Waraana Kaaba Itoophiyaa : Murteen mana maree mirgoota namoomaa UN Itoophiyaa yaaddessuu qabaa?

Waraana Kaaba Itoophiyaan ummataafi biyyattiirratti miidhaa guddaatu dhaqqabe

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen idil - addunyaa hundaa'u himannaa sarbama mirgaa qaamolee hundaa qorata

Itoophiyaan dursitee watwaattuus Manni Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) torban lama dura gareen idil-addunyaa dhimma Itoophiyaa akka qoratu murtesseera.

Murteen kun dhaabbilee mirga namoomaa idil addunyaa kanneen akka Aminastii Intarnaashinaaliifi Humaan Raayitis Waach gammachiisuus Itoophiyaa garuu hin gammachiifne.

Finciltoonni Tigraay Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa walabummaa hin qabu jechuun himataa turanis murtee kanaan gammachuu ibsan.

Itoophiyaan waan diddeef qorannoon kuni ni hafaa? Dhiibbaa akkamii Itoophiyaarratti qaba? kaayyoon dhoksaa Itoophiyaa himattewoo maali? UN mataan isaa maaliif lammata qoratuu yaade?

Presentational grey line

Qorannoo duraa eegamaa ture

Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaa caalaa ture badii guddaa ummata akkasumas biyyattiirratti dhaqqabsiiseera.

Himannaa gama garagaraa ture kanas Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaafi Komishiniin Mirga Namoomaa UN waliin ta'un qorannoo waloo gaggeessaniiru.

Gabaasni dhaabbileen idil - addunyaa eegaa akka turan ibsan kun fuula 156 kan qabu yoo ta'u sarbama mirga namoomaa Sadaasa 03, 2020 - Waxabajjii 28, 2021 jiru raawwate qorate.

Bu'aan qorannoo kanaa Sadaasa keessa gadhiifame Itoophiyaa keessa yeroo waraanaa yakki waraanaa raawwatuu hin oolle jedheera.

Itoophiyaan durumaa qorannoon kuni gara caalu kan Tigraay keessa raawwate qorate, badii eegasii finciltoonni Tigraay Amaaraafi Afaaritti raawwate hammatuu qaba ture jechuun gaafattee turte.

Komishiniin mirga namoomaa UN garuu yeroos hin fudhanne. Yeroos komishiniin Itoophiyaa badii naannolee lamaanitti raawwatame jedhame ofumaa akka qoratu ibse.

Ta'us, bu'aa qorannoo boda mootummaan Itoophiyaa qorannichi 'hanqina qaba' jechuun ibse. Kunis ta'u, qorannicha akka fudhatu ibse.

Finciltoonn TPLF durumaa gabaasichi walaba miti jechuun mormaa turan garuu bur'aa qorannoo fudhachuu didan.

Qorannoon biraa maaliif barbaachise?

Qaamoleen lamaan qorannoo waloo taasisan mataan isaanii qorannoon dabalataa akka barbaachisu akeekaniiru. Sababni isaa bakkeewwan hin qoratamne waan jiruufi lollis itti fufuu isaan walqabateeti.

Gaanfa Afrikaatti qorattuun dhaabbata Humaan Raayitis Waach (HRW) Laatishiyaa Baader qorannoon jalqaba taasifame hunda galeessa miti jechuun BBC'tti himan.

Gaafa qorannoon waloo ifa ta'e Komishinarri Mirga Namoomaa UN Misheel Baachelee adeemsi itti gaafatamummaa ifaafi amanamaa ta'e yoo Itoophiyaatti dhibe qorannoon idil-addunyaa walabaa ta'e akka barbaachisu himanii turan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waggoota lamaan darban of ijaaraa dhaaba walabaa sarbama mirgaa qoratuufi gorsa kennu ta'un cimee mul'ataa jira.

Ta'us, himannaan gama garagaraa irratti dhihaatuu hin dhiifne.

Manni maree mirgoota namoomaa UN dhimma Itoophiyaarratti addatti marii gaafa waame qaamolee yaaddoo ibsan keessaa tokko komishinii kana.

Qaami idil-addunyaa yoo hundaa'e qaamoleen waraana keessa jiran bu'aa qoranno kaan fudhatanii, kan isa kaanimmoo didu jechuun yaaddoo ibse.

