Itoophiyaan UNESCO fi WHO badii hidhattoota TPLF irratti akka dubbatan gaafatte

Dr. Yumiko Yokozeki, Dr. Boureima H. Sambo fi obbo Yooseef Kaasaayee

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

Mootummaan Itoophiyaa badii hidhattootni TPLF naannolee Amaaraa fi Affaar keessatti raawwatan irratti UNESCO fi Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa(WHO)dhugaa akka himan gaafate.

Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaatti Daayireektara dhaabbilee idila addunyaa kan ta'an obbo Yooseef Kaasaayee Kibxata Mudde 14, 2021 hoogganaa UNESCO damee Itoophiyaa Dr. Yumiko Yokozeki fi kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Boureima H. Sambo waliin mariyachuu Ministeerichi ibseera.

Marii isaanii kana irratti dhaabbileen lamaan badii hidhattootni TPLF naannoolee Tigraay, Amaaraa fi Affaar keessatti dhaabbilee fayyaa fi hambaalee aadaarratti raawwatan ifa gochuurratti rincica agarsiisaniin yaaddahuu obbo Yooseef ibsaniiru.

Badiisni fi saamichi qabeenyawwan diinagdee, hawaaasummaa, fi aadaa irratti TPLF'n raawwatame ''madda yaaddoo guddaadha'' kan jedhan hoogganaan kun, ''dhaabbileen idila addunyaa gocha shororkeessitootaa kana balaaleffachuu dhabuun TPLF badii geessisuu akka itti fufu jajjabeessa'' jedhaniiru.

Deetaan Ministiraa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reediwaan Huseen ergaa Wiixata Mudde 13, 2021 tiwiitara gubbaatti maxxansaniin UNESCO, WHO fi EU komataniiru.

''Wayita Laalibalaan kabaja ishee dhabdu UNESCO'n mataasaa biyyoo keessatti awwaalee osoo hin jeeqamiin itti fufeera. WHO wayita dhaabbileen fayyaa kumootaan lakkaawwaman saamaman sababa ifa ta'een du'aa ta'eera'' jedhan obbo Reediwaan.

''Gamtaan Awurooppaas Jeneevaatti Itoophiyaarratti yaada murtee dabarsuf muddamarra jiraa'' jechuun komataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Itoophiyaan hundesssitoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessaa tokko ta'uu ishee yaadachiisuun dhaabbileen kun hojii isaanii al-loogummaan akka hojjetaniifi badiiwwan qaqqaban ifatti akka dubbatan obbo Yooseef aanga'oota dhaabbilee lamaanii gaafataniiru.

Aanga'oonni dhaabbilee lamaanii damee Itoophiyaas komiiwwan mootummaa Itoophiyaa faaraan akka ilaalan ibsi waajira haajaa alaa ibseera.

Dhimma mootummaan Itoophiyaa irra deddeebiin isaan itti komachaa jiru kana ilaalchisee UNESCO'niis ta'e Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa hanga ammaatti waan jedhan hin qaban.

Marii hooggantoota mootummaa Itoophiyaa waliin godhame irrattis yaadni kenname hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaa torbanoota darban naannolee Amaaraa fi Affaar kan harka hidhattoota TPLF turan hedduu bilisa baasuu hordofee ajjeechaan jumlaa, sarbamni mirga namoomaa, saamichiifi mancaatiin bu'uuraalee misoomaa hedduun raawwatamuu gabaasaa jira.

Yunivarsiitiiwwan Naannoo Amaaraa keessatti argaman keessaa tokko kan ta'eefi magaalota Daseefi Kombolchaatti damee kan qabu Yunivarsiitiin Walloo qabeenyi 'biiliyoona 10' gahu jalaa manca'uu himeera.

Mootummaan Itoophiyaa Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii haala Itoophiyaarratti yaada murtee dabarsuuf yaa'ii taa'uuf Jimaatatti beellama qabachuu balaaleffateera.