Hoogganaa tikaa duraanii Getaachoo Asaffaa dabalatee kaan, yakkamtoota jedhaman

Burruusa abbaa murtii

Madda suuraa, Getty Images

Manni murtii Itoophiyaa keessaa daayireektara olaanaa Tika biyyaalessaa fi aanga'oota dhaabbatichaa biroo duraanii, himannaa irratti dhiyaateen balleessummaa itti mure.

Himannicha kan ilaalaa ture Manni Murtii Olaanaa Federaalaa, Daayireekatara olaanaa Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa duraanii Getaachoo Asaffaa fi ittaanaa isaanii Obboo Yaared Zarihuun dabalatee, himatamtoota 26 balleessaniiru jechuun itti mure.

Galmee himannaa kanaan himatamtoonni afur, bakka isaan hin argamanetti dhimmi isaanii ilaalamaa akka jiru Ministeerri Haqaa ibseera.

Kanneen balleessaan irratti argame ALI 1984 irraa eegalee waggoota 20 oliif, waajira tikaa biyyaalessaa keessatti ittigaafatamummaa garagaraa irratti wayita hojjetaa turanitti, aangoo itti kenname seeraan ala fayyadamuun namoota hiraarsuun himataman.

Himatamtoonni kunniin magaalota biyyattii Finfinnee, Baahirdaar, Gondar, Naqamtee, Jimmaa, Shaashamannee, Bishooftuu fi Hawaasaatti - manneen hidhaafi kutaalee qorannoo dhoksaan hundeessuun ''aangoo namoota shakkaman to'achuu, hidhuufi qorachuu osoo hin qabaatiin'' gochaawwan seeraan alaa raawwataniiru jedhamuun himataman.

Kana malees yakka shororkaan walqabatee ji'ootaafi waggootaaf manneen hidhaa dhoksaatti namoota hidhuun qorannoo taasisaniin, dararaa qaamaafi sammuu hamaa raawwatan jedhaman.

Sarbama mirgoota namoomaa cimaa geessisuu, aangoo seeraan ala fayyadamuun yakka malaammaltummaa cimaa raawwachuun himataman.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa galmee kana ilaalaa ture, himatamtoonni keewwata himatamaniin ragaa abbaa alangaan balleessaan waan itti mirkanaa'eef, murtee balleessummaa dabarsuu Ministeerri Haqaa marsaalee hawaasaa irratti ergaa maxxanseen beeksiseera.

Kanaanis himatamtoota 26 keessaa hoogganaa tikaa duraanii Getaachoo Asaffaa dabalatee Obboo Atsibihaa Giday, Obboo Asaffaa Balaay fi Obboo Shishaay Li'uul, bakka hin jirretti balleessummaan itti murameera.

Ittaanaan Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa duraanii Yaared Zarihuun fi himatamtoonni biroo abukaatoo isaanii waliin dhiyaachuun, murtee kana kan hordofan oggaa tahu, murtee kana akka ofirraa ittisanis jalli murtii kennameera.

Himatamtoonni wabiin hidhaa keessaa bahuun, himannaa isaanii akka hordofan mana murtichaa gaafatanis, abbaan alangaa gaaffii wabii jarri dhiyeessan irratti barreeffamaan deebii itti kenna jechuun, beellamni guyyaa biraaf qabameera,.

MM Abiy Ahimad waggaa sadiin dura aangootti dhufuu isaanii dura, waajirri tikaa biyyattii: mormitoota, gaazexeessitootaafi namoota kaan irratti hidhaa seeraan alaaf saaxiluun, sarbamoota mirgoota namoomaa hedduu raawwachaa tureera jechuun himamaa ture.

1px transparent line

Obbo Getaachoo Asaffaa eenyu?

Waa'ee Itti-gaafatamaa Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa duraanii Obbo Getaachoo Asaffaa waanti beekamu baayyee muraasadha.

Erga qabsoo hidhannootti makamanii booda karaa gaggeessitoota isaanii garee warra haleellaa tasaa mootummaa irraan geessisaniitti akka makaman taasifaman.

Yeroo qabsoorra turanitti Obbo Getaachoon sababii nama ajaja hin fudhanneefi amala rincicummaa qabaniif si'a sadii sadarkaa irra turan irraa gadi buufamanii akka hojjetan taasifamanii turan.

Bara 1980 keessa ammoo miseensa koree giddu-galeessaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay-TPLF ta'anii filatamuu danda'anii turan.

Erga mootummaan Dargii kufee booda bara 1983 keessa Obbo Getaachoon humna ittisaa biyyaa keessatti Itti-gaafatamaa oppireeshinii ta'anii muudamaniiru.

Waggoota shaniin booda ammoo Komishinarii Poolisii Federaalaa ta'uun muudamaniiru.

Yeroo waraanaa Itiyoo-Ertiraa ajajaa Iizii Ittisaa Giddu-galeessaa kan Ministirri Muummee Mallas Zeenaawwii walitti qabanii ta'uunis muudamanii turan.

Caamsaa bara 1993 Itti-gaafatamaan Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa kan turan Kinfee Gebre Medihin ajjeefamuun booda Obbo Getaachoon Itti-Gaafatamaa Biiroo Nageenyaa ta'uun muudamaniiru.

Muudamni isaanii kun harka mirgaa Ministira Muummee Mallas Zeenaawwii taasiseera jedhamee amanama.

Obbo Getaachoon hanga gaafa guyyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin aangoo irraa akka ka'an taasifamaniitti, waajira dhimma nageenyaa sana waggoota 17f gaggeessaniiru.

Obbo Getaachoon dhaabbata waggoota dheeraadhaaf gaggeessaa turan Jeneraal Adam Mohaammadiif erga dabarsanii booda, torbeewwan muraasaan keessatti gorsaa nageenyaa mootummaa naannoo Tigiraay a ta'an muudamanii turan.