Mobaayilii kan oomishu Huawei'n qoqqobbii US booda horiisa booyyee seene

Madda suuraa, Getty Images
Kaampaaniin mobaayiliifi meeshaalee kaan oomishuun beekamu Huawei'n horsiftoota booyyee teknolojiin tumsuutti seenuu isaa beeksise.
Dhaabbatichi kan kanatti seenuuf dirqameef qoqqobbiin cimaa Ameerikaarraa irra kaa'ame galii biraa argachuuf hojii haaraa akka eegalu waan dirqeefi.
Erga nageenya biyyaalessaa US'f yaaddessaadha jedhamee dhaabbatichi gurgurtaa mobaayilii irratti rakkoon isa qunnameera.
Tekinoloojii Hubannoo Nam-tolchee (AI) fayyadamuun horsiftoota booyyee gargaaruun alatti indastirii albuuda cilee baasurratti dalagaa jira.
Pirezidantiin duraanii US Donaald Tiraamp odeeffannoo maamiltootaa mootummaatti qooda jechuun dhaabbaticha himatu. Huawei'n garuu kana ni balaaleeffata.
Sababa kanaan dhaabbanni guddichi addunyaa meeshaalee telekoomii oomishu Huwaaween eeyyama modeelota 5G Ameerikaatti galchuu waan dhorkameef modeelota 4G qofaaf dhiheessuuf dirqame.
Sababa sodaa nageenya biyyaalessaan misooma modeela networkii 5G UK keessaas akka bahu taheera.
Gabaasaaleen dhaabbatichi waggaa kana oomisha isaa 60% ni hir'isa jedhanis, dhaabbatichi kana hin mirkaneessine.
Dubbii himaan dhaabbatichaa rakkoon meeshaalee qulqullina qabu dhiheessuu dhabu osoo hin taane, bakka dorgommiitu mijatuu dhabe jechuun dhaabbatichi muddama biyyootaa giddutti rakkatuu himan.
Dabalataan dhaabbatichi oomisha konkolaataa addaafi kaanitti seenuf yaada qaba.
Indastiriin guddichi horsiisa booyyee Chaayinaa keessatti argama. Teknolojiin immoo indastirii kana ammayyeessuun cinatti dhukkuba booyyee mudatu baruufi isaan to'achuuf hojiirra oolaa jira.














