Waraana Kaaba Itoophiyaa: Chaayinaan Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa muuduuf ta'u beeksiste

Alaabaa Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Rakkoo nageenyaa bakkeewwan Gaanfa Afrikaa jiru qolachuuf Chaayinaan ergamaa addaa muuduuf akka ta’e beeksiste.

Dhimma kana Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi Keeniyaa daawwataa jiran ibsaniiru.

Ibsa miidiyaaleef Mombaasaadhaa kennaniin biyyi isaanii naannichatti gahee ishee cimsachuu akka feetu himan.

''Waliigaltee siyaasaafi tarkaanfii qindaa’e keessa qooda qabaachuuf Chaayinaan Gaanfa Afrikaatti ergamaa adda ani muuddi,'' jechuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

''Nageenyaafi tasgabbii naannichaa keessatti gahee keenya guddisuu itti fufna,'' jechuun Waang Yiin himan.

Qondaalli olaanaa Chaayinaa kuni biyyoonni Gaanfa Afrikaa egeree isaaniirratti murteessuu qabu akkasumas yaa’ii nagaa tolfachuu qabu jechuun dubbatani.

Gaheen ergamaa addaa muudamu maal akka ta’ef bal’inaan qondaalli Chaayinaa kuni hin himne.

Kana dura Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Gamtaan Afrikaa Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa muudaniiru.

Waraanni Itoophiyaa keessa waggaa dura ka'eefi ijoo dubbii addunyaa ta'e akkasumas dhimmi hidha Abbayyaafi muddamni daangaa Itiyoo - Sudaan biyyoonni kunneen Itoophiyaarratti akka xiyyeeffatan dirqeera.

Kanaan ala, Onkololeessa keessa fonqolchi waraanaa kan keessatti raawwate Sudaaniifi al-Shabaab waliin kan wallolaa kan jirtu Somaaliyaan xiyyeeffannoo biyyoota kanaati.

Chaayinaan keessumaa waraana Tigraay waliin wal-qabatee waltajjiiwwan gara garaa irratti mootummaa Itoophiyaaf deeggarsa qabdu ibsaa turteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa baatii tokko dura Itoophiyaatti argamuun bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad bira akka dhaabbatan ibsaniiru.

Tibbanammoo daawwannaa biyyoota Afrikaa sadii taasisaa jiru.

Daawwannaa isaanii jalqabaan gaafa Roobii biyya paartii tokkittiin bulaa jirtuufi biyyoota Lixaa biratti qoollifatamte Eertiraatti goruun Pirezidant Isaayyaas Afawarqii fi kaan waliin mari’ataniiru.

Qoqqobbii Ameerikaan waraana Itoophiyaa keessaa walqabateen baatii Sadaasa keessa Etiraarra keesse Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa balaaleeffataniiru.

Waang Yiin misooma qarqara Galaana Diimaa Ertiraa misoomsuu akka gargaartu himuu isaanii Rooyitars himeera.

Daawwannaa isaanii lammataan Keeniyaa kan jiran qondaalli kuni Ministira Dhimma Alaa Keeniyaa Reechel Omaamo waliin mari’ataniiru.

Daawwannaan Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa kuni daawwannaa Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa US Jeefrii Feltimaan waliin walirra bu’eera.

Feltimaan gaafa Kamisaa Itoophiyaa qaqqabu jedhamee eegama. Turtii isaaniinis waraana Kaaba biyyattiitti baatiiwwan 14’f turef furmaata barbaaduurratti xiyyeeffatu jedhame.

Daawwannaa isaanii sadaffaan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Odola Komoroos gama Bahaa Afrikaa argamtu ni daawwatu jedhamee eegama.