US miidhaa TPLF Amaaraafi Affaar keessatti raawwatamaniiru jedhameen yaadda'uu himte

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis

Madda suuraa, MANUEL BALCE CENETA

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis

Waajjirri Dhimma Alaa US sarbamoonni mirgoota namoomaa fi badiinsii qabeenyaa naannoolee Amaaraafi Affaar keessatti humnootii Tigraayiin raawwatamaniiru jedhame baayyee yaaddessaa ta'uu ibse.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Need Piraayis, ibsa baasaniin sarbama mirgoota namoomaa, gochaawwan gara jabinaa rifaasisaa fi badiinsi bu'uraalee misoomaa Amaaraafi Affaa keessatti humnootii TPLFn raawwatamuu ilaalchisee gabaasee osoo hin mirkanaa'iin bahaa jiran Ameerikaa yaaddesseera jedhan.

Need Piraayis qaamoleen waraana keessatti hirmaatan hundinuu tarkaanfii namoota nagaa irratti fudhatan irraa of qusachuu qabu jedhan.

''Aanga'oonni dhimmisaa ilaallatu gabaasaalee kanneen qorachuun dhugummaa isaanii akka mirkaneessaniifi kanneen harka keessaa qaban itti gaafatamoo taasisuu keessatti sirna hunda hammataafi ifaa ta'e akka hordofaniif ni gaafanna,'' jedhaniiru Need Piraayis.

Ibsichi dabaluunis Ameerikaan waraanni kun akka dhaabbatuuf kan barbaaddu karaa dippilomaasii qofaani, miidhamtootaas deeggarsi hin daangoofne qaqqabu qaba ejjannoo jedhu akka qabdu himaniiru.

Ibsa torban darbe keessa Pires Sakeretaariin MM Abiy Ahimad, Billanee Siyyum gaazexeessitoota biyya alaatiif kennaniin, naannoolee Amaaraafi Affaar kan to'annoo TPLF jala turanitti manaafi qabeenyaarra badiinsii guddaan qaqqabeera jedhanii turan.

''Qabeenyaa dhuunfaafi ummataarra badiin olaanaan qaqqabeera. Lubbuun namoota hedduu darbeera,'' kan jedhan Bilanee Siyuum, Gaashaanaa fi Antsokiyaa kan Kaaba Shawaatti argamtutti finciltoonni TPLF ajjeechaa jumlaan namoota nagaarratti raawwataniiru jedhanii ture.

Kana malees dhaabbanni Humaan Raayitsi Wooch jedhamu naannoo Amaaraa bakka Cinaa fi Qobboo jedhamanitti namoonni nagaa 50 ol ta'an humnootii finciltootaan ajjeefamuu gabaasa dhiheenya baaseen himunsaa ni yaadatama.

Kana hordofuunis Tajaajilli Komunikeshinii Motummaa qaamooleen walabaa sarbama mirga namoomaa qoratan gara eddoowwan kanneen deemuun ajjeechaafi badiinsa qaqabee akka qorataniif waamicha taasisee ture.

Torban darbe ammoo Need Piraayis waraanichaaf tarkaanfiin loltummaa furmaata waaraaa akka hinfne ejjannoo motummaasaanii ta'u kaasuun, ''dippilomaasiin filmaata jalqabaa, kan dhumaafi kan qofaati'' jedhanii ture.

Akkasumas qaamoolee wal waraanaa jiran haalduree tokko malee deeggarsi namoommaa akka qaqabuuf akka hayyaman, garaa garummaasaanii furuuf marii biyyaalee hunda hammataa ta'ee akka gaggeessaniif waamciha dhiyeessaniiru.

Kanaan dura Ameerikaan waraanni Tigraay akka hindhaabbannee, ykn akka itti fufuu akkasumas kanneen akka dhiyeessitiin deeggarsa namoommaa gufatu kanneen taasisan irratti dhorkaa viizaa kaa'unshee ni ayadatama.

Qaamooleen waraana kaaba Itoophiyaa kan waggaa tokkoo ol lakkoofsiisee kana keessatti hirmaatan sarbama mirgoota namoomaa olaanaan himannaa irratti dhiyaachaa tureera.

Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaafi Eeritaa akkasumas humnootiin naannoo Amaaraa naannoo Tigraay keessatti sarbama mirgoota namoomaa bal'aa raawwachuun himatamaa turan.

Himannaawwan qaamoolee kanneen irratti dhiyaatan keessaa, namoota murtee malee ajjeesuu, miidhaa saalaa qaqabsiisuufi miidhamtootaaf deeggarsi namoomaa akka hinqaqqabne taasisuu kan jedhan ni argamu.

Odeessaalee walfakkaatan: