Waraana Kaaba Itoophiyaa: Furmaanni siyaasaa haqa, itti-gaafatamummaafi marii irratti hundaa’a- mootummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Screenshot from PMOEthiopia
Rakkoo Kaaba Itoophiyaaf mootummaan furmaata karaa nagaafi siyaasaa akka fedhu kan himan dubbi himtuun Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum, “furmaanni siyaasaa ammoo haqa, itti gaafatamummaafi marii irratti hundaa’a” jedhan.
Ibsa har’a miidiyaaleef kennanin dubbi himtuun waajjirichaa gaafii dhimma xalayaa hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’el Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif ergan ilaalchisee yemmuu gaafataman, waamichi nagaa mootummaan kan barbaadu ta’uu himan.
Rakkinichi karaa nagaan akka furamuuf gama mootummaatin fedhiin turullee, TPLF biraa irra deddeebiin fudhatama dhabuu kan himan Billaneen, ammas furmaanni siyaasaa marii haqa qabeessa ta'erratti kan hundaa’u ta’uu dubbatan.
Kana malees, mariin eenyu waliin taa’ama akkasumas ulaagaaleen marii maali kunneen jedhan yeroo isaanii eeggatanii kan ifoomsaman ta’uu dubbatan.
Haala waraanaa yeroo ammaa…
Torbeewwan muraasaa as Raayyaan Ittisaa humnootii naannolee Amaaraafi Affaar walin ta’uun injifannoo waraanaa bal’aa goonfachuu dubbi himtuun Waajjira Ministira Mummee Billanee Siyyum himaniiru.
Kaayyoon duula amma adeemsifamaa jiruus humnootii TPLF naannolee Amaaraafi Affaar keessaa baasuu akka ta’efi ammas hojiin humnootii TPLF iddoowwan tokko tokkoo guutummaan guutuutti qulqulleessuu hojjetamaa jiraachuu himan.
Duulli kun erga xummuramee booda tarkaanfiin mootummaa itti aanu maal ta’a kan jedhuuf dursa duulli kun erga xummuramee booda kan ifoomfamu ta’uu himan.
Gama biraatiin hojiileen iddoowwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu eegalamuu kan himan Billanee Siyyum, koreen Ministira Mummee Itti-Aanaa Obbo Dammaqaa Mokonninin hoogganamus hundaa’ee akka jiru himaniiru.
Iddoowwan humnootii TPLFn to’atamanii turanitti saamichiifi mancaatiin bu’uraalee misoomaa bal’aa raawwatamuu himuun, keessattuu dhaabbilee fayyaafi barnootaa irratti adda durummaan mancaaatiin cimaa qaqqabuu dubbatan.
Dhaabbilee barnootaa keessaayis Yunivarsiitiin Walloo cimaa miidhammuufi deebisanii dhaabuuf deeggarsa bajataa guddaa kan gaafatu ta’uu dubbatan.
Kana malees, dhaabbileen amantaa, giddugalawwan aadaafi paarkiin indaastirii mancaatiifi saamichi irratti raawwatamuu himan.
Humnootiin TPLF ragaalee dhaabbilee mootummaa barbadeessuu isaaniis dubbatan.
Garagaarsa namoomaa…
Iddoowwan to’annoo humnootii federaalaafi naannolee Amaaraafi Affaarin to’ataman irraa buqqa’an suuta gara qe’ee isaaniitti deebi’aa jiraachuufi isaan deebisanii dhaabufis hojjetamaa jiraachuu Billanee Siyyum himaniiru.
Gama biraatiin, sochii waraanaa taasifamaa tureen walqabatee ummata godina Kaaba Walloo, Shawaa Kaabaa, godina Addaa Saba Oromoo dabalatee magaaloota akka Laalibalaafi Gaashanaatti argamanitti namoota rakkoof saaxilamanif mootummaan gargaarsa namoomaa dhiyeessuu himan.
Naannoo Affaar keessattis namooti Miiliyoona 1.3 ol gargaarsa namoomaa hatattamaa akka barbaadanfi namootni kumni 400 ta’an immoo gandoota naannichaa 21 keessaa buqqa’uu himan.
“Mootummaanis michuuwwan waliin ta’uun kunneen iddoo walitti bu’iinsichaan miidhaman jiran gargaaruu itti fufeera” jedhan.
Gama biraatiin konkolaatotni gargaarsa namoomaa fe’an 225 naannoo Tigraay magaala Maqalee seenuu isaanis Billanee Siyyum himaniiru.
Odeessaaleen kunneen hubannoo isiniif dabalu:
- Dursaan TPLF humnoonni Tigraay naannolee ollaa keessaa akka bahan ajajuu himan
- 'Lubbuu namaa waraana kanaan darbeef yeroo hundaan gadda' - Obbo Getaachaw Radaa
- Naannoon Amaaraa garee miidhaa TPLF qaqqabsiise qoratu bobbaasuu beeksise
- UN sarbama mirgootaa waraana Itoophiyaarratti qorannoon idil-addunyaa akka godhamu murteesse
















