Sirni awwaalcha 'Adobe Flash' raawwate

Madda suuraa, Getty Images/David Firth
Wayita intarneetii irratti kallattiin viidiyoo daawwachuuf ykn geemii taphachuuf jettan, 'Adobe Flash' hin qabdu ykn haaressi jedhee isin didee beeka taanaan amma obbaafattaniittu.
'Adobe Flash' marsariitiiwwan irratti animeeshinoonni, viidiyoowwanii fi geemiin adda addaa akka taphatamu kan taasisu yoo ta'u barri isaa amma raawwateera.
Bara 1996 tajaajila kan eegale teekinoolojiin kun namootni intarneetiitti caalatti akka dhimma bahan gochuun jaalatamummaa argatee ture.
Haa ta'u malee of ammayoomsee jabana bilbila 'smartphone' jedhamaniittu of ceesisuu hin dandeenye.
Amma booda intarneetii yoo bantan 'Adobe Flash' hin qabdu ykn haaromsi hin jedhamtan. Yoo kan 'browser' keessanirratti fe'ame jiraatellee akka 'uninstall' gootan ykn balleesitan jedhe kaampaniin Adobe.
Amajjii 12 booda viidiyoowwan fi animeeshinoonni 'Adobe Flash' isin gaafatan hin jiraatan.
Maaltu maal ta'e?
'Adobe Flash' wayita tajaajila eegalu kanneen intarneetii fayyadaman tooftaa qunnamtii intarneetii 'dial-up' jedhamu kan baay'ee harkifataa ta'e fayyadamu turan.
'Flash' garuu dizaayinaroonni marsariitii salphaatti qabiyyee nama hawwatu kan salphaatti buufamuu ykn 'download' ta'uu danda'u akka qopheessan gargaare.
Namni tokko osoo 'browser' isaa gadi dhiisee hin bahiin animeeshinoota gara garaa akka daawwatu taasisee ture.
Animeshinii qofa osoo hin taane marsariitiiwwan akka Youtube viidiyoo qulqullina olaanaa qaban kallattiin akka agarsiisan (streaming) gargaare.
Bara 2009 'Flash' kompiitaroota intarneetii qaban dhibbeentaa 99 irratti fe'amee ture jedha kaampaniin Adobe.
Wayita addunyaan gara bilbila ismaartifooniitti cehutti garuu Adobe harkifataa ta'e.
Kaampaanichi 'Flash' bilbiloota irratti akka hojjetu gochuuf yaalus milkaa'ina koompitara irratti argate irra deebi'uu hin dandeenye.
Eebla bara 2010 hundeessaan 'Apple' Istiiv Joobs maaliif 'Flash' iPhone fi iPad irratti akka hojjetu akka hin hayyamne barruu barreesse.

Madda suuraa, Reuters
'Flash' meeshaalee 'touchscreen' ta'an irratti hojjechuuf ni ulfaata, hin amanamu, yaaddoo nageenyaa qaba akkasumas baatiriin dafee akka dulloomu taasisa jedha.
Viidiyoowwani fi animeeshinoonni HTML5 fi teekinoolojiiwwan kaan fayyadamuun taphachiisuun ni danda'ama kanaaf 'Flash' taabileetii ykn ismaartifoniif bu'aa hin qabu jedhe.
Boodarra 'Adobe'n gosa 'Flash' salphaatti ismaartifooniirratti hojjetu kalaqullee, yeroo kanatti dhaabbileen akka Facebook, Netflix fi Youtube akkanumaan viidiyoowwan fi animeeshinoota kallattiin taphachiiduu eegalanii turan.
Kanaaf Sadaasa bara 2011 kaampaniin Adobe bilbiloota harkaaf 'Flash' omishuu itti dhiise.
Kompitarootaaf 'Adobe Flash' omishuu itti fufullee sooftiweerichi rakkoo nageenyaa hedduu horachuu eegale.
Bara 2015 kaampaniin Apple 'browser' isaa Safari jedhamu keessaa sooftiweericha haqe. Booda Google Chrome illee akkasumas qabiyyee 'Flash' dhorkuu eegale.
Adoolessa bara 2017, bara 2020tti 'Adobe Flash' tajaajilaan ala akka godhu kaampaniin Adobe beeksise.
Teekinoolojiiwwan akka HTML5 fi kaan waan jiraniif 'Adobe Flash' barbaachisummaan isaa raawwateera jedhe.
Animeeshinoonni durii akkam ta'u?
Amajjii 12 irraa eegalee 'Adobe Flash' waan tajaajilaan ala ta'uuf animeeshinoonni, viidiyoowwani fi geemiiwwan sooftiweerii kanaan tolfaman baduu malu yaaddoon jedhu jira.
Kaampaniin geemii Zynga jedhamu geemii isaa 'Farmville' jedhamu isa qaraa kan waggoota 11f sooftiweerii kanarratti hirkatee taphatamaa ture cufee jira.
Haa ta'u malee osoo softiweeriin kun barbaachisiin qabiyyeewwan isaan hojjetaman akka taphatan kan taasisu pirojektiin 'Ruffle' jedhamu hojii eegaleera.

Madda suuraa, Zynga
Ammaantana qabiyyeewwan 'Adobe Flash'n hojjetan 2000 oltu intarneetii gubbaa jira.
Waggoota 20 darbaniif maamiloota 'Adobe Flash' fayyadamaa turan hedduu galateeffanna jedheera kaampaanichi wayita softiweerii kana tajaajilaan ala gochuuf gulantaa xumuraarra jiru kanatti.
Qooda 'Adobe Flash' gumaachetti hedduu boonnas jedheera.
Kompiitara keenyarraa 'Flash' akkamiin haquu dandeenya?
'Adobe'n kompiitaroota Windows akkasumas Mac ta'anirraa akkamiin sooftiweericha haquun akka danda'amu marsariitii isaarra qajeelfama kaa'eera.
Amajjii 12 booda 'Adobe Flash' tajaajilaan ala waan ta'uuf sooftiweericha haquu ykn 'Uninstall' gochuun nageenya sirna koompiitaraa keessaniif ni fayyada jechuunis hubachiiseera.