Ibsa waa'ee viidiyoo, ‘Jaarmiyaan keenya dhiibbaa mootummaarraa guutummaatti bilisadha’ - Dr Daani’el Baqqalaa

Mootummaan qorannoo haaraa taasifamu dideera. Finciltoonni Tigraay immoo qorannoo duraa didan. Yeroo fedhiin adda addaa jiru kanattimmoo itti gaafatama hojiirra oolchuun ni rakkisa.

'Kaayyoo dhoksaa' Itoophiyaa yaaddesse

Itoophiyaan durumaa adeemsa marii manni maree mirga namoomaa UN waameen mormii ibsaa turte. Waamicha kana Gamtaa Awuroppaatu waame.

Walgahiin kuni waamamuu guyyoota muraasa dura qondaalli olaanaa dhimma alaa gamtichaa Jospeef Boreel sarbama mirgaa Itoophiyaa keessa jiru dhaabsisuuf tarkaanfiin fudhatamuu dhabuu himan.

Kunis, sababa miseensota mana maree alaa Gamtaa Awurooppaa keessa tokkummaan hin jirreefi jedhani. Qondaalli kuni biyyoonni gamtichaa Itoophiyaa akka qoqqoban waamicha taasisaa turan.

Walgahiin addaa waamame kana irratti garee idil addunyaa hundeessuuf falmii cimaatu taasifame. Miseensota mana marichaa gidduus qoodinsi mul'ateera.

Xumurarra biyyooti miseensa mana marichaa 21 yaada murtii garee idil - addunyaa hundeessuuf dhiyaate yoo deeggaran, 15 mormanii 11 ammoo sagalee hin kennine.

Sababa kanaanis, gareen idil - addunyaa UN akka hundaa'u murteen darbe. Gareen kun himannaawwan sarbama mirgaa yeroo lolaa qaama kamiinuu raawwatan ni qorata.

Itoophiyaan dursitee walgahiin waamamuu isaafi murtee darbu akka hin fudhanne ibsite biyyoota ishee bira dhaabbatan deeggaruun adeemsa UN balaaleeffatte.

Faallaan finciltoonni Tigraay murtee kana fudhatani. Ajajaa finciltoota Tigraay ta'un kan eeraman L/Janaraal Tsaadiqaan G/Tinsaa'e ''murtee kana fudhanneerra'' jechuun BBC'tti himan.

Itoophiyaan qorannoo waloo UN fi komishinii Itoophiyaa hordofee itti gaafatamummaa hojiirra oolchuufi gorsa qorannichaan akeekaman hojiirra oolchuuf koree ministeerotaa hundeessiteetti.

Loltoota Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan durumaa adeemsa Mana Maree Mirga Namoomaa UN irratti mormii ibsite

Itoophiyaan murteen UN 'birmadummaa biyyaa dhiiba,' jechuun akka hin fudhanneefi murtichi faallaa yaadota furmaataa qorannoo waloon ka'ameeti jechuun ibsite.

Dubbii Himtuun Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum murteen UN ''meeshaa siyaasaa tattaaffii kana dura taasifame beekkamtii dhowwachuuf,'' taasifamedha jechuun ibsan.

Dabalaniis, ''bu'aa qorannoo, qorannoo waloorraa eegan waan dhabaniif'' jechuun qaamoleen qorannoo duraan gammachuu dhaban qorannoon lammataa akka taasifamu barbaadan jedhan.

Dhaabbileen lixaa mootummaan duguggaa sanyii akkasumas beela akka meeshaa waraanaatti raawwate jedhanii himatanis qorannoon waloo kana hin mirkaneessine ture.

Sababa kanaaf, Itoophiyaan biyyoonni Lixaa maqaa mirga namoomaan ajandaa siyaasaa ittiin tarkaanfachiisaa jiru jechuun himatte.

Ejjennoo Itoophiyaa irratti yaada isaanii kan gaafanne ogeessi seeraa Adam Kaase (PhD) Itoophiyaan biyyoonni kuni dhimmi isaanii mirga namoomaa osoo hin taane kan biraa ta'u amanti jedhu.

Lolli Kaaba Itoophiyaatti ka'u hordofee yeroo keessa hariiroon Itoophiyaafi biyyoota Lixaa babbadaa dhufeera.

