Waraana Kaaba Itoophiyaa: 'Finciltoota TPLF'n kanneen gudeedaman keessaa dubartoonni ulfaa jiru’

Dubartii

Haati umriin isaanii waggaa 50 tahu, ilma ganna 16 qabu. Mucaa akka qaroo ija isaaniitti kunuunsan waan gaarii irraan gahuuf dhama’u ture.

Magaalaa Shawaa Roobiititti mana namaa naanna’anii biddeen tolchaafi hojii humnaa hojjetaati jiraatu ture.

Haati kuni amma lubbuudhaan hin jiran, ilma isaanii mararfatanis dhiisanii godaananiiru. Akkaataan du’a isaanii garuu namoota baayyee gaddisiiseera.

Yeroo finciltoonni TPLF magaalaa Shawaa Roobiit to’atanitti ture gochaan du’a akka filatan isaan taasise kan irratti raawwate.

Finciltoonni magaalattii to’achuu jala yeroo gahan jiraattonni baay'ee, ofiifi maatii isaanii oolchuuf gara iddoowwan nagaadha jedhanitti baqataniiru. Kanneen iddoo baqannaa hin qabne immoo achumatti hafaniiru.

Haati kuni mana ilmasaanii waliin kireeffatan keessa qofaatti hafaniiru.

Gaafa Sadaasa 11 A.L.I magaalattiin to’annoo finciltoota TPLF jala galte. Isa booda guyyoota 11'f, jechuunis hamma mootummaan magaalattii to’atutti maaltu akka adeemsifamaa ture namni beeku hin turre.

Bakka bu’aan poolisii magaalattii Koomaandar Ahimad Mahaammad haati dafqaan bulan, gudeeddiin gareedhaan irratti raawwatamnaan of ajjeesuu isaanii kan dhagahan magaalattii keessatti haleellaa dubartoota irratti raawwatame ilaalchisee yeroo odeeffannoo funaanan tahuu BBC'tti himaniiru

Akka poolisiin jedhutti finciltoonni kunneen haadha kana kan gudeedan ilma isaanii ganna 16 kutaa biraa keessatti itti cufaniiti.

‘’Finciltoonni jaha tahan haleellaa kana erga raawwataniin booda, fuula ilma koo akkamiinan ilaala? Ilmi koos akkamiin natti baha? Jedhanii funyoo furgaasanii lubbuu isaanii ofiin dabarsaniiru,’’ jedhan Komaandar Ahimad odeeffannoo jiraattota naannoo fi ilma isaaniirraa arganne jedhan eeruun.

Bakka awwaalcha Musliimaa magaalattiittis sirni awwaalcha isaanii raawwateera jedhan Komaandarichi.

‘’Ilma isaanii itti rakkatanii guddisanis namni tolaa tokko isa jiraachisaa jira,’’ jedhan.

Haleellaa wal-fakkaataa gandoota biroo keessattis raawwateera kan jedhan komaandarichi, odeeffannoo dabalataa walitti qabaa akka jiran BBC'tti himaniiru.

Waraana bara darbe Tigraayitti eegalee gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal’ate hordofee humnoota wal-waraananiin dubartoota irratti gudeeddiifi qoccollaan saalaa qaqqabuu gabaafamaa tureera.

Naannoo Amaaraatti kanneen gudeeddiin irratti raawwate keessaa daa’imman waggaa 18 gad jiran akka keessatti argaman odeeffannoon naannichaa ni agarsiisa.

Itti gaafatamtuun Dhimma Dubartootaa, Daa’mmaniifi Dargaggootaa Aadde Asnaaquu Darrasa, naannolee finciltoonni TPLF to’atanii turanitti, ’’gochaan gudeeddii suukaneessaa,’’ raawwatamuuu BBC'tti himaniiru.

Waajjirichi iddoowwan muraasa godinaalee sadii keessatti naanna’uun qorannoo taasisuu kan himan itti gaafatamtuun kuni ‘’dubartoonni baay'ee gudeeddii irratti raawwateen lubbuu ofii baasaniiru, miidhaan qaamaafi xiinsammuus irra gaheera,’’ jechuun ibsu.

Qorannoon kuni dhuma baatii Onkololeessaa irratti kan adeemsifame yoo tahu Kaaba Goondar Dabaarqiifi Daabaatitti, Kibba Gondar Taachi Gaayintiifi Laayi Gaayintiifi Nifaas Mawucaa, akkasumas Kaaba Shawaa iddoowwan muraasatti haleellaa saalaa dubartoota irratti raawwate ilaaleera jedhan.

Naannolee kanatti qofa dubartoonni 147 gudeeddiin akka irratti raawwateeefi kanneen 116 tahan qaamaan argatanii dubbisuu Aadde Asnaaquun dubbbatu.

Kanneen keessaa 19, ijoollee umriin isaanii waggaa 18 gadi tahan tahus ibsaniiru.

Haleellaan kuni dubartoota waggaa 12 hanga 80 tahanirratti raawwatamuu qorannoo taasisaniin baruu akka danda’an himaniiru.

Odeeffannoo dabalataa namoota gudeeddiin irra gahe argachuun gama nageenyaa fi namuusa fayyaatiin rakkisaa akka tahe himuun dubartoonni haleellaa irratti raawwate lakkoofsi isaanii kana caaluu akka danda’u eeraniiru.

‘’Kanneen gudeedaman keessaa dubartoonni ulfaa jiru’

Naannolee haleellaan saalaa itti gabaafame keeessaa tokko magaalaa Nifaas Mawucaadha.

Finciltoonni TPLF magaalattii gaafa Hagayya 06/2013 A.L.I kan galan yoo tahu torbee tokkoof achi turaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalattii Obbo Mulaawu Xeenaawu BBCtti akka himanitti, Nifaas Mawucaa qofatti dubartoonni 73 gudeeddiin irratti raawwateera. Kanneen keessaas afur haadholiifi lama immoo dubartoota ulfaati.

‘’Kunneen akka gudeedaman warra odeeffannoo kennani dha,’’ kan jedhan kantibichi of kan dhoksan gatii jiraataniif lakkoofsi kuni dabaluu danda’a jedhaniiru.

Dubartoota gabaasan 73 keessaa 28 hospitaala Baahirdaar Falagee Hiwoot, jedhamutti yaalii xiinsammuu akka argatan taasifamuu kan himan Obbo Mulaawu, dhalattoota Amaaraa biyya alaa jiran waliin tahuun miidhaa irra gaherraa akka bayyanatan hojjetamaaa jira jedhan.

Warreen haleellaan irra gahe keessaa ‘’qorannoo taasifameen lama vaayirasiin HIV kan irratti argame yoo tahu, tokko immoo dhukkuba sammuuf saaxilamteetti,’’ jedhaniiru.

Baatii darbe keessa gabaasa Aministii Intarnaashinaal baaseen magaaluma kanatti dubartoonni 16 humnoota TPLF’n gudeedamuu himeera. Kanneen keessaas 14 gareedhaan akka gudeedaman ibsee ture dhaabbatichi

Aanaa Maqeet jedhamuttis akkasuma gochaan gudeeddii raawwatamuu maddeen hospitaalaa himaniiru.

Aanichatti hogganaa hospitaala Fallaaqiit kan tahan Obbo Yibalxaal Geetaa naannicha mootummaan erga to’atee booda dubartoonni yakki gudeeddii irra gahe hospitaalichatti yaalamuu himaniiru.

‘’Dubartoonni saddeet gudeeddiin irra gahee hospitaala kanatti yaaliin taasifameeraafi,’’ kan jedhan Obbo Yibalxaal, aanaadhuma kanatti, ’’dubartoonni sadii yakki gudeedamuu erga irra gaheen booda of ajjeesaniiru,’’ jedhan.

Dubartoonni umrii garagaraa keessa jiran haleellaa kanaaf saaxilamaniiru jechuun, ‘’haati warraa lubaa [monoksee]’’ otoo hin hafiin gudeedamaniiru jedhan Obbo Yibalxaal.

Obbo Yibalxaal, ‘’odeeffannoo hanga yoonaa qabnuun aanichatti dubartoonni 32 yakki gudeeddii irra gaheera. Lakkoofsi garuu kana caaluu mala jedhaniiru.

TPLF haleellaa loltoonnisaa raawwataniiru jedhamerratti ibsi ifatti kenne jiraachuu baatus gabaasa Aministiin kana dura baase irratti garuu gaaffii akka qabuufi dhimmichi qaama walabaan akka qoratamu himeera.

‘’Dhukkuba sammuu fi fiistullaaf kan saaxilaman jiru’’

Aadde Asnaaquun dubartoonni haleellaan irra gahe miidhaa qaamaafi xiinsammuu hamaaf saaxilamanii akka isaan argatan himu.

Qorannoo isaaniin dubartoota 147 haleellaan irra gahe keessaa 21 rakkoon itti hammaannaan hospitaala galuu isaanii itti gaafatamtuun kuni himaniiru.

Kanneen keessaa 18 yaaliin taasifameefi wiirtuu fayyaa naannoo isaanii jirutti hordoffii akka taasisaniif ergamaniiru.

Daa’imman miidhama qaamaa hamaa taheef saaxilaman dabalatee dubartoonni shan garuu ammallee Hospitaala Falagee Hiwoot, Bahaardaaritti wal’aansa hordofaa jiru jechuun Aadde Asnaaquun BBC'tti himaniiru.

Warreen fistuullaadhaaf saaxilaman keessaa immoo daa’imni gudeedamte tokko akka jirtu himu.

‘’Odeeffanno gahaa hin arganneef malee ulfa hin barbaachifneefi dhukkuba daddarbaaf kan saaxilaman jiraachuus dhageenyeerra,’’ jedhan.

Dubartoonni fiistullaadhaaf saaxilaman fincaaniifi bobbaa isaanii to’achuu hin danda’an. Kunis gudeedamuufi ijoollummaatiin da’uufaan mudachuu danda’a.

Dubartoonni baayyee ijoollee, maatiifi abbaa warraa isaanii duratti gatii gudeedamaniif miidhaan xiinsammuu guddaa akka tahu ibsaniiru.

Akka bayyanataniif maaltu hojjetamaa jira?

Waraana kaaba Itoophiyaatiin lammiilee balaaf saaxilamaniif deeggarsa dhiyeessuun ala dubartoota haleellaan irra gaheef xiyyeeffannoon gahaa kan laatame hin fakkaatu.

Aadde Asnaaquun naannolee kanatti dhaabbileen fayyaa finciltootaan waan barbadaa’aniif dubartoota kunneeniif yerootti qaqqabuun hin danda’amne.

Haa tahu malee, naannoleen kunneen mootummaan deebisanii gaafa to’ataman dubartoota gara dhaabota fayyaa geeffaman 116 keessaa 114 kan tahaniif leenjiin guyyaa sadii hanga shanii tahu kennameeraafi.

Kana malees ogeessota isaanitti dhiyoo jiraniin deeggarsi xiinsammuu akka godhamuufi, ‘’yeroodhaaf dhaabbileen fayyaa hojii kana akka raawwatan xiyyeeffannoon hojjenna,’’ jechuun dubbataniiru.

Dubartoonni haleellaa saalaan dabalata kanneen qabeenyi isaanii jalaa saamame akka jiran kaasuun deeggarsi qarshii fi kaan taasifamuu himaniiru.