Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'TPLF mariif fedhii akka qaban ibsaniiru, mootummaa irraas kana eegna'

Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa US Jeefrii Feltimaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaa keessa dhukaasa dhaabanii marii eegaluuF amma carraan jira jedhan Jeefrii Feeltimaan

Waamichi dhukaasa dhaabuu TPLFn dhihaate waraana waggaa tokko oliif adeemaa ture dhaabanii adeemsa siyaasaa eegaluuf akka carraatti ilaalamuu qaba jedhan Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Jeefrii Feltimaan.

Dura Taa'aan TPLF Dilbata darbe xalayaa Barreessaa Olaanaa UNf barreessaniin humnoota isaanii Tigraayitti akka deebi'an ajajuufi kunis waldhabdee mootummaa waliin jiru karaa nagaan furuuf karaa saaquuf jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin, TPLF naannolee lamaan keessaa kan bahe mo'ameeti, akka waan nagaaf jedhee murteessee addunyaa dogongorsaa jira jechuun hime.

Gaafa Roobii Dubbii Himaan mootummaa TPLF, "sadarkaa lammata tokkummaafi birmadummaa Itoophiyaaf yaaddoo hintaanerra hanga gahutti Raayyaan Ittisaa tarkaanfii barbaachisaa kamiyyuu ni fudhata," jedhaniiru.

Jeefrii Feltimaan dhihoo ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Itoophiyaa waan daawwataniif yeroo sanatti mootummaan ejjennoo walfakkaataa qabu dhiheessuuf carraa gaariidha jedhan.

Torbanoota muraasa darbe waraana gaggeesseen bakkeewwan Naannoo Amaaraafi Afaaritti qabamanii turan kan deeffate mootummaan si'achi tarkaanfiin fudhatuuf hedu ifa miti.

Qaamoleen garaa garaa garuu waraanni dhaabatee waldhibdeen mariin akka furamu dhiibbaa gochuu itti fufaniiru.

Feeltimaan maal jedhan?

Baatii tokko dura MM Abiy yeroo dirree waraanaatti imalan kaayyoon isaanii finciltoota Amaaraafi Afaariitii baasuudha jechuun Feeltimaan dubbatanii turan. Garuu, galma ga'u isaanii irratti shaqqii qaban waliin ibsan.

Ta'us, MM Abiy waraana kallattiin taliiguun torban muraasa keessa bakkeewwan finciltoonni Tigraay Amaaraafi Afaar keessa to'atan gadhiisisuu danda'aniiru. TPLF garuu 'tooftaaf' gadhiisuu hima.

Baatiiwwan muraasa darbaniif furmaanni akka argamu biyyoota garaa garaatti imalaa carraaqqii kan taasisaa jiran qondaalli kuni dhukaasa dhaabuuf amma haalli mijataa jira jedhan.

''Mootummaan humnoonni Tigraay naannolee ollaa keessaa bahanii Tigraayitti akka deebi'an barbaada. Kun amma ta'eera. Nuti akka Yunaayitid Isteetitti waamichi keenya humnoonni TPLF naannolee ollaatti lolicha akka hin babal'isne kan jedhu ture. Kuni amma ta'eera.

''Fedhiin keenya jalqabaafi kan mootummaa Itoophiyaa amma raawwateera,'' jechuun sagantaa BBC Focus on Africa jedhuuf dubbatan.

Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'an deeggarsa nyaataa akka fedha UN ibseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'an deeggarsa nyaataa akka fedha UN ibseera

Biyyoonniifi dhaabbileen garaagaraa qaamoleen lola keessa jiran dhukaasa dhaabanii mariitti akka deebi'an irra deddebbiin waamichaafi dhiibbaa taasisaniis ammatti ija hin godhanne.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo dhihootti dhimma biyyaarratti marii biyyaalessaa qaamolee garaagaraa hammate taasisuuf qophiirra akka jiru beeksiseera.

Ta'us, qaamoleen qabsoo waraanaa irratti qooda fudhataa jiran irrati hirmaachuun isaanii ammatti hin beekamu.

''Osoo waraanni itti fufuu marii biyyaalessaa hunda hammateefi amanamaa ta'e gochuun hin dandeessu.

''Fedhiin marii biyyaalessaa gaggeessuu MM Abiy qabaniifi humnoonni TPLF naannolee ollaa keessaa bahuun dirree waraanaa irraa waliigaltee siyaasaatti adeemuuf carraa uuma,'' jechuun kunis fedhii ji'ootaaf eegaa turredha jedhan.

Gaafa Kibxataa miidiyaaleef ibsa kan kennan Dubbii Himtuun MM Abiy Ahimad Billanee Siyyuum erga mootummaan Naannoolee Amaaraafi Afaar keessaa finciltoota baasee booda tarkaanfii fudhatu hin dubbanne.

Duulli kun erga xumuramee booda tarkaanfiin mootummaa itti aanu maal ta'a kan jedhuuf dursa duulli kun erga xummuramee booda akka ifa ta'u himan.

Eegasii Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen mootummaan ammaan achi TPLF adamsuuf Tigraay keessa ''duula waraanaa bal'aa gaggeessuuf fedhii hin qabu,'' jedhaniiru.