Kana dura Gamtaan Awurooppaa Itoophiyaarratti qoqqobbii kaa'uuf qorannoo waloo UN fi komishinii Itoophiyaa akka eegan ibsee ture.

Garuu qorannoo booda qoqqobbii kaa'e hinqabu.

Sababa lola adeemaa jiruun Itoophiyaa waliin kan waldhabde US, biyyoota qorannoo waloo eegaa akka jiran himan keessaati.

Haa ta'u malee, qorannoon waloo osoo ifa hin bahin guyyoota muraasa dura Itoophiyaa daldala qaraxarraa bilisaa, AGOA, keessaa baasuu beeksiste.

Biyyoonni Lixaa qorannoo waloo taasifame akka deeggaran yeroos ibsa waloo baasaniin himuun isaanii ni yaadatama.

Itoophiyaarratti 'dhiibbaa siyaasaa qaba'

''Dhiibbaan ijoo Itoophiyaarratti fidu dhiibbaa siyaasaadha,'' jedhu ogeessi seeraa Adam Kaase (PhD).

''Keessumaa immoo biyyoonni Lixaa Itoophiyaan komishinii hundaa'e hin tumsu jettee yoo itti fufte, sana sababa gochuun tarkaanfii fudhanna jechuu danda'u.

''Lammatammoo Itoophiyaan akka biyyaatti sirnaafi adeemsa idil-addunyaa hin fudhu jechuun ishee amantee Itoophiyaarratti qaban, akkasumas fudhatamummaa Itoophiyaa miidhuu danda'a.''

Sababa kanaaf, ''dhimmichi akka salphaatti ilaalamuu hin qabu '' jedhu.

Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN

Madda suuraa, UN Human Rights Council

Ibsa waa'ee suuraa, Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN

Mootummaan Itoophiyaa murtichi sarbamni mirga namoomaa akka hin qoratamneef diduu osoo hin taane adeemsi UN amansiisaa miti, hin barbaachisullee jedhee akka yaadu hime.

Kana dura bara TPLF siyaasa Itoophiyaa keessa olaantummaa qabu qorattoonni UN Itoophiyaa seenanii akka hin beenne eeruun Dubbii Himaan mootummaa adeemsa UN komataniiru.

Mootummaan murtee UN fudhachuuf dirqama qabaa?

''Mootummaan Itoophiyaa dirqama hin qabu. Kunneen gara Itoophiyaa seenuu kan danda'an mootummaan Itoophiyaa yoo eeyyame qofaadha,'' jedhu Dr Adam.

Akka ogeessa kanaatti sadarkaa idil-addunyaatti biyyi ''tokko fedhii ishee malee dirquu kan danda'u mana maree nageenyaa UN qofaadha.''

Haa ta'u malee, kana jechuun qorannoon hin taasifamu jechuu miti.

''Walumaagala Itoophiyaan garee kana simachuuf dirqama hin qabdu. Kana gochuu waan diddeef garuu qorannoon ni dhaabata jechuu miti.''

''Maloota garaagaraa fayyadamuun ragaa gahaa yoo qabaatan sanarratti hundaa'un gabaasa qindeessuu danda'a,'' jechuun ibsu ogeessi seeraa kuni.

Akka fakkeenyaatti kana dura qorannoon Sooriyaa akkasumas Ertiraarratti taasifame osoo biyyoota kana keessa hin seeniini. Qorannoo kana raawwachuufis maloota adda addaa fayyadamuu danda'u.

Murteen UN jijjiiramuu danda'aa jennee kan gaafanne ogeessi seeraa kuni arma dura murteen murtaa'e hafuu isaa akka hin beekne himu. Haa ta'u malee, karaatti fooyya'uu danda'u akeeku.

''Akka mootummaatti adeemsa qorannoo sarbama mirga namoomaa amanamaa ta'e hanga hordofettiifi qaamolee idil-addunyaa amansiisuu yoo danda'e sababni itti hin taaneef hin jiru. '' jedhan.

Ogeessi kuni jaarmayaan qoratuuf murtaa'e si'achi akka hundaa'u himuun ogeeyyii keessa hammatamuu qaban irratti mootummaan Itoophiyaan yaada kennuu danda'a jedhu.