hundaa'e gochuun yaaddoo diigamuu Itoophiyaa hambisuu qabu,'' jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Wiixata gara galgalaa ibsa baaseen ''wanta gaabbisiisaa Mana Maree Mirga Namoomaa UN'tti ta'aa jiruun irra deebiin gaddeerra'', jechuun haalichi ''hibboo itti ta'uu'' ibse.
Mootummaan waamicha sarbama mirga namoomaa qorachuuf dhiyaateef hayyama kennee, bu'aa isaas faaraan simatee qaama adda sirreefama akka godhamu qajeelfame (recommendation) raawwachuuf yaalaa akka jiru ibseera.
''Wanti mogolee nama buusu tattaaffiiwwan barbaachisoo yeroo gochaa jirrutti ta'uu isaati,'' jedha ibsi mootummaa kun.
''Miseensonni gariin ajandaa siyaasaa isaanii Mana Maree kana jalatti raawwachiisuu barbaadus'' jedha.
Mootummaan Itoophiyaa miseensota mana marichaaf waamicha godheera.
''Itoophiyaan miseensonni Mana Maree Mirga Namoomaa yaa'ii addaa kana akka balaaleffataniifi bu'aa yaa'ichaa dantaa siyaasaa of duubaa qabu kana kufaa akka godhan gaafate.''
Wanti manni marichaa dursa kennuufin irra ture ''sarbama mirga namoomaafi ajjeechaa shororkeessitoota TPLF'n naannolee Amaaraafi Affaar keessatti raawwatame atattamaan qorachuu ture'' jedha mootummaan Itoophiyaa. Kun atattamaan raawwatamuu qabas jedheera.
Mootummaan Itoophiyaa Manni Marii Mirga Namoomaafi hawaasni idil-addunyaa kabaja mirga namoomaafi seerota idil-addunyaa hundaaf kan bitamu ta'uu, darbees qaamolee idil-addunyaa waliin akka hojjetus ibseera.
MM Abiy erga humnootiin TPLF buufata waraanaa mootummaa federaalaa kan kaaba biyyattii irratti haleellaa raawwataniiru jedhaniin booda waraana gara naannoo Tigraayiitti ergan.
Isaan boodas waraana torbanoota muraasa gaggeessaniin magaalaa Maqalaa to'atanii ture humnoonni federaalaa.
Haata'u malee, Waxabajjii keessaa ammoo finciltoonni cimuun deebi'anii naannoo Tigraay qabachuun gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babalifachuu eegalan.
Finciiltoonni gara magaalaa guddoo Finfinneetti dhiyaachaa dhufuunsaanii biyyoota akka UK, US fi kaan hedduu yaaddeessuun lammileensaan Itoophiyaa keessaa akka bahaniif kan gaafatanis baatii darbe keessa.
Erga yeroo sanaatii kaasee, waraanni feedeeraalaa magaaloota baayyee daandii gara Finfinneetti geessuu irratti argaman deebiisee to'ate.
- 'Waraanni Itoophiyaa gara gocha duguggaa sanyiitti geessuu danda'a' - Seenaatara US
- Magaalaan Laaliibalaa deebitee harka finciltootaa galuun gabaafame
- US miidhaa TPLF Amaaraafi Affaar keessatti raawwatamaniiru jedhameen yaadda'uu himte
- Waraana Itoophiyaatti deemaa jiru dhaabuuf yeroon jiru xiqqaadha - AU fi US

















