Waraana Kaaba Itoophiyaa: Hospitaala Tigraay keessatti dhukkubsattoonni du'aa jiru - Doktoroota

Ol-adeemaa boombiin miidhame

Madda suuraa, Getty Images

Doktoroonniifi ogeessonni fayyaa naannoo Tigraay kan waraanaan akka malee miidhamte keessa jiran daa'imman dabalatee dhukkubsattoonni du'aa jiraachuu dubbatan.

Kanaaf ammoo sababiin uggura kaa'ame hordofee qorichiifi meeshaaleen lubbuu baraaruuf gargaaran hospitaalotaaf dhiyaachuu waan hin dandeenyeef akka ta'e eeran.

Rooyitarsitti kan dubbatan Dubbii Himaan mootummaa garuu uggurri ka'ame hin jiru, rakkoo Tigraay keessa dhalatuuf dura aantummaan kan gaafatamu TPLF'dha jechuun deebisan.

Doktoroonni hospitaala Ayidal Maqalee keessa jiru yeroo wallaansa baqaqsanii yaaluu gaggeessanitti qorichoonni hidda dhiigaan kennamaniifi adoochan waan hin jirreef wallaansa kennuu akka hin dandeenye himan.

Hojjetoonni Hospitaala Rifeeraalaa Hayidar keessa hojjetan ibsa baasaniin addaan cituu ibsaa yeroo gara garaatti irra deebiin mudatuufi dhiyeessiin Oksijiinii gahaa dhibuun isaa namoonni wallaanaman akka du'aniif sababa ta'eera jedhan.

Wanti ogeeyyiin harkatti ka'atan, qorichoonni antiibaayotikii, qorichoonni dubartoota ciniinsuurra jiraniif akkasumas namoota dhibee sammuu qabaniif barbaachisan bakka hin jirretti hojjechuuf rakkatuu himan.

Ogeessonni fayyaa qorichoota yeroon tajaajila isaanii irra darbe akka fayyadamaniifi filannoon jirus isa qofaa ta'uu, akkasumas dhukkubsattoota gargaarsi yeroo atattamaa isaan barbaachisuufis hanga danda'an kunuunsaa akka jiran ibsaniiru.

Dabalataanis, gareen wallaansa narvii baqaqsanii yaaluu (neurosurgery) meeshaalee Siitii Iskaaniifi MRI akka hin qabne dubbataniiru.

Mootummaan Itoophiyaafi aanga'oonni TPLF meeshaalee wallaansa fayyaaf oolan dabalatee dhiyeessiin meeshaaleen gargaarsaa danqamuu isaatiif tokko isa kaan himatu.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gama isaatiin dhiyeenya kana tajaajilawwan fayyaa tokko tokko hir'ina qorichoota barbaachisoo ta'aniin hojii dhaabaniiru jedheera.

Waraanicha waliin walqabatees naannoo Tigiraay keessa tajaajilawwan bu'uuraa barbaachisan kan akka ibsaa, bishaan, bilbila, geejjibaafi baankiin ammallee akkuma addaan citanitti jiru.

Waraanni dhiiga hedduu dhangalaase bara darbe Sadaasa jalqabarra Tigraay keessatti jalqabee gara naannolee Amaaraafi Affaaritti babal'ate namoota kumaan lakkaa'aman galaafachuun miliyoonaan lakkaa'aman ammoo buqqaaseera.

Wal waraansa Itoophiyaa kana keessa qaamoleen jiran hunduu sadarkaa gara garaatti sarbamoota mirgoota namoomaa akka yakka waraanaatti lakkaa'amuu danda'an, sarbamoota seera namoomaa idil-addunyaafi seera baqattootaa raawwachuu isaanii gabaasaaleen dhaabbileen mirgoota namoomaaf quuqamanii ni mul'isa.

Waraanni ji'oota 14 ol lakkoofsise kun akka dhaabbatuuf Ameerikaa dabalatee Gamtaan Afrikaa, akkasumas bakka bu'aa Gaanfa Afrikaa Gamtichaa kan ta'an pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Oluusegun Obasaanjoofi michoonni biroon carraqqii taasisanis firii hin godhanne.