Dr Daani'el Baqqalaa: Falmaa mirgaa gameessa jaarmiyaa mirga namoomaa walabaa Itoophiyaatti ijaaraa jiran
- Barreessaa, Ammayyuu Ittaanaa
- Gahee, Gaazexeessaa, BBC Afaan Oromoo
Rakkooleen siyaasaa sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessa hammeessaa jiru jechuun Komishinarri Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'el Baqqalaa BBC'tti himan.
Falmaan mirga namoomaa kuni jaarmiyaa kana dura afaan mootummaa ta'un beekamu jaarmiyaa walabaa akka ta'u carraaqaa jiru. Yeroo gabaabaa keessattis dhaabbatichi maqaa gaarii horataa jira.
Ogeessi seeraa filannoo Itoophiyaa ALI bara 1997 booda waggoota lamaaf hidhaa seenan kuni kana dura dhaabbilee mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaaliifi Humaan Raayitis Waach keessa hooggansummaan hojjetaniiru.
Rakkoo isaan qunname, jijjiirama jaarmiyichatti mul'ate, akkasumas dhimmoota garaa garaa irratti Gaazexeessaan BBC Ammayyuu Ittaanaa turtii waliin taasiseera. Itti dhihaadhaa!

BBC: Jaarmiyaan kuni qorannoo taasisuun maqaa gaarii horataa jira? Maaltu jijjiirame jennaan kuni dhufe?
Dr Daani'el: Ka'umsi ijoo boqonnaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti uumamedha. Kana dura dhaabbileen walabummaan hojjetaa hin turre akka cimaniifi walabaan akka dalagan kutannoon siyaasaa gama mootummaatin mul'ateera.
Labsii ittiin hundaa'e fooyyessuu, akkaataa muudama komishinarootaa fooyyessuu, ergama itti hundaa'e bal'isuu, gama bulchiinsaafi to'annoo qabeenyaan dhiibbaa mootummaa jalaa akka bahu seeraan akka tumamu ta'eera.
BBC: Hojii kana yoo dalagdan rakkoon isin qunnamus jiraachuu mala? Kanneen ijoo maali?
Dr Daani'el: Rakkoowwan baay'ee jiru. Rakkoon tokko seenaa jaarmiyichaati. Walabaaniifi ga'umsaan hojjetaa waan hin turreef ga'umsa jaarmayaa [Institutional capacity] hin qabu.
Inni lammataa hanqina namaafi hanqina bajataati. Itoophiyaan biyya ummata miiliyoona 100 oliiti. Baajata miiliyoona 100 mootummaan waggaatti nu ramaduun hojii mirga namoomaa dalaguun baay'ee baay'ee ulfaata.
Hanqinni bajataa waan jiruuf hanga barbaadame hojjechuu hin dandeenyu. Inni sadaffaa rakkoon siyaasaa biyya keenyaa sarbamni mirga namoomaa akka babal'atu waan taasiseef qormaata of danda'e ta'eera.
Jeequmsi siyaasaa waan hammaateefi bakkeewwan hedduutti walitti bu'iinsa dhalateen lubbuun baduu, lammiileen buqqa'uun akkasumas qabeenyi barbadaa'un hamma rakkinichaa wal xaxaa taasiseera.
Kan biraa siyaasni biyya keenya keessa akka malee fiixee qabate [extremely polarized] hojii mirga namoomaaf qormaata ta'aa jira.
Seenaa dhaabbilee mootummaa Itoophiyaa keessatti aangawoonni akkasumas hooggantoonni humna nageenyaa jaarmiyaa walabaan gaafatamuun hin aadeffamne. Kunis rakkoo biraati.
BBC: Aangawootni Mootummaa Naannoo Oromiyaa komishinicha himatu. Ilaalcha gaarii nuuf hin qabani jedhu. Wanti Naannoo Oromiyaa waliin isin waldhabsiise maali?
Dr Daani'el: Oromiyaa keessa gareen hidhate qondaaltota mootummaas akkasumas sivilii irratti haleellaa dhaqqabsiisa.
Humnoonni nageenyaa naannichaas ta'e federaalaa lubbuu isaanii aarsaa gochaa akka hojjetanis ni hubanna. Kanaaf, naannichatti rakkoon walxaxaa akka jiru ni beekama.
