Waraana Kaaba Itoophiyaa: Humnooti isaa Waldiyaa fi Qobboo to'achuu mootummaan Itoophiyaa beeksise

Loltoota Raayyaa Ittisa Biyyaa

Madda suuraa, AFP

Humnooti mootummaa federaalaa fi naannoolee Amaaraa fi Affaar godina Walloo Kaabaa guutummaatti finciltootarraa bilisa baasuu Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa beeksise.

Kanaanis magaalota ijoo akka Waldiyaa fi Qobboo deebisee to'chuu himeera.

Magaalonni kunneen Waxabajjii darbe raayyaan ittisa biyyaa naannoo Tigraay gadi dhiisee bahuu hordofee lola taasifameen ture finciltootaan kan qabaman.

Magaalota kanatti dabalataan humnooti mootummaa bakkeewwan Saanqaa, Sirinqaa, Haaraa, Goobbiyyee fi Roobiit jedhaman to'annoo finciltoota Tigraay jala turan deebisee qabachuu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Dr Laggasaa Tulluu ibsa Sanbata kennaniin himaniiru.

Bakkeewwan kunneen kan to'ataman haleellaa Jimaata halkan akkasumas Sanbata ganama walitti fufiinsaan godhameeni jedhan.

Loltoota TPLF gara Carcarii fi Allaamaaxaatti baqataa jiran irrattis tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru Dr Laggasaan himaniiru.

Guyyoota darban haleellaa qilleensarraa magaalaa Allaamaaxaa keessatti raawwatameen namoonni nagaa ajjeefamuu aanga'oonni TPLF himaa jiru.

Akka gabaasa TV Tigraayitti haleellaa diroonii fi xiyyaara waraanaan magaalaa Kibba Tigraay Allaamaaxaa keessatti mootummaan Kamisa darbe raawwateen namoonni 28 yoo ajjeefaman, hedduun madaa'uu finciltoonni Tigirayy himan.

Suuraalee namoota haleellaa kanaan ajjeefamaniiti jechuun reeffi namoota daandiirraa jiraattotaan yoo funaanamu TV naannichaa agarsiiseera.

Mootummaan federaalaa waa'ee haleellaawwan kanaa wanti jedhe jiraachuu baatus, humni qilleensaa Itoophiyaa lola magaalota Waldiyaa fi Qobboo deebisanii to'achuuf godhame keessa qooda qabaachuu Dr Laggasaan himaniiru.

Kaartaa

Gama kaaniin adda waraanaa Laalibalaatiin humni finciltootaa riphee seenuun Gaashanaa to'achuuf yaali godhe rukutamee, bakkeewwan akka Hamusiit, Istaayish, Ahuntegeny, Dilbi Kulmaskii fi naannawa ishee to'annoo mootummaa jala galuu himan.

Ammatti humni mootummaa naannawa Laalibalaati finciltoota qulqulleessuu fi humna magaalaa Saqoxaa fi naannawa ishee buufatee jiru dhabamsiisuuf lolaa akka jirus itti dabaluun himan.

Torbee sadi dura MM Abiy Ahimad gara adda waraanaa duuluu hordofee haleellaa humnoonni mootummaan bananiin magaalota naannoo Amaaraa fi Affaar finciltootaan yeroo dheeraaf to'atamanii turan deebisanii to'achuu danda'anii jiru.

TPLF magaalotni akka Dasee fi Kombolchaa humnoota mootummaan to'atamuu hordofee, 'tarsiimoof jechaa' magaalota kana gadi dhiisee bahaa akka jiru beeksisee ture.

Magaalaa gudditti godina Walloo Kaabaa kan taate Waldiyaa fi magaalaa naannoo Amaaraa daangaa Tigraayitti aantu ishee dhuma kan taate Qobboon kan to'ataman wayita MM Abiy gara Tarkii imalanii jiranittidha.

Kora michooma tarkii fi Afrikaa irratti hirmaachuuf Ankaaraa kan jiran MM Abiy, pireezidantii Tarkii Erdogaan waliin wal arganii mari'achuu gama tiwiitarii isaaniin beeksisaniiru.

Tarkiin diroonii fi deeggarsa waraanaa kaan mootummaa Itoophiyaaf gochuun irra deddeebiin maqaan dhahama.

Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa tokkoo ol lakkoofsise keessatti sarbamni mirgoota namoomaa hedduun qaamolee hundaan raawwatamuu kan hime UN, kunis komiishinii idil-addunyaa walaba ta'een akka qoratamu murteesseera.

Itoophiyaan garuu kana kufaa gochuun komiishinii hundaa'u waliin hojjechuuf hayyamamtuu akka hin taanes beeksiftee jirti.