Intarneetiin 5G Itiyoo-telekoom dhiyootti nan diriirsa jedhe maali?

Madda suuraa, Getty Images
Maqaa Afaan Ingiliiziin ‘Fifth Generation’ ykn intarneetii mobaayilii dhaloota shanaffaa jedhamuun beekamu, yeroo dhiyootti gara Itoophiyaa galchuuf akka tahe dhiyeessaan neetworkii biyyattii Itiyoo-telekoom beeksiseera.
Dhaabbatichi hojii 4G babal’isuu gaafan xumuru gara 5G biyyattiif kan jalqabaa tahe dhiyeessutti akka ce’u dhiyoo kana beeksiseera.
Itoophiyaan intarneetii 5G galchuu kan yaadde kaampaanii teeknolojii Chaayinaa Huwaawwee waliin tahuudhaan.
Yeroo ammaa Afrikaatti intarneetii 5G kan fayyadamaa jiran Keeniyaafi Afrikaa Kibbaa qofadha.
Hoji-raawwachiiftuun Olaantuu Itiyoo-telekoom Fireehiwoot Taammiruu oduu kana kan himan dhaabbatni isaanii magaalota 52f intarneetii 4G diriirsuu erga ibsaniin boodadha.
Intarneetiin 5G maalii? Jireenya keenya jijjiiruu malaa? Bilbila gosa kamiin argachuu dandeenya?
5Gn gosoota intarneetii hamma yoonaa beeknu, E, O, GPRS akkasumas 3G fi 4G irraa saffisa adda tahe qaba.
Intarneetiin dhaloota shanaffaa ykn 5Gn isa yeroo ammaa namoonni baay’inaan itti fayyadaman 4G irra saffisa dachaa 20n caala.
Kana jechuun, daataa kamiyyuu intarneetii irratti fe’uuf ykn buusuuf yeroon nuttii fudhatu dachaa 20 gadi-hir’ataa jechuudha,
Teeknolojii raadiyoo ispeektiram jedhamu kan fayyadamu 5Gn yeroo tokkotti bilbilooti baayyee intarneetiin akka wal-quunnaman godha.
‘’Wantoota amma bilbila keenyarratti dalagnu mara saffisa foyya’aa taheen dalaguu dandeenyaa jechuudha,’’ jedhu hojjetaan dhaabbata daataa bilbila mobaayilii ‘Open Signal’ jedhamuu, Iyaan Foog.
Dirooniiwwan kaameraa fe’anii samiirraa gadi waraaban teeknolojii kanaan deeggaramanii balaan ibiddaa jiraachuu yoo sakatta’an, poolisii tiraafikaa yeroo gargaaran yaadaamee. Kana dhugoomsuudhaaf teeknolojiin 5G kun murteessaadha.
Faayidaan 5G inni kaan konkolaataan shufeera malee deemu akka garaatti akka socho’u gargaara jedhameera. Konkolaataawwan dhaloota dhufuu kunneen konkolaataawwan biroo ykn sirna tiraafikaa waliin wal simanii hojjechuudhaaf 5G isaan barbaachisa.
Geemiiwwan mobaayilii saffisa ni qabaatu. Fiilmiis rakkoo malee ilaaluu dandeessu. Viidiyoodhaan maatiifi fira keessan waliin bilisummaan haasa’uu dandeessu.

Madda suuraa, Getty Images
Teeknolojiin kun biyyoota jajjaboo addunyaa Ameerikaafi Chaayinaallee walitti buuseera. Sababiinsaa immoo maallaqadha.
Teeknolojii dhaloota egeree kana to’achuu jechuun miiliyoonotaaf carraa hojii uumuu, akkasumas galii doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu argachuu jechuudha.
Teeknolojiin kun akkamiin hojjeta?
Teeknolojii raadiyoo ispeektiram jedhamu kan fayyadamu 5Gn, jalqaba kan hojiirra oolu dhaabota neetwarkii dhiyeessaniin. Dhaabonni kunneen tajaajila kana kan kennan intarneetii 4G guddisuuf akka isaan gargaarudha.
Ispeektiramiin 5Gn fayyadamu dhaabota networkii mobaayilii dhiyeessan irratti hundaa’a.
Dhaabbatichi meeshaalee daddabarsan baayyee dhaabuuf humna qaba yoo taheef intarneetii foyya’aa tahe qabaachuu dandeessu.
Haatahu malee, teeknolojii kana diriirsuuf baasiin bahu salphaa gatii hin taaneef dhaabonni networkii dhiyeessan rakkoon isaan mudachuu akka malu beekamaadha.
Saffisni isaa hangami?
Yeroo ammaa intarneetiin 4G namoonni baayyee itti fayyadamaa jiran gidduugalaan sekandii tokkotti daataa megaabaayitii 45 naannessa.
Tahus 4Gn sekandii tokkotti intarneetii hanga giggaabaayitii 1 dhiyeessuu akka danda’u ni himama.
5Gn saffisa intarneetii kanaa dachaa 10 hanga 20 geessisuu mala. Kana jechuun, faayila onlaayiniirraa buusuuf ykn dhimma biraaf fayyadamuuf intarneetiin keessan harka 20 saffisaa jechuudha.
Saffisa kanaan fiilmii qulqullina olaanaa taheen hojjetame tokko daqiiqaa tokko keessatti onlaayiniirraa buusuu dandeessuu jechuudha.
5Gn maaliif nubarbaachisa?
Addunyaan keenya addunyaa teeknolojii odeeffannoo tahaa jirti. Daataan namoonni waggaa waggaan fayyadaman dabalaa jira.
Keesumaa viidiyoowwan bashannansiisaniifi barsiisan kan kallattiin ykn ‘Live’ darban intarneetii fooyya’aa tahe barbaadu.
Raadiyoo ispeektiramiiwwan amma hojiirra oolaa jiran dhiphachaa jiru. Keesumaa ammoo namoonni baayyee iddoo tokkotti, yeroo wal-fakkaataatti networkii argachuuf yeroo yaalan teeknolojiin baachuu dadhaba.
Teeknolojiin 5G kun kaameraa eegumsaafi ibsaa daandii yeroo tokkotti namoonni baayyee akka itti fayyadaman gargaara.
5G fayyadamuuf bilbilli haaraa barbaachisaa?
Isin barbaachisuu hin oolu. Tahus 4Gn bara 2009/10tti yeroo gadhiifamu, bilbilooti kana baachuu danda’an gara gabaatti dhufuu jalqaban.
Ammas taanaan bilbilooti teeknolojii kana baachuu danda’an gara gabaatti dhufuun isaanii hin oolu.
Teeknolojiin kun baadiyyaa gahaa?
5G kana hojiirra kan oolchan dhaabota kanneen akka Itiyoo-telekoom yeroo tahan, dhaabni kunis naannoo waajirasaafi buufata xiyyaaraa Boolee fa’itti hojjechiisuu akka jalqabu beeksiseera.
5Gn dafee gara baadiyyaa qaqqaba jechuun rakkisuus yeroo eegee gahuun hin hafu.
Itoophiyaan akka Keeniyaafi Afrikaa Kibbaa tarree warreen teeknolojii kana dursanii galchan cinaa hiriiruuf tattaafachaa jirti.
Yeroo dhiyootti Itoophiyaatti socho’uuf eeyyama kan argate ‘Global Partnership for Ethiopia’ intarneetii diriirsuu 4G dhaan eegalee gara 5Gtti akka ce’u beeksiseera.


