Garuu akkaataa qabinsa mirga namoomaan wantoonni yaachisoo ta'an ni jiru.
Kanneen ajaja mana murtii malee hidhaman jiru, ajaja mana murtii kabajuu dhabuu, yeroo hidhaman yookiin erga hidhamanii booda kan reebichi irratti raawwate jiru.
Akkasumas kanneen itti-fayyadama humna wal ginneen lubbuu dhaban jiru, akkasumas haleellaa kanneen hidhatan raawwataniin lubbuun baay'ee badee jira.
Bakkeewwan kaanittis rakkoon kuni jiraatus Oromiyaan bal'aa ta'uu isaafi komiin hedduu waan dhihaatef xiyyeeffannoo addaa taasifnee qorannoo gaggeessinee turre.
Darbee darbee hoggantoota muraasarraa deebii gaarii hin taane arganna. Hojiifi qorannoo keenya fudhachuu dhabuu irraa agarra. Wanta sirratuu qabu itti dhihaannee ibsaa akka sirratuuf carraaquu itti fufna.
BBC: Gabaasa yeroo yeroon baastaniin wantoonni akka sirratu yaadni dhiheessitan jira. Kunneen hojiirra ooluu? Ni hordoftuu?
Dr Daani'el: Gorsi kenninu hojiirra ooluu isaanii hamma dandeenye ni hordofna. Wanti agarru garuu waluma keessa. Gorsi dhiheessinu ni raawwatas, hin raawwatus.
Hamma tokko yoo hojiitti hiikamu agarra, namoonni hidhaa keessa turuu hin qabne haa hiikaman yoo jennu yeroo hiikaman agarra. Gama kaaniin gorsi keenya bakkitti hin fudhatamne baay'eenis jiru.
BBC: Isin namoonni ajaja mana murtii malee hidhamuu hin qaban jettanis ammallee namoonni erga hiikaman booda qabamanii hidhamu. Wanti kuni isin yaaddessaa?
Dr Daani'el: Yaaddessaadha. Wanta fudhatama hin qabnedha. Nama yakkaan shakkame manni murtii wabii isaa erga mirkaneesseef booda sababni murtiin suni raawwachuu hin qabneef hin jiraatu.
Murtiin mana murtii hojiirra ooluu qaba. Manneen murtii kan hundaa'aan kanaafi. Namni tokko yeroo mirgi isaa cabu bakki xumuraa mirga isaa itti kabachiisu mana murtiidha.
Murtii mana murtiitti murtaa'e raawwachiisuu yoo hin dandeenye manni murtii osoo jiraatuu baate akka jechuuti.
BBC: Itoophiyaa keessa qabiinsi mirga namoomaa fooyya'aa jiraa? Jijjiiramni jiraa?
Dr Daani'el: Gaaffii rakkisaadha. Gama tokkoon qabiinsa mirga namoomaa fooyyessuuf tarkaanfiin barbaachisoo fudhataman jiru. Fakkeenyaaf seeronni kana dura hojjechuu nama dhorkan akka fooyya'aan ta'eera.
Dirreen siyaasaa kan kana dura tureerraa bal'ateera, dhaabbileen siviiliifi miidiyaa kan duriirraa amma caalaatti hojjetu. Kanaaf, kunneen tarkaanfii qabiinsi mirga namoomaa fooyya'u agarsiisu.
Gama kaaniin rakkoo siyaasaarraan kan madde waggoota muraasa darban hookkarri turan lubbuu hedduu badeef, qe'eerraa buqqa'uuf, qaamaan miidhamuufi qabeenyi manca'uuf sababa ta'aniiru.
Walitti bu'iinsi kunimmoo Itoophiyaa keessa hin qorrine. Kana yeroo ilaallummoo jeequmsa mirga namoomaa olaanaa keessa akka jirru hubachuun danda'ama.
BBC: Namoonni yaada garaa garaa isinirratti dhiheessu. Mootummaarraa hangam bilisadha?
Dr Daani'el: Keessumaa erga ani waajjira kanatti dhufee booda jaarmiyaan kuni guutummaa guututti dhiibbaa mootummaa irraa bilisadha. Dhiibbaan mootummaa nurra hin jiru, yoo dhufes hin fudhannu.
Hojii keenya keessatti mootummaan akka gidduu seenu hin eeyyamnu. Hojiin keenya guutummaa guututti bilisa akka ta'e ni amanna. Hojiidhaanis mul'ataa waan jiru natti fakkaata.
Garuu namoonni komiifi qeeqa garagaraa nurratti dhageessisu. Isa akka qeeqaatti fudhanna.
Dhaabbileen mootummaa kana dura bilisa waan hin turreef hamma tokko namoota bira shakkiin akkanaa yoo jiraate baay'ee na hin dhibu.
Mootummaa, paartilee siyaasaa, miidiyaa, akkasumas rogeessota irraa yaadaafi qeeqa garaagaraa arganna. Nuti garuu xiyyeeffannee kan hojjechuu qabnu ergama hundoofneefi ajandaa mirga namoomaati.
BBC: Jaarmiyaa kana hanga eessaatti ijaaruu barbaaddu? Adeemsi itti jirtan galma kaanetti nu geessa jettanii yaadduu?
Dr Daani'el: Jaarmiyaa mirga namoomaa cimaa, walaba, ga'umsa qabu, mirgi namootaa akka kabajamu sagalee ta'e kan tajaajilu ni hundeessina jedhee nan abdadha. Daandii kanas eegalleerra.
Hojiin amma hojjetaa jirru bu'uura kaa'uu ta'uu danda'a. Manni guutuu ijaaramee kan xumuramu garuu hunduu gahee ofii gaafa gumaachedha. Hanga yoonaa gaarii adeemaa jirra.
BBC: Amma amma badiin yoo raawwatu namoonni waan komishiniin keessan jedhu eeguu eegalaniiru. Badii raawwatu hunda faana dhahuun rakkisaa ta'uu mala. Badii kam qoranna kan jedhu ulaagaa kamiin filattu?
Dr Daani'el: Gama mirga namoomaan sarbamni xiqqoodha jedhamu hin jiru. Garuu hanqinni humnaa waan jiruuf kam qoranna kan jedhu ilaallee filanna.
Walitti bu'iinsa lubbuu namoota hedduuf sababa ta'e, buqqaatii akkasumas qabeenyaafi miidhaa qaamaarra gaheef dursa kennina. Akkasumayyuu ta'ee hunda bira gahuu hin dandeenyu.
Hanga danda'ame dhimmoota xiyyeeffannoo hin arganne irratti xiyyeeffannoo gochuu yaalla.
Namoonni qorannoo miidiyaarratti dhagahamu beeku ta'a nuti garuu himannaa qaamaan namoonni gara waajjira keenyaa fidaniifi kumaatamaan lakkaa'amanis ni hordofna.

Tigraay
BBC: Tigraayitti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) waliin qorannoon waloo himannaa sarbama mirga namoomaa raawwateerratti eegaltan ni jira. Maalirra gahe?
Dr Daani'el: Ogeeyyiin isaaniifi nurraa walitti dhufan bakkeewwan naannoo Tigraay garaa garaatti qorannoo gaggeessaa jiru. Yeroo ammaa ragaa walitti qabaa jiru. Ergasii booda ragaan ni xiinxalama.

Madda suuraa, REUTERS
Yeroo qorannoo eegallu karoorri keenya ji'a sadii keessa hanga Hagayyaa yookiin Fulbaanaa ni xumurra kan jedhu ture.
Yeroo qabametti xumuramuu isaa amma tilmaamuun na rakkisa. Sababni isaas bakkeewwan tokko tokko sababa rakkoo nageenyaan saffisa feeneen gahuu hin dandeenye.
Qorannoo kana keessaa haleellaan Maayikaadiraatti raawwates itti dabalameera.
BBC: Dhaabbileen UN Tigraayitti beelli jira jechuun ibsaniiru. Mootummaan kana ni waakkata. Komishinichi kana waan mirkaneesse qabaa?
Dr Daani'el: Nuti dhimma kana irratti qulqulleeffanne wanti irra geenye hin jiru. Garuu UN bakka tokkotti beelli dhalatuu isaa malootaa teknikaa fayyadamuun akeekkachiisni dabarse sirnaan fudhatamuu qaba jedheen amana.
Qaamoleen isaan ilaallatu hundi gara rakkoo biraatti osoo hin ce'in tarkaanfii yeroon fudhachuu qabu.
Qorannoo keenyaan keessumaa hordoffii naannawa hospitaalaatti taasifnuun wanti hamma tokko hubanne keessumaa lakkoofsi daa'imman nyaata madaalawaa dhaban dabalaa jira.
Kunis agarsiiftuu tokkodha. Garuu amma beelli dhalateera isa jedhu nuti mataa keenyaan qorannoo taasifnee kan mirkaneeffanne miti.
BBC: Qeeqxonni yaadawwan yeroo garaa garaa keennitanirraa Dr Daani'el Federaalizimii sab-daneessaa hin fudhatanii jedhu. Deebiin keessan maali?
Dr Daani'el: Biyyi tokko sirna bulchiinsa kam hordofuu qabdi isa jedhu irratti gama mirga namoomaan ejjennoo hin qabannu. Garuu sirna bulchiinsa kamuu keessattii mirgi namoomaa kabajamuu qaba jenna.
Haa ta'u malee, jeequmsa siyaasaafi sarbama mirga namoomaa biyya tokko yeroo qorattutti rakkoo bu'uuraa argachuu qabda. Sababni isaa furmaanni waaraa kan argamu rakkoon bu'uuraa erga barame qofaadha.
Fakkeenyaaf Itoophiyaa keessa sarbama mirga namoomaa yeroo haasoftu haala siyaasaa jirrurraa adda baasanii ilaaluun nama rakkisa.
Itoophiyaa keessa maaliif walitti bu'iinsi baay'ate isa jedhu gaafatuu qabda. Walitti bu'iinsonni kunneen immoo maaliif eenyummaa irratti xiyyeeffatan?
Kanaaf, sirni siyaasaa Itoophiyaan hordofaa jirtu, akkasumas caasaan kanaaf kallattiifi kallattiin ala gumaacha taasiseeraa isa jedhu gaafachuun barbaachisa.
Dur gaaffiin akkanaa gaaffiiwwan hin tuqamne keessa ture. Isatu dogongora.
Namoonni, paartileen siyaasaa, akkasumas caasaan mootummaa ifatti irratti akka dubbatan akkasumas caasaan mootummaafi siyaasaa sarbama mirga namoomaaf saaxilan yoo jiraatan qoratamanii sirratuu qabu.
Sirreeffamni kuni heera fooyyessuus yoo dabalata ta'e fooyya'uu qaba. Heerris sanada fooyya'iinsi irratti hin taasifamne miti.
Yaada akkanaa yeroo kaaftu siyaasni keenya fiixee lamarra harkifamee waan jiruuf, namoonni hiikkaa siyaasaa kennuuf. Kanaanis, qeeqaafi haleellaan namarratti raawwata.
BBC: Guddaa galatoomaa!
Dr Daani'el: Isiniis galatoomaa.

Dr Daani'el Eenyu?
Dhaloonni isaanii magaalaa Finfinnee yoo ta'u filannoo ALI bara 1997 hordofee waggoota lamaaf hidhaa seenaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Barnoota isaanii Digirii sadaffaa Seera Idil-Addunyaan Yunivarsiitii Okisfordiirraa xumuran.
Kana dura Humaan Raayitis Wachiifi Aminastii Intarnaashinaal keessa gahee hooggansaafi gorsaa ta'un walumaa gala waggaa torba olif dalaganiiru. Dhaabbilee garaa garaa biroo keessas gorsaafi gahee biraan hojjetaniiru.
MM Abiy erga aangootti dhufanii booda Adoolessa bara 2019 kan muudaman yoo ta'u, ergasii humni qorannoo dhaabbatichaa akka cimuufi maqaa gaarii akka horatu taasisaa jiru.
Falmaafi rogeessi mirga dhala namaa kuni yeroo biyyattiitti rakkoon siyaasaa hammaatetti qorannoowwan mirga namoomaa gaggeeffaman dura aantummaan hoogganaa jiru.



















