Waraana Itoophiyaa: Ameerikaan lammileen ishee Itoophiyaatii akka bahan irra deebiin akeekkachiifte

Madda suuraa, John Elk
Waajirri Dhimma Alaa Ameerikaa lammileen biyyattii Itoophiyaa keessa jiran atattamaan akka bahaniif irra deebiin akeekkachiiste.
Ameerikaan yeroo rakkisaa keessatti lammilee ishee Itoophiyaa keessaa baasuudhaaf xiyyaarota waraanaas ta'e kan daldalaa fayyadamuuf karoora kan hin qabne aanga'aa olaanaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa tokko eeruun Rooyitars gabaaseera.
Haaluma walfakkaatuun dubbi himaan Waajjira Dhimma Alaa akeekkachiisa wal fakkaatu kennuu isaanii tajaajilli oduu Firaans eeruun Al-Arabiyaan gabaaseera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru hammaachuu hordofee torbanoota muraasa dura mootummaan Ameerikaa lammileen isaa Itoophiyaa keessa jiran akka bahaniif hubachiisuun isaa ni yaadatama.
Ameerikaatiin alatti biyyoonni biroo baay'een lammileen isaanii Itoophiyaa keessaa akka bahaniifi gara Itoophiyaatti imaluudhaaf karoora kan qaban yoo ta'e akka keessa deebiyanii ilaalaniif hubachiisaa turaniiru.
Biyyoota lammilee isaanii hubachiisan keessaa UK, Siwiidin, Jarman, Sa'ud Arabiyaa, Kooriyaa Kibbaafi Raashiyaan keessatti argamu.
Mootummaan Itoophiyaa garuu hubachiisa biyyoonni kunneen lammileen isaaniitiif dabarsan kan arbeeffamedha jechuun qeeqeera.
Biyyootiin kunneen akeekkachiisa imalaa baasaniin gara fuula duraatti Itoophiyaa keessaa bahuun rakkisaa waan ta'uu danda'uuf, lammileen isaanii filannoowwan xiyyaara daldalaa hanga jiranitti fayyadamuun Ityoophiyaa keessaa akka bahaniif gorsaa turaniiru.
Ameerikaan kanaan dura lammileen ishee akka Itoophiyaa keessaa bahan yeroo akeekkachiiftetti rakkoo maallaqaatiif namoota bahuu hin dandeenyeef liqaa mijeessuufiin akka danda'amu beeksiftee turte.
"Lammileen Itoophiyaa keessaa bahuudhaaf xiyyaarota waraanaa Ameerikaa gara Itoophiyaatti balaliisuuf karoorris hin jiru.
''Bifa hedduun adda kan ta'e dhiyeenya kana Afgaanistaanitti kan gaggeessine kan fakkaatu lammileen baasuudhaaf karoorri hin jiru," jechuun aanga'aan olaanaa waajira Dhimma Alaa dubbataniiru.
Aanga'aan maqaan isaanii hin eeramiin kun kana yaa jedhan malee, Jibutiitti ajajaa waraana Ameerikaa kan ta'an Meejar Janaraal Wiliyaam Zaanaa faallaa kana dubbataniiru.
Barbaachisaa taanaan hojjettoota imbaasii Itoophiyaa keessa jiruu, Amerikaanotaafi lammileen biyyoota biroo Itoophiyaa keessaa baasuudhaaf, akkaumas deeggarsa taasisuudhaaf karoora baafachuudhaan qophii ta'uu isaanii dubbatanii turan.
Biyyootni alaa lammilee isaanii Itoophiyaa keessaa akka bahaniif akeekkachiisuu kan jalqaban finciltoonni TPLF Walloo Kaabaa to'atanii gara Finfinneetti qajeeluudhaaf fedhii akka qaban erga beeksisaniifi mootummaan Itoophiyaa ammoo guutummaa biyyattii keessatti hojiirra kan oolu labsii yeroo muddamaa erga labseen boodadha.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti waggaa tokko dura jalqabee itti fufee jiru hammaachuun gara naannolee Amaaraafi Affaaritti kan babal'ate yoo ta'u, keessattuu ji'a Onkoloolessa irraa kaasee bakkawwan gara garaatti waraanni cimaan gaggeeffamaa jira.
Kana hordofee ammoo mootummaan federaalaafi gaggeessitonni mootummoota naannolee sochii finciltootaa qolachuudhaaf ummataaf irra deddeebiin waamicha dhiyeessaniiru.
Odeeffannoo biroo kana waliin deemaniif:
- Biyyootniifi dhaabbileen alaa maaliif namoota isaanii Itoophiyaa keessaa baasaa jiru?
- US fi Raashiyaan lammileen isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalle akeekkachiisan
- Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Itoophiyaa irratti akka walgahu gaafatame
- Itoophiyaan konkolaachiftoota UN 70 hiite keessaa walakkaa hiikte
- Daawwannaa Uhuruu, imala Bilinkan fi carraaqqii araaraa Obasaanjoo

















