Xiyyaarri Booyiing '737 Max' ji'oota 20 booda yeroo duraaf Biraazilitti balaliitti deebi'e

Madda suuraa, Reuters
Bara 2019 keessa Xiyyaarri Booyiing 737 Max qabeenyummaan isaa kan Itoophiyaa ta'e kufee caccabbuu isaa hordofee akka hin balaliine erga murtaahee booda Biraaziilitti yerooo duraaf xiyyarri kun hojii itti fufeera.
Daandiin Xiyyaaraa Biraazil Gol jedhamu xiyyaara kanaan imala biyya keessaa isa jalqabaa taasiseera.
Xiyyaarri Booyiiing 737 Max bara 2019 keessa garaagarummaa ji'oota shaniin balaan lubbuu namoota 346 galaafate Indoneezhiyaafi Itoophiyaatti erga erga isa mudatee booda akka hin balaliine kan ta'e.
Rakkoo teeknikaa gosti xiyyaaraa kun qabu erga ilaalamee sirrattee booda Biraaziil keessatti xiyyaarri kun Saawoo Pooloo irraa gara Poortoo Aleegreetti balali'eera.
Daandiin xiyyaaraa 'Gol' kanaan dura balaliistootni(Paayiletootni) isaa 140 ta'an US'tti leenjii teeknikaa xiyyaara kanaa fudhataniiruu jedheera.
Hanga ammaattiis US fi Biraaziil qofatu gosa xiyyaaraa kanaaf beekamtii balali'uu deebisee kenneef.
Biraaziil keessatti imala biyya keessa taasisuun guddicha kan ta'e daandiin xiyyaaraa 'Gol' gosa xiyyaaraa Booyiing '737 Max' torba kan qabu yoo ta'u, imala biyya keessaa 27 irratti itti fayyadamuuf karoora qaba.
Balaawwan addunyaa rifaasisan lama booda kaamapniin xiyyaarota kana omishu Booyiing xiyyara kana irratti sooftiweerii to'annoo balalii dabalatee sirna xiyyaarichaa irratti fooyya'iinsa godheera.
Pireezidantii Itti aanaan opireeshinii daandii xiyyaaraa Biraaziil Gol Seelsoo Fereer fooyya'insa taasifameen booda xiyyaaricharraa amantaa guutuu qabnaa jedhaniiru.
Dubbii himaan kaamapanichaa AFP'tti yoo himan imaltootni gosa xiyyaaraa kanaan imaluu yoo hin barbaanne kaffaltii dabalataa malee balalii biraan ni mijaahaaf jedhaniiru.
''Adda addumaan kanfaltii osoo hin jiraatiin imalli isaanii ka'umsaafi gahuumsa walfakkaataan tikeeta bitanii ji'a 12 keessatti jijjiiruufi danda'u'' jedhan dubbii himaan daandii qilleensichaa.
Xiyyaaronni isaa balaliitti deebi'uun Booyingiif aara galfiidha. Daandii xiyyaaraa Biraaziil Gol gosoota xiyyaaraa 737 Max 95 ajajee akka jirullee ibseera.
