'Mootummaan mariitti akka deebi'u ibsuuf carraa gaariidha'

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa US Jefrii Feltimaan waraana Kaaba biyyattiif waraanni furmaata miti, yoo siyaasa ta'e malee jechuun himu.

''Lolichaaf furmaanni waraanaa hin jiru. Ummanni Tigraay miiliyoona 6 - 7 ta'u ummata Itoophiyaa keessaa xiqqaas ta'u tokko ta'un naannoo isaanii kabachiisuuf loluu malu.

''Lubbuun waraana kanaan darbe olaanaadha. Tigraay qofaatti miti, ummata Amaaraafi Afaariif dabalatee jechuudha.

''Gatiin waraanaaf baasiin mootummaan baase olaanaadha. Mootummaafi humnoota Tigraay, michuu isaanii dabalatee nageenya Itoophiyaaf jedhanii adeemsa siyaasaatti akka ce'an gaafanna,'' jedhan.

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeefri Feltimaan kana dura kaayyoon MM Abiy Ahimad finciltoota Tigraay Amaaraafi Afaar keessaa baasuudha jedhanii turaniiru

Waraanni Kaaba Itoophiyaa kan ummata miiliyoona 110 caalaa qabduufi biyyoota Afrikaa keessaa baay'ina ummataan lammaffaa taatetti waggaa tokko oliif adeemsifamaa jiru biyyoota ollaas yaaddesseera.

''Waraana Kaaba biyyattiirratti mootummaan xiyyeeffachuun isaa bakkeewwan biroo biyyattiitti rakkoo nageenyaa uumamu furmaata akka hin arganne taasiseera.

''Komiiwwan siyaasaa ka'an akka furmaata hin arganne taasiseera. Nageenya Itoophiyaa kabachiisuuf mootummaan waraana akka dhaabu waamicha dhiheessina,'' jechuun himan.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa Oliseguun Obasaanjo guyyoota muraasa keessa Itoophiyaa akka daawwatan qondaalli Ameerikaa kuni BBC'tti himaniiru.

Yeroo kanattis mootummaan mariitti deebi'u isaa ibsuuf carraa gaariidha jechuun dubbatan.

''Gama TPLF xalayaan gara UN'tti barraa'e jira. Mootummaa irraas kanaan kan walfakkaatuu fi ergamaan addaa Gamtaa Afrikaa gara marii dhukaasa dhaabuu waliigalteerratti hundaa'etti geessu eeyyamu arguu barbaanna,'' jedhan.

Yaaddoo itti fayyadama diroonii

Qondaaltonni US Tarkiin Itoophiyaaf diroonii kennuun waraanarratti akka itti fayyadamtu gooteetti jechuun himatanii, mufii qaban ibsaniiru.

Maddeen dhimma kanatti dhiyeenyaan hordofan lama irraa odeeffadhe jechuun Rooyitarsi akka gabaasetti mootummaan Itoophiyaa dirooniiwwan Tarkii waraana Kaaba biyyattiirratti itti fayyadamuu ragaan mul'isu jira.

Diroonii Ameerikaa MQ-9 Reaper

Madda suuraa, General Atomics

Ibsa waa'ee suuraa, Diroonii Ameerikaa MQ-9 Reaper

Bittaa fi gurgurtaa diroonii Itoophiyaa fi Tarkii gidduutti raawwatu kun ''sarbama mirga namoomaa'' kan hammeessuudha yaaddoo jedhu ibseera mootummaan US.

Qondaalli warra lixaa tokko adeemsi kun dhorkaa meeshaalee waraanaa US akka Finfinnee hin seenneef keesseen kan waldhiituudha jedhan.

Dubbi himaan Ministeera Haajaa Alaa US akka ibsanitti Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Jefrii Feltimaan tibbana wayita Tarkii daawwatanii turanitti dhimma kana kaasaniiru.

''Diroonii waraanaa Itoophiyaa keessatti hojiirra olaa tureera gabaasa jedhu akka dhimma ijootti kaasuu fi kanaanis lammiileen dararamuu ibsaniiru,'' jedhan.

Qondaalli Olaanaan Tarkii US walga'ii muraasa irratti mufii qabdu ibsuu himan, gama mootummaa Itoophiyaan hanga yoonaa wanti jedhame hin jiru.

Biyyoota Afrikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaatti diroonii waraanaa gurguruun kan beekamtu Tarkiin, Afrikaan akka nagaa hin qabaanne gochaa jirti himata jedhu kuffisteetti.

Inumaa nagaan Itoophiyaa keessa akka jiraatuuf qaamoleen walitti bu'an hunda waliin akka quba walqabdu himti.

Finciltoonni Tigraay haleellaa diroonii mootummaan lola keessa fayyadame isaan hubuu qondaalli waraanaa finciltoota Tigraay Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaay BBC'tti himaniiru.

Keessumaa daandii dheeraafi lafa baldhaaf keessatti konkolaattootni isaanii dhiyeessiif yoo bobba'an haleellaa dirooniif saaxilamoo ta'ufi dirooniiwwan sarara dhiyeessii isaaniirratti dhiibbaa uumuu amananiiru.

Waraana Kaaba Itoophiyaan lammiileen miiliyoona 9 ol ta'aniifi naannolee sadii keessa argaman deeggarsi nyaataa akka isaan barbaachisu UN himeera.

Waraana waggaa tokko ol ture kanaan lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an kumaatamatti kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.