Boeing fi Airbus tekinooloojiin 5G yaaddoo nageenya xiyyaaraa ta’a jechuun US akeekkachiisan

Madda suuraa, Getty Images
Gaggeessitoonni dhaabbata xiyyaara omishan addunyaa gurguddoo lama— Boeing fi Airbus sodaa nageenya xiyyaaraaf qaa irraa ka'uun tajaajila tekinooloojii 5G amma gadhiisuurra akka tursiifamuuf mootummaa US gaafatan.
Xalayaa mootummaaf barreessaniin gaggeessitoonni kunneen tekinooloojiin 5G kun, “industirrii aveeshiniirratti miidhaa guddaa qaqqabsiisu qaba,” jedhan.
Kanaan dura yaadoon C-Band spectrum 5G waayelees elektirooniksii xiyaaraa jeequu mala jedhu ka’aa tureera.
Dhabbanni telekoom gurguddoo AT&T fi Verizon Amajji 5 iraa kaasanii tekinooloojii 5G kana hojii jalqabsiisuuf jiru jedhameera.
“Gidduu seenuun 5G xiyyaarri haala nagaa ta’een dalaguu isaa baayyee miidha,” jedhan gaggeessitoonni Boeing fi Airbus Dave Calhoun fi Jeffrey Knittel xalayaa waloo Tajaajila Geejjibaa USf barreessaniin.
Xalayaan isaan barreessan kun qorannooo garee daldalaa Ayirlaayens for Ameerikaa jedhamuun gaggeeffame eereera. Akka argannoo qorannaa kanaatti, osoo danbiiwwan 5G Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa (FAA) bara 2019 keessa hojiirra oola ta’ee, balaliiiwwan imaltootaa 345,000 fi balaiiwwan kaargoo 5,400 ta’an akka duubatti harkifatan, kallattii isaaniirra maqan ykn haqamu ture.
Industiriin aveeshiniifi Bulchiinsi Aveeshinii Federaalaa (FAA) US carraa 5Gn meeshaalee xiyyaaraa eensetiiv ta’an akka raadiyoo meetira altiitiyudii gidduu seenuuf carraa guddaa qaba jechuun soda qaban kaasaniiru.
“Airbus fi Boeing US keessatti industirii aveeshinii keessatti warra gahee qaban biroo waliin ta’uudhaan carraa tekinooloojiin 5G altimeetira raadiyoo xiyyaaraa gidduu seenuu inni qabaatu irratti hojjechaa turaniiru.
“Carraa balaa jiraachuu malu ittisuudhaaf Yaadni Furmaataa Nageenya Aveeshinii ilaalcha keessa akka galuuf Qajeelcha Geejjibaa Usf dhiyaateera.”
Ji’a kana keessa FAAn qajeelfamawwan nageenyaa akka tekinooloojiin 5G gidduu-seenuun akka balali’insi karaarraa maqfamu taasisa jechuun osoo Amajji 5 irra 5Gn hin gadhiifamiin dura odeeffannoo dabalataa akka dhiyeessu himeera.
Sadaasa keessa dhaabbileen telekomii AT&T fi Verizon tajaajila C-Band waayerlees jalqabuuf turanhanga Amajji 5tti kan tursiisan yoo ta’u, giddu-seentummaa tekinooloojiin kun uuma daangessuuf tarkaanfiiwwan of eeggannoo tolchineerra jedhu.
Gareewwan industirii aveeshinii ammoo tarkaanfiiwwan jedhaman gahaa miti jedhu. Fakkeenyaaf, Airbus fi Boeing buufataaleen xiyyaaraafi bakkeewwan biroo murteessoo ta’an keessatti tatamsa’inawwan tekinooloojii bilbila harkaa daangessa jedhan gama isaaniitiin dhiyeessaniiru.















