Waraana Itoophiyaa: Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaatti tattaaffii mariin akka jalqabu godhamu akka deeggaru hime

Gamtaa Awurooppaa

Ministirootni Dhimma Alaa Gamtaa Awirooppaa Itoophiyaatti marii jalqabsiisuuf tattaaffii Gamtaan Afrikaa gochaa jiru akka deeggaran himan.

Ministirootni Gamtichaa marii tibbana gaggeessan irratti Gamtaa Afrikaa akkasumas biyyoota ollaa naannichaan mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu hulaa marii banuuf tattaaffii godhamu akka deeggaru ibsaniiru.

Gamtaan Awurooppaa fuula Mana Maree Dhimma Alaa irratti akka ibsetti ''waraanni waggaa tokko darbe rakkoon namoomaa akka hammaatu taasiseera. Wal dhabdichaaf waraanni furmaata hin tahu,'' jedhe.

Ministirootni Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa marii waa'ee Awurooppaa akkasumas dhimmoota gurguddoo addunyaa irratti wayita mari'atanidha kan waa'ee waraana Kaaba Itoophiyaa kaasuun dubbatan.

Qondaalli ol aanaan Gamtaa Awurooppaa Joosef Boorel, ''Gamtaan Afrikaa Itoophiyaatti mariin akka jalqabuuf tattaaffii gochaa jiru ni deeggarra,'' jedhan.

''Qaamni hunduu nagaa fi tasgabbiin biyyattiitti akka deebi'uuf fedha akka qaban himaniiru. Jechaan qofa osoo hin taane waraanicha dhaabanii mariidhaaf carraa kennuun barbaachisa,'' jedhan.

Gamtaan Afrikaa Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa gochuun kan muude pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa Oleseegun Obaasaanjoo guyyota muraasa dura Itoophiyaatti imaluun MM Abiy Ahimedii fi hogganaa TPLF Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el waliin mari'ataniiru.

Obaasaanjoon hanga ammaatti hojiiwwan gurguddoo hojjetanii fi fuuldurattis maal gochuu akka qaban irratti karaa Gamtaa Afrikaa ibsa baasaniin, marii qondaalota mootummaa federaalaa fi Tigiraay waliin godhaniin dabalata bulchitoota naannoo Amaaraa fi Oromiyaa waliinis marii gaggeessaniiru.

Obaasanjoon ''waraanni agarsiiftuu kufaatii siyaasati. Waraannnichaaf furmaanni loltuun dhufu hin jiru. Injifannoon dirree waraanaatti argamu Itoophiyaatti tasgabbii siyaasaa amansiisaa hin fidu. Kanaaf mariidhaan furmaata waaraa fiduun daandii amansiisaadha,'' jedhan.

Gamtaa Afrikaa, Mana Maree nageenyaa UN fi kaanis qaamoleen lamaan gara mariitti akka dhufaniif dhiibbaa taasisaa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa karaa dubbii himaa Ministera Dhimma Alaa '' nagaan akka bu'u yoo barbaadame TPLF bakkeewwan naannoo Amaaraa fi Affaar keessaa qabatan gadhiisanii bahuu qabu,'' jedhe.

TPLF ammoo dhiyeessi namoomaa hin daangeffamne, ibsaa, bilbila, geejiba, fi bu'uuraaleen misoomaa kaan akka deebi'an jechuun haal-dureewwan kaa'eera.

Naannoo Tigiraay, Amaaraa fi Affaar keessaa uummatni miliyoona torba tahu deeggarsa namoomaa kan barbaadan yoo tahu,miliyoonotaan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.