Michuun Itoophiyaa Chaayinaan qoqqobbii Ertiraarra kaa'ame balaaleffatte

Madda suuraa, Yemane G. Meskel/Twitter
Daawwannnaa hojii guyyoota lamaa Eertiraatti kan taasisaniin gorsaan Mootummaa fi Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii qoqqobbii Eertiraarra kaa'ame morman.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa kun daawwannaa isaanii biyya paartii tokkittiin bulaa jirtuufi biyyoota lixaa biratti qoollifatamte Eertiraatti taasisan Roobii waaree booda goolabaniiru.
Ameerikaan baatii Sadaasa keessa waraana Itoophiyaa keessaan walqabatee Raayyaa Ittisa Biyyaa, Paartii Eertiraa bulchuu, dhaabbata daldalaa paartichaa fi qondaalota lama irratti qoqqobbii kan keesse.
Yeroos Itoophiyaa fi Eertiraan qoqqobbii ka'amee balaaleeffatanii turan.
Waang Yii pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Af-warqii waliin wal arganii kan dubbatan yoo ta'u, "michummaa tarsiimawaa isaanii" cimsachuudhaaf pireezidant Isaayyaas Chaayinaa akka daawwataniif affeeraniiru.
Ministiroonni biyyoota lamaanii walga'iin booda ibsa waloo baasaniin, "sababa dimokiraasiifi mirgoota namoomaatiin dhimmoota keessoo biyyoota biroo keessa seenuu," balaaleeffataniiru.
"Chaayinaan qoqqobbii Eertiraarra kaa'ame kamiyyu ni mormiti," jechuun ibsaniiru Waang Yii.
Mudde jalqaba Itoophiyaattis daawwannaa hojii taasisanii kan turan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa haaluma wal-fakkaatuun dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu mormaniiru.
"Itoophiyaanonni rakkoo keessoo isaanii hiikkachuu waan danda'aniif Chaayinaan dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu ni mormiti," jechuu isaanii Ministirri Dhimma Alaa yeroo sanatti beeksiseera.
Kana dura yeroo Itoophiyaa daawwatanitti, amantaa Chaayinaan Itoophiyaarratti qabduufi deeggarsa Chaayinaan mootummaa MM Abiy Ahmadiif qabdu kan ibsudha jedhanii turan.
Chaayinaan ji'oota dhiyootiin asitti, keessumaa waraana Tigraay waliin wal-qabatee waltajjiiwwan gara garaa irratti deeggarsa mootummaa Itoophiyaaf deeggarsa qabdu ibsaa turteetti.
Miseensa dhaabbataa Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) kan taate Chaayinaan, manni marichi dhimma Itoophiyaarratti mariyatee yaada murtee akka hin baasne mormaa turan keessaa tokkodha.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa, daawwannaa Ertiraatti taasisaniin alatti geeggarsa dabalataa Yuwaan miliyoona 100 Chaayinaan taasiftuuf beeksisuu isaanii Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaan G/Masqal tiwiitara isaaniirratti eeraniiru.
Pirezidant Isaayyaas gamasaaniitiin, guddina guddaa Chaayinaan waggoota 100 darban galmeessisteefi kan isheen addunyaa hundaaf gumaachite dinqisiifataniiru.
Kana malees, Chaayinaan sirni idil-addunyaa seera idil-addunyaa kabajuurratti hundaa'e akka dhufuuf gahee olaanaa taphatteefis galateeffataniiru jedhameera.
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii daawwannaa Ertiraatiin booda daawwannaa hojii guyyaa lamaaf Keeniyaatti taasisuuf Naayiroobii seenaniiru.
Aanga'oota olaanoo biyyattii waliinis wal-arganii dhimmoota gara garaa akka waltumsuuf waliigaltee akka taasisan ni eegama.
Qondaalli kuni daawwannaa isaanii Keeniyaatti taasisaniin booda ammoo gara Odola Garba Hindii Komoroositti qajeelu jedhame.

















